Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, US fi Iraan waraana dhaabuuf waliigalteerra gahuu beeksisan

US fi Iraan "Libaanos keessatti dabalatee adda hundaan oppereeshinii waraanaa akka dhaaban" waliigalteerra gahuu Ministirri Muummee Paakistaan beeksise.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Waliigalteen mallattaa'eera' - Tiraamp

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp Ameerikaafi Iraan gidduu ''waliigalteen mallattaa'eera,'' jedhe.

    Tiraamp Pireezidantii Faransaay Imaanu'el Maakiroon waliin yeroo wal argetti dhimma kana dubbate.

    ''Mallattaa'eera, waliigalteen mallattaa'e jechuutti nan gammada,'' jedhe Tiraamp

    Qondaaloti Ameerikaa Waliigalteen Wal-hubannoo karaa elektiroonikiin Tiraampiifi Vaans akkasumas gama Iraaniin Dubbihimaa Paarlaamaa Mohaammad Baahiriin mallattaa'eera jedhanii ture.

    Sirni waliigaltee mallatteessuu ifatti torbee kana Jiniivaatti raawwata.

  2. Waliigalteen dhukaasa dhaabuu yeroo ammaatti Libaanos hin dabalatu - Qondaala US

    Qondaalli Ameerikaa tokko waliigalteen miilanaa akka Libaanos hin dabalanne himuun garuu mariin Israa'eliifi Libaanos gidduu adeemaa jira jedhe.

    ''Yoo Iraan Hezboollaa to'achuu baatteefi qubsumaafi magaalawwan Israa'el yoo haleelte, Israa'el mirga of ittisuu fi deebii kennuu qabdi,'' jechuun qondaalli kuni BBCtti hime.

    Iraaniifi michootishee, Ameerikaafi michooti keenyi wal-gaareffannaa dhaabsisuufi waliigalteen nagaa dhumaa akka jiraatu barbaadu jedhe.

    ''Kunis gareelee biyyoota kunneeniin deeggaraman ni dabalata,'' jechuunis ibseera.

    Ameerikaafi Iraan waliigalteerra gahuu booda Israa'el yeroo jalqabaaf Libaanos haleeluu miidiyaaleen Libaanos gabaasaniiru.

    Miidiyaan NNA jedhamu Israa'el ganda kibba Libaanos Kafaar Teebniit keessatti konkolaataa irratti qiyyafachuun shufeera ajjeesuu hime.

    Israa'el haleellaa kanarratti hamma yoonaa deebii hin kennine.

  3. 'Iraan waliin hariiroon yoo hin fooyyofne iddoo jalqabnetti deebina' - Tiraamp

    Tiraamp waliigalteen kuni Iraaniif qoqqobbii haaragalfii kennaafii jedhamuun gaafatamee ture.

    ''Lakki haara-galfii hin kennu,'' jechuun deebiseera.

    Pireezidantichi: ''Dhimma amalaati. Waan irraa eegamu yoo raawwatan, sun hojiirra ooluu jalqaba,'' jedhe.

    Ittaansuun waa'ee lolli Libaanoosiifi Hezbollaa rakkisaa tahuu dubbatee, Ameerikaan lola kana ''otoo kallattiin qabsiisanii barbaaddi,'' jedhe.

    ''Waanuma tasa dhuma hin qabne fakkaata,'' jedhe

    Kana malees haleellaa torbee darbe Ameerikaan Iraan irratti raawwatte eeruun ''halkan lamaaf haleellaatti deebi'uu keenyatti miira gaarii hin qabnu,'' jedhe.

    Ameerikaafi Iraan hariiroo gaarii uummatu jedhee akka abdatu himuun ''yoo tahuu baate, gara iddoo jalqabnetti deebina, garuu sun barbaachisaa natti hin fakkaatu,'' jedhan.

    Waliigalteen kuni Jiniivaatti yeroo mallattaa'u akka argamu gaafatame Pireezidantiin Ittaanaa JD Vaans waliigaltee kana akka mallatteessu himan.

