Afaan namni hundi dubbatu- kubbaan miillaa akkamiin addunyaa jijjiire?

Madda suuraa, Getty Images
Kubbaan miillaa gosoota ispoortii keessaa kan akkaan jaallatamuudha, garuu jireenya warra taphatanii qofa miti kan jijjiire/jijjiiru.
Kubbaan miillaa madda gammachuu, maallaqaa, beekumsaa fi tokkummaati. Afaan dhalli namaa hundi dubbatu ta'eera.
Kutaaleen hawaasaa, biyyoonni, namoonni bebbeekamoon afaan tokkoo waa'ee kubbaa miillaa akka dubbatan kilabni Piriimer Liigii Ingilaand waggaa 22 booda waancaa nyaachuurratti waan mudaterraa ni hubatama.
Biyyoonni adda addaa ykn namoonni gosa, aadaa, amantii fi bifaan garaagara ta'an sababa kubbaa miillaatti tokkummaa'aniiru.
Taphattoonnis xiyyeeffannaa fi hojiinsaanii kubbaa qofa taphachuu bira darbee gargaarsa namoomaa fi hoji tola ooltummaa adda addaa ta'eera.
Kilaboonni kubbaa miillaa addunyaa jiran faallaa jibba sanyummaa dhaabbachuurratti ejjennoo walfakkaataa qabu.

Madda suuraa, Getty Images
Jaarraa 21ffaa keessa kubbaan miillaa guddina ajaayibaa agarsiisuun addunyaa baayyee jijjiire.
Dhiibbaan tapha kubbaa miillaa istaadiyeemii keessatti qofa daangeffamuun hafeera.
Miirri isaas warra dirree kubbaa miillaatti argamaniif qofa osoo hin taane jiruu fi jireenya dhala namaa waliin kan walqabatu ta'eera.
Bara 2000 qabsaa'aan mirga dhala namaa abbaan dimokiraasii Afrikaa Pirezidantiin duraanii Afrikaa Kibbaa Neelsan Mandeellaan ''ispoortiin humna addunyaa jijjiiru qaba,'' jedhanii turan.
Kan isaan yeroo sana jedhan waggoota kurna lama booda amma sirriitti nutti mul'ataa jira.
Namoonni addunyaa ispoortii keessa jiran yeroo sanarraa eegalanii jibba sanyummaa dura dhaabbachuu eegalan, addunyaarratti jijjiiramni bu'uuraa akka dhufu fedhii agarsiisuu eegalan.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Keessattuu erga Caamsaa 2020 namni gurraachi lammii US Joorji Filooyid poolisoota biyyattii adii ta'aniin haala suukanneessaan osoo namni ilaaluu ajjeefamee as gocha kana mormuun ispoortessitoonni ga'ee guddaa gumaachan.
Taateen addunyaarratti kubbaa miillaaf bakka guddaa kennisiise kan biraan qajeeltoo kilaboonni Piriimer Liigii Ingilaand jibba sanyummaan walqabatee ittiin taaligamuu eegalaniidha.
Yeroo hunda taphi eegalamuu dura dirree keessatti jilbasaaniin lafa tuquun faallaa jibba sanyummaa dhaabbachuurratti ejjennoo tokko qabaachuusaanii mu'isu. Kanas bara 2020 eegalan.
Kubbaan miillaa dhalli namaa yaada addunyaalessa akka qabaatuuf guddaa gumaacheera.
Adeemsa giloobaalaayizeeshinii keessatti qoodi kubbaa miillaa salphaa miti.
Taphattoota lammiilee biyyoota adda addaarraa walitti dhufantu garee tokko uumanii kilaba ta'u.
Aadaa fi duudhaa biyya adda addaatu bakka tokkotti gamtaa'a jechuudha.
Kubbaan miillaa daangaa hin qabu. Ispeen hanga Ingilaand, Biraaziil hanga Xaaliyaanii, Ameerikaa hanga Faransaay…kilaboota kubbaa miillaa jiranirratti kan dubbatu lammiilee biyyoota kunneenii qofa miti.
Sababa kubbaa miillaatiin namoota hedduutu yaadaan walitti hidhame. Michummaa fi hiriyummaan biyyaan daanga'uun hafee aantummaa fi jaalala kubbaa miillaarratti hundaa'eera.
''Kubbaan miillaa addunyaa diddiigamaa jirtu walitti fida''

