Ameerikaan qoqqobbii boba'aa Iraan irra keessee turte laaffiste

Madda suuraa, Reuters
Ameerikaan waggoota booda boba'aan Iraan doolaaraan akka gurgurame eeyyamuun qoqqobbii Tehraan irra ture yeroof laaffisuu ibsite.
Kunis guyyoota 60f kan turu yoo ta'u, kan ibse ammoo Biiroo Maallaqaa US.
Yeroo kana keessatti Iraan boba'aa akkasumas oomishaalee peetirookeemikaalaa gurguruu fi gara alaa erguu dandeessi.
Tarkaanfiin kun akka Iraan boba'aashee kallattiin gara US ergitus ni dandeessisa.
Dabalataan Iraan daddabarsa maallaqaa karaa baankii, inshuuraansii fi geejjiba irraa qoqqobbii kaasuun hojimaata walxaxaa biyyattiin boba'aashee gurguruuf keessa turte kan furuudha.
Hoogganaan Biiroo Maallaqaa Ameerikaa Iskoot Beensant Iraan bakka qoqqobbiin irraa laaffifame Ulaa Hormuuz banuuf waadaa galteetti jedhe.
Akkasumas to'attoonni Ejansii Anniisaa Atoomawaa Idiladdunyaa sagantaa nukilaraashee hordofuuf akka biyyashee seenan Iraan ni eeyyamti jedhe qondaalli kun.
Iraan garuu to'attoonni nukilaraa biyyashee ni seenu kan jedhame kana haalteetti.