  4. 'Waliigalteen kuni sanada kabajamaa dha' - Pireezidantii Iraan

    Pireezidantiin Iraan Masuud Peezeeshkihaan waliigalteen wal-hubannoo sirnaan yoo hojiirra oole- Iraaniif ''sanada kabaja qabu taha,'' jechuu miidiyaaleen biyyattii mootummaatti hidhata qaban IRIB fi Faars gabaasniiru.

    Miidiyaan Faars dabaluunis miseensoti Gumii Olaanaa Nageenya Biyyaalessaa harka 90 waliigalticha deeggaruu pireezidanticha eeruun ibseera.

    Dhimmooti biroo kaan ammoo ''yeroo isa sirriitti'' ragga'u jechuus miidiyaaleen kunneen gabaasaniiru.

  5. Dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa darban qaraxa kaffaluun irraa hin eegamu - JD Vaans

    Pireezidantiin Ittaanaa Ameerikaa JD Vaans dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa darban Iraaniif qaraxa kaffaluun akka irraa hin eegamne waliigaltee Dilbataa keessa jira jedhan.

    ''Waan eegaa jirru Ulaan Hormuuz banaa tahee akka turu dha,'' jechuun Vaans miidiyaa CNBC'tti himaniiru.

    Waraanni erga jalqabee kaasee Iraan dooniiwwan ulaa kana keessa darbanirraa kaffaltii funaanaa turte.

    Vaans Ulaa Hormuuz kana yeroodhaaf kaffaltiin ala fayyadamuun akka jiraatu himanii dhaabbataan banaa gochuuf ammoo Iraan waliin mariin geggeefama,'' jedhan.

    ''Marii teeknikaa adeemaa jiru dhimmi furuu hojjetaa jirru kana faa'a,'' jechuun himan.

    ''Dhimmoota ijoo furamuu qaban irratti teenyee marii'achuun waan fuulduratti nu tarkaanfachiisu irratti ni marii'anna,'' jedhan.

  6. 'Nuyi fi Omaan dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa qajeelchina' - Iraan

    Dubbiihimaan Ministara Hajaa Alaa Iraan Ismaa'el Baagaahii Omaaniifi Iraan dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa 'nagaan' akka darban ''tarkaanfii barbaachisu'' akka fudhatan himan.

    Ismaa'el tarkaanfiin kunis ''qooda fudhattoota kaan waliin tahuun hojiirra oola,'' jedhan.

    Dabaluunis Ameerikaan miidhaa Iraan keessattii qaqqabsiiste deebistee ijaaruufi qoqqobbii diinagdee Iraan irraa kaasuuf waadaa seenuu Ismaa'el himaniiru.

    Dhimmoota lameen kanarrtti tarkaanfii fudhachuu Ameerikaan cichooma agarsiisuu himaniiru.

  7. Dr Teedroos lammii Itoophiyaa Afrikaa Kibbaatti ajjeefame irratti yaadni kennan atakaaroo kaase

    Hogganaan Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adaanoom lammiilee Itoophiyaafi Mozaambiik Afrikaa Kibbaa keessatti ajjeefamani irratti yaada kennaniin mootummaan biyyattii akkatti hin gammanne ibse.

    Dr Teedroos Dilbata kaleessaa Afrikaa Kibbaa keessatti ''haleellaan jibba nama haaraa marsaa biraa'' Afrikaa Kibbaa keessatti dabalaa jiraachuu eeruun ''gochaa qabsoo biyyattiin bilisummaaf taasifte kan ganu dha,'' jechuun ibsaniiru.

    Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kuni haleellaan jibba nama haaraatiin raawwatu lubbuu namaa karaatti hambisaa jiraachuu himuun lammiilee Itoophiyaafi Mozaambiik dhihoo ajjeefaman akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

    Kanaan booda qondaaloti Afrikaa Kibbaa yaadni hoggantichaa sirrii akka hin taane eeruun haleellaa jibba nama haaraa biyyattii keessatti uumameera jedhamuuf odeeffannoo sirriifi amanamaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf dhiyeessuu akka barbaadan himan.

    Dubbiihimaan Hajaa Alaa Afrikaa Kibbaa BBCtti akka himanitti lammiileen Dr Teedroos eeran lubbuu dhabuu isaaniitti akka gaddan himuun sababni garuu jibba nama haaraa miti jechuun waakkataniiru.

