"Tiraamp waliigaltee US-Iraan danquuf karoora qaba" - gabaasa

Madda suuraa, Reuters
Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuun Waliigaltee Wal-hubannoo USfi Iraan walii mallatteessan karoora qabaachuusaa tiki Ameerikaa irra gahuu miidiyaan Israa'el Haaretz gabaase.
Gabaasa Washingtan Post waabeffachuun miidiyaan Israa'el kun akka gabasetti, Netaaniyaahuun waliigaltee biyyoonni lamaan waliif mallatteessan danquu akka danda'u tiki Ameerikaa bira gahuun Tiraamp beeksisaniiru.
US waliigaltee Iraan waliin taasiste kanaan Israa'el hin hirmaachisne, ittiinis hin mariyanne. Keessumaa Libaanositti haleellan Israa'el akka dhaabbatu waliigaltee US-Iraan keessatti dabalamuun Israa'el heddu dheekkamsiise.
Dhimmi Israa'eliin yaaddesse kan biraa waa'ee misaa'eloota Iraan. Fedhiin Israa'el kun waliigalticha keessatti hammatamuu dhabuun Israa'eliif hin liqimfamne.
Kuni ammoo keessodhaa bulchiinsa Netaaniyaahuu irratti qeeqa guddaa kaasuun akka waan harka laatetti komatamaa jira.
Israa'elifi Hezbollaan dhukaasa dhaabuuf waliigalanis, Israa'el Libaanos keessaa akka hin baane Netaaniyaahuun irra deddeebiin ibsaa jira.
Iraan ammoo Israa'el Libaanos keessatti haleellaa gaggeessuu dhaabuu qofa osoo hin taane waraanashees achii hin baastu taanan, US itti gaafatamti jechuun akeekkachiiste.
Netaniyaahuun dhimma Libaanos kana fayyadamuun waliigaltee US-Iraan danquu akka danda'u ibsame.



