    Dabalunis duuti lammii Itoophiyaa yakka qindaa'e waliin akka wal-qabatu himuun kan lammii Moozaambiik ammoo qoratamaa jira jedhaniiru.

    Torbanoota muraasa darban ilaalchi farra lammiilee Afrikaa biroo kallattiifi al-kallattiin Afrikaa Kibbaa keessatti mul'achaa jira.

    Mootummaan biyyattii baqattoota seeraan alaa akka to'atuuf hiriirri mormii yeroo garagaraatti adeemsifameera.

  8. Chaayinaan hogganoota Waldaa Kiristaanaa dhoksaa geggeessan hiite

    Akka waldaan Kiristaanaa Pirooteestaantii jedhutti hogganooti lameen ijoollee dabalatee miseensonni waldichaa marafamanii gaaffii gaafatamuun booda to'annoo jala oolan.

    Yeroo poolisiin itti seenu miseensonni waldaa Early Rain Covenant kibba-lixa Chaayinaa Jiaaguu tajaajila guyyaa Sambataarra akka turan ibsa waldichi Wiixata har'aa baaseen ifa taheera.

    Waldaan kuni bara 2008 magaalaa Chengduu keessatti hundaa'e, Chaayinaa Paartii Kooministiin hoogganamtu keessatti waldaan kuni itti dhiyeenyaan hordofamaa tureera.

    Hundeessaan waldichaa Paatar Waaang Yii bara 2018 qabamee hidhaa waggaa sagalii tajaajilaa jira. Kunis ''aangoo mootummaa gadi xiqqeessuu fi daldala seeraan alaa raawwachuun,'' himatamee ture.

    Hogganoota miilana hidhamaniif sababiin ifaa hamma yoonaa kenname hin jiru. Mootummaan Chaayinaa deebii ykn ibsa kenne hin qabu.

    Waldaan amantoota humna waraana adda Chaayinaa SWAT jedhamuun marfamanii hoteela keessatti taa'an qoodeera.

    Yeroo waldaan kuni marfamu poolisooti 50 ol bobbaafamanii akka ture amantoonni himaniiru.

    Hogganootaafi miseensoti 30 ol ''humnaan fuudhamanii konkolaataa poolisiin gara wiirtuu mana hidhaatti geeffamaniiru,'' jette waldaan.

    Yeroo waan kuni hundi tahu amantoonni ''faarfachaafi kadhataa turan'' kan jette waldattiin boodarra baayyeen isaan gad lakkifamuu himteetti.

  9. Wellisaa Sammaahanyi Baloo du'aan boqote

    Wellisaan Sammaahanyi Baloo addunyaa kanarraa du'aan boqote.

    Wellisaan Sammaahanyi maqaa masoo Sammee Baalaagaruu jedhamuun beekamu dhukkubsatee wal'aanamaa turus, har'a Wax. 15, 2026 addunyaa kanarraa du'aan boqochuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

    Weellisaan Sammaahanyi hojiiwwan muuziqaa aadaa fi qabiyyeewwan biroo adda addaa qaban Afaan Amaaraan dhaggeeffattootaa fi daawwattootaaf gumaacheera.

    Hojiiwwan muuziqaa aartistiin kun uummataaf gumaache keessaa Nayi Zamadiyyee, Indeet Nash, Daboot Insiraa, Zanaa Bayi, Baalaagarii fi kanneen biroo ni argamu.

    Wellisaa Sammahanyi Baloo nama bultii qabuu fi abbaa ijoollee afurii akka ture ibsameera.

  10. Sagantaa nukilaraa Iraan akkam ta'a?

    Iraanii fi US sagantaa nukilaraa Iraan irratti waliigaluu ibsan.

    Sagantaan nukilaraa Iraan dhimma ijoo waldhibdee waraanatti isaan galche ture kanarratti waliigaltee amma mallattaaye kanatti aanee guyyoota 60 itti aananiif akka irratti mari'atamu ibsameera.

    Sagantaa nukilaraa ilaalchisee ejjennoon jiru kunooti:

    Gareen lamaanuu Iraan meeshaa waraanaa nukilarii akka hin oomishnee fi hin hidhanne waliigaluu ibsan. Kun waadaa Teehraan waggoota kurnanoota darbaniif seenaa turtedha.

    Aangawaa olaanaan Iraan tokko Rooytarsitti akka himetti waliigalteen dhumaa qophaawaa jiru, Iraan sochii nukilarii akka dhaabdu, gabbisa yuraaniyemii dabalataa akka hin goone, fi buufataalee nukilarii babal'isuurraa akka of qusattu eera.

    Akka aangawaan kun jedhutti, Ameerikaan kuusaa yuraaniyemii Iraan gabbatee jiru achuma Iraan keessatti ni dhabamsiifti jedha waliigalteen qophaawu kun.

    Tiraamp Sanbat duraa akka jedhetti yuraaniyemii gabbate dhabamsiisuun waan muddama barbaachisu miti. Ameerikaan "suutuma jettee" ni raawwatti jedhan.

    Mootummaan Iraan waan dhimma kanaan walqabsiisee dalagus ciminaan akka hordofamu waliigaltee kam keessattuu ni jiraata jedhe Tiraamp.

  11. Waliigalteen booda gatiin boba'aa hir'isuu isa waraanaan duratti hin deebine

    Erga Ameerikaa fi Iraan waliigaltee labsanii gatiin gaasii uumamaa UK keessatti %6 gad bu'ueera. Haa tahu malee isa waraanaan durarraa ammayyuu %50 ol jira. Gabaa kanarratti ammallee waanti mirkanaa hin jiru.

    Boba'aa dhangala'aa harka jireessa kan oomishu Qataari dha. Sababa cufamuu Ulaa Hormuuziin geejiba boba'aa kanarratti dorgommiin waan uumameef gatii boba'aa Awurooppaa ol kaaseera.

    UK'n boba'aan Qataar irraa argattu xiqqoo tahus dhiibbaan cufamuu ulaa kanaan dhiyeessii boba'aa addunyaan akkaan miidheera.

    Yoo geejibni Qataar iddootti deebi'e gatiin boba'aa dabalee jiru akka salphatu amanama. Qataar keessatti oomisha kana iddootti deebisuun adeemsa wal-xaxaa waan taheef yeroo hamma ji'a tokkoo fudhachuu mala.

    Boba'aa kana gara iddoo qaqqabuu malutti bobbaasuunis dhimma torbanoota fudhatu dha. Akka ogeeyyiin jedhanitti hamma torbee ja'aa fudhachuu mala. Kunis oomishni boba'aa kanaa jalqabuu hanga dhiyeessiif qaqqabutti dha jechuu dha.

    Awurooppaan ammayyuu yeroo qorraa dhufaa jiruufi kuufama guddaa ishee barbaachisu qopheessaa jirti.

  12. Waliigalteen kuni 'Israa'eliifi addunyaa bilisaa hundaaf waan gaarii miti' - Ministara Israa'el

    Ministirri Faaayinaansii Israa'el ilaalcha ganamaatti cichu Beezaaleel Ismootriich waliigalteen Israa'eliifi Ameerikaa "Israa'eliifi addunyaa bilisaa hundaaf gaarii miti," jedhe.

    "Mootummaa kana (Iraan) fonqolchuuf nuti duula kana ofii itti fufuu qabna,"jechuun "meeshaa waraanaa nukilarii tasa akka hin qabaanne mirkaneessuu qabna,'' jedhee X irratti isa barreesse AFP'n afaan biyyattiirraa hiikee gabaaseera.

    "Duulli waloo Ameerikaafi Israa'el mootummaa Iraan dadhabsiisuun waan baayyee milkeesseera, sun waan bushaa'ee hafu miti," jedhe Beezaaleel.

    Kana dura Ministarri Nageenya Biyyaalessaa Israa'el Been Gaviirillee waliigaltee kana qeeqee, ''waliigaltee nageenya keenya hin mirkaneessinetti qooda hin fudhannu, ittiin hin bitamnu,'' jedhe.

    Akkuma Been Gaaviir Beezaaleel irratti UK'n fa'a qoqqobbii kan irratti kaa'an yoo tahu biyyooti kaanis hawaasa Falasxiin irratti haleellaa labsa jechuun isa qoqqobaniiru.

  13. Israa'elii fi Ameerikaan ejjennoo tokkorra hin jiran - Xiinxala

    Mata-dureen fuula jalqabaa Gaazexaa beekamaa Israa'el Yedioth Ahronoth maxxansa ganama har'aa waayee "atakaaroti.''

    Ameerikaa fi Iraan jidduu osoo hin taane, Pirezdaant Donaald Tiraamp fi Benjaamin Neetaniyaahuu jidduu.

    Ameerikaa fi michuun ishee jabduun Baha Jiddugaleessaa Israa'el waliigaltee kanarratti ejjennoo wal fakkaataa hin qaban.

    Israa'elitti hin himamne. Kaleessa galgala haasawa New York Times irratti tolcheen Tiraamp, Neetaniyaahuu "nama baay'ee rakkisaadha" jedheen.

    Biyya keessatti qorannoo yaada uummataatiin dhiibbaa keessa kan jiruu fi Mudde dhufu keessa filannoon konngiresii marsaa walakkaa kan dhiyaate, Traamp fudhatamummaan isaa akkaan gadi bu'eera. Waraana baasii guddaa gaafatu kana xumuruuf akka hawwus ifa dha.

    Haa ta'u malee, Israa'el keessatti Neetaaniyaahuun waraanichi akka itti fufuuf dhiibbaa guddaa keessa jira.

    Innis ji'oota muraasa keessatti filannoo isa dura kan jiru yoo ta'u, qorannoon yaada uummataa akka agarsiisutti barri aangoosaas ni xumurama. Himatni malaammaltummaa inni haalus itti banamee hidhaaf saaxilamuu danda'a.

    Akka hogganaa yeroo waraanaatti of dhiyeessuun, nageenya Israa'el eeguun, carraa inni siyaasa keessatti itti fufuuf qabu akka dabaluutti eegama.

  14. Iraan haleellaan Libaanos keessatti raawwatu guutummaatti dhaabbachuu qaba jette

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii Wiixata har'aa gitoota isaanii kan Turkii, Iraaq fi Masirii waliin bilbilaan dubbataniiru.

    Araagchiin wayita ministiroota dhimma alaa biyyoota kunneenii dubbisan haleellaan Libaanos irratti raawwataa jiru ''guutummaatti dhaabbachuu akka qabu'' mari'achuu ibsan.

    Kana hojiirra oolchuun ammoo dirqama Ameerikaati jedhan.

    Ministira Ittisaa Israa'el kan ta'an Israa'el Kaatzi loltoota isaanii iddoowwan yaaddoo nageenyaa jechuun adda baasan buufatanii jiran kanneen akka kibba Libaanos, Gaazaa fi Sooriyaa keessaa akka hin baasne ibsan.

    Iraan haleellaan Libaanos keessatti yoo raawwate ''humna qabdu hunda fayyadamuun'' akka deebii kennitu akeekkachiisteetti.

    Kaatzi kibba Libaanos iddoo yaaddoo nageenyaa jechuun labsan jiraattota akkasumas ''bu'uuraalee misoomaa, manneen fi qabeenya Hizboollaan hidhata qaban'' hunda irraa ni qulqullaa'a jedhan.

  15. Mariin dhimma nukilaraa guyyoota 60 dhufan ni gaggeeffama- Iraan

    US waliin waliigaltee walhubannoorra ga'uu kan ibsan Ministirri dhimma alaa Itti Aanaa Iraan Kazem Garibabadii, waliigalteen kun Jimaata dhufu Siwiizarlaanditti akka mallattaa'uu himaniiru.

    Qondaalli Iraan kun biyyisaanii yoomiyyuu Ameerikaarraa akka shakkii qabdu ibsan.

    Ameerikaan waan irraa eegamuu fi waadaa seente akka kutannoon raawwattu xiyyeeffannaan akka hordofanis himan.

    Akka qondaalli Iraan kun jedhanitti haleellaa kaleessa Israa'el kibba Beeruutitti raawwatte hordofee akeekkachiisi Iraan US fi Israa'eliif kennite ''akka waliigaltee kanarra ga'amuu fi rakkoolee jiran keessaa gariin akka furaman,'' dhiibbaa uumeera.

    Waliigalteen irra ga'amu erga mariidhaan qaacceffamee booda guyyoota 60 keessatti waliigalteen dhumaa irra ga'ama jedhan qondaalli kun.

    Dhimmi qoqqobbii Iraan irraa kaasuu fi nukilara Iraan dhimmoota guyyoota 60 kana keessatti irratti mari'atamuun murtee argatan ta'uus himan.

    Diinagdee waraanaan barbadaa'e dandamachiisuu ilaalchisee wantoonni ta'uu qabanis qaama marii kanaati jedhan.

    Odeeffannoo kanaan walqabatan biroo:

  16. ''Waliigaltee nu hin hammanne kanaan hariiroo hin qabnu''- Ministira Israa'el

    Israa'el waliigaltee walhubannoo US fi Iraan irra ga'an kan Paakistaan ibsiterratti ibsa hin kennine.

    Leellistoota sirna duriitti cichan keessaa kan ta'e Ministirri Nageenya Biyyaalessaa Israa'el Itamar Ben-Gvir waliigaltee kana qeeqeera.

    ''Waliigaltee nageenya keenya hin mirkaneessine kanaan hariiroo hin qabnu. Kallattii kamiinuu nu hin hammatu,'' jedhe.

    Israa'el osoo Hizboollaa hin balleessin furmaati isheen argattu hin jiru jedhe.

    Kanaafuu haleellaan Libaanos keessatti Hizboollaa irratti gaggeeffamuu itti fufuu qaba jedhe qondaalli Israa'el kun.

    Itaamar Ben-Gvir Israa'el biyya of dandeessedha, harka Ameerikaa keessa hin jirtu jedhe

    Ben-Gvir mootummaa biyyasaallee qeequun beekama.

    Haleellaan uummata Filisxeem irratti akka raawwatu nama kakaasuun beekamuudha.

    Gocha isaa kanaafis UK fi biyyoonni kaan isa qoqqobaniiru.

  17. Qabxiilee US fi Iraan irratti waliigalan

    Miidiyaaleen Iraan waliigaltee waraana dhaabuuf biyyoonni lameen, US fi Iraan, irra ga'an keessatti qabxiilee hammataman ibsan.

    Qabxiileen miidiyaaleen Iraan dhiheessan kunneen ammaaf qaamoleen lamaaniin hin mirkanoofne.

    Miidiyaan Mehr jedhamu qabxiilee kunneen eere:

    • Libaanos dabalatee bakka hundatti dhukaasi ni dhaabbata
    • Ameerikaan dhimma Iraan keessa hin galtu
    • Ameerikaan guyyoota 30 keessatti uggura sochii galaanaa Iraan irraa ni kaasti
    • Waraanni Ameerikaa Iraan gadhiisee ni ba'a
    • Ulaan Hormuuz ''to'annoo Iraan jalatti'' guyyoota 30 keessatti ni banama
    • Ameerikaa fi michuuwwan ishee karoora mancaatii mudate dandamachiisuu doolaara biiliyoona 300tti tilmaamamu ni dhiheessu
    • Qoqqobbiin boba'aa fi oomishaalee anniisaa Iraan irra kaa'ame ni kaafama
    • Iraan meeshaalee waraanaa nukilaraa akka hin oomishnu irra deebiin mirkaneessiteetti
    • Ameerikaan lakkoofsa loltoota Baha Giddugaleessaa keessaa qabduu hin dabaltu, qoqqobbii haaraas hin keessu

    Miidiyaan kun dabaluun ''qabeenyi Iraan uggurame walakkaan hanga gadhiifamutti, qoqqobbiin boba'aa Iraan irra kaa'ame hanga ka'utti akkasumas uggurri sochii galaanaa Iraan hanga ka'utti waliigaltee dhumaarra hin ga'amu jechuun Iraan ibsuu gabaase.

    Waliigalteen inni dhumaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin ragga'uu akka qabu Iraan gaafachuus gabaaseera.

  18. Uggurri sochii galaanaa guyyoota 30 keessatti ka'a

    Erga US fi Iraan waraanadhaabuuf waliigaluu ibsanii miidiyaaleen Iraan uggurri sochii galaanaa guyyoota 30 keessatti ka'a jedhan.

    Qabxiilee Waliigaltee Wal Hubbannoo US fi Iraankeessaa tokko uggura sochii galaanarraa Ameerikaan keesse guyyoota 30 keessatti kaasudha jedhan.

    Erga Iraan hulaa Hormuuz cuftee Ameerikaan ammoo dooniiwwan fe'umsaa buufata doonii Iraanii akka hin baanee fi boba'aa ishee fe'uuf akka hin seenne dhorkitee turte.

    Boba'aan addunyaa %20 tahu karaa Hulaa Hormuuz kana darba.

    Erga Ebla 13 as gidduugalli ajaja waraanaa Ameerikaa Baha Gidduugaleessaa jiru dooniiwan sagal dhabamsiisee 135 akka kallattii jijjiiratan taasisuu ibse.

  19. Waa'ee waliigaltee US fi Iraan qabxiiwwan ijoo

    US fi Iraan waliigaltee wal hubannoorra ga'aniiru. Waliigaltee kanaan walqabatee qabxiiwwoon ijoo:

    • Dilbata ganama Israa'el ''Hizboollaan daangaa ishee keessatti haleellaa qilleensaa raawwachuu,'' himachuun, kibba Beeruut haleelte
    • Tiraamp haleellaan Israa'el ''waan mudachuu hin malle,'' jechuun, wayita Iraan waliin waliigalteerra ga'uutti dhihaatanitti gareen lameenuu akka haleellaa dhaaban akeekkachiise
    • Haleellaan kun marii US fi Iraan gidduutti deemaa ture gufachiisa jedhamee sodaatamee ture
    • Garuu sa'atiiwwan muraasa booda waliigalteen dhukaasa dhaabuu biyya jaarsummaan gidduu jirtu Paakistaaniin ibsame
    • Booda Tiraamp waliigaltecha mirkaneesse
    • Aanga'oonni Iraanis waliigalteerra ga'uu mirkaneessuun, Jimaata dhufu Siwiizarlaanditti akka mallattaa'u ibsan
    • Biyyoonni akka UK, Faransaay, Jarmanii fi Xaaliyaanii waliigaltee labsame kana simataniiru
    • Waliigalteen kun maal akka qabatu bal'inaan hin ibsamne, miidiyaan Iraan garuu waligalteen kun US akka Iraan irraa qoqqobbii kaastu, Iraan meeshaalee waraanaa nukilaraa oomishuu akka dhaabdu fi bakka hundatti dhukaasi akka dhaabbatu hammata jedhan.
    • Ministeerri dhimma alaa Iraan waliigalteen dhumaa guyyoota 60 dhufan keessatti waliigaltee dhumaarra ga'u jedhe.
  20. US fi Iraan waraana dhaabuuf waliigalteerra gahuu beeksisan

    US fi Iraan "Libaanos keessatti dabalatee adda hundaan oppereeshinii waraanaa akka dhaaban" waliigalteerra gahuu Ministirri Muummee Paakistaan beeksise.

    Waliigalteen kun Jimaata Siwiizerlaanditti akka mallatteeffamu kan hime MM Paakistaan Sheehbaaz Shariif, waliigalteen kun maal akka qabatu ilaalchisee odeeffannoon bahuuf jira jedheera.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp ammoo waliigalteen kun Jimaata mallatteefffamnaan “boba’aan ni yaa’a” jechuun dubbate. Waliigalteen US fi Iraan gidduutti taasifamuu hordofee gatiin boba’aa hir’ateera.

    Itti aanaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan waliigalteerra ga’amuu TV mootummaaf kan mirkaneessan yoo ta’u, ajajoonni waraanaa Iraan waliigaltee kana injifannoo Teehraan ta’eetti ibsaa jiru.

    Waraanni kun Guraandhala 28 US fi Israa’el haleellaa Iraan irratti gaggeessuun jalqabee, booda Iraan biyyoota Galoo Galaanaa michoota US ta’anirratti tarkaanfii fudhachuun babal’atee hanga Ulaan Hormuuz toora boba’aan addunyaa keessa darbu cufamuutti geessise.