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii ispoortiin addunyaarratti nageenya dhaadhessuu fi galma guddina diinagdee akka addunyaatti kaa'ame milkeessuu keessatti humna guddaa akka qabu ibseera.
Keessattuu kubbaan miillaa ispoortii kaan caalaa daran waan beekamuuf ga'ee addaa qaba jedhe.
Ga'ee olaanaa kubbaa miillaa kanaaf beekamtii kennuu fi jajjabeessuuf waggaa waggaan Caamsaan 25 Guyyaa Kubbaa Miillaa Addunyaa jedhamuun labsameera.
Guyyaan kun kabajamuu kan eegale bara 2024 yoo ta'u kan baranaas Caamsaa 25 kabajamee oola.
Kora UN gaafa Caamsaa 19, 2026 gaggeeffamerratti Pirezidantiin Waldaa Kubbaa Miillaa Addunyaa- FIFA Jiyaanii Infaantiinoo yeroo ammaa kan addunyaa tokkoomsaa jiru kubbaa miillaa ta'uu dubbatan.
Qondaalli jaarmiyaa kubbaa miillaa addunyaa kun haasaa isaanii marsariitii FIFA irratti maxxanfame keessatti ''Addunyaan keenya yeroo hamtuu keessa galteetti. Yeroon kun ulfaataadha. Yeroo garii haala rakkisaa akkasii keessatti sababa nu tokkoomsu barbaanna. Sababa ittiin uummanni walitti dhufu. Kubbaan kanaaf murteessaadha,'' jedhan.
FIFAn kubbaan miillaa akka addunuyaatti guyyaa tokko qofa yaadatamee ooluurra kabaji kun guyyaa shan (torban tokko) akka ta'u murteesseera.
Taphi Waancaa Kubbaa miillaa Addunyaa Waxabajjii 11 Meeksikoo Siitii keessatti eegalu yeroo addunyaan daddaaqamaa jirtu kanatti jijjiirama tokko fidee darbe abdii jedhu qabu Jiyaanii Infaantiinoo.
Dorgommiin biyyoota sadi-Mesikoo, Kanaadaa fi US keessatti gaggeeffamu kun garee 48 biyyoota 48 irraa walitti fida kan jedhan qondaalli FIFA kun, ''taatee kana fayyadamuun tokkummaa keenya haa cimsinu. Madda gammachuu fi abdii egeree haa godhannu,'' ergaa jedhu dabarsan.
''Kun kubbaa miillaa qofa miti. Hiika guddaa qaba. Jireenya ijoollee fi ga'eessotaa jijjiira. Humna gammachuu fi abdii namatti horu qaba.''
Peelee hanga Roonaaldoo- taphattooti gameeyyiin waa'ee kubbaa miillaa maal jedhu?

Madda suuraa, Getty Images
Jaarmiyaaleen UN hedduun taphattoota gameeyyii ambaasaaddara isaanii godhataniiru.
Taphataan duraanii Ayivoorii Koost kilaba Chelsii keessatti maqaa guddaa horate Didiyeer Diroogbaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Ambaasaaddara Ispoortii fi Fayyaati.
Guyyaa Kubbaa Miillaa Addunyaa bara darbe kabajamerratti ga'ee ispoortiin fayyaa keenyarratti qabu akkanaan ibse.
''Ispoortiirraa jalqabarratti kanan fayyadame jireenya fayya-qabeessa ta'e jiraachuu danda'uu kooti. Milkaa'inan argadhe kana addunyaaf qooduuf Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waliin kutannoon nan hojjedha.''
Ambaasaaddara UNESCO kan ture taphataan duraanii Biraaziil Peeleen ''sooressa, hiyyeessa, gurraacha, adii osoo hin jedhin kan dhala namaa bakka tokkotti walitti fidu kubbaa miillaa qofa. Kubbaan miillaa mataansaa saba ykn hawaasa tokko. Kun miidhagina kubbaa miilaati,'' dhaamsa jedhu dabarse.
Taphattuu gameettiin Biraaziil Marta Viyeeraa da Silva jaarmiyaa UN Women jedhamutti Ambaasaaddara dubartootaa fi shamarran addunyaa ispoortii keessa jiraniiti.
''Kubbaan miillaa addunyaa tokkoomse. Shamarran hunduu kutannoon hojjetanii milkaa'inaa fi gammchuudhaan jiraachuuf carraa akka argatanin barbaada,'' dhaamsa jedhu dabarsite.
Ambaasaaddara UNICEF kan ta'e taphataa gameessi Ingilaand Deeviid Beekaam ''Yunaayitid keessatti hundi keenya waancaa isa guddaa mo'achuu barbaanna turre, milkoofneerras,'' jechuun tokkummaadhaan waan yaadan argachuun akka danda'amu dhaamsa dabarse.
Yeroo garii ammoo muuxannoon taphattoonni tokko tokko addunyaa kubbaa miillaa keessatti dabarsan mataansaa mana barumsaati.
Fakkeenyaaf namni Kiristiyaanoo Roonaaldoo hordofe dandeettiin addaa (talent) nurraa fagoo akka hin jirre hubata, osoo harkaa qabnuu garuu itti fayyadamuu dhiisnee teenya.
Dirqama namni hunduu isa hordofee kubbaa taphata jechuu miti.
Taphataa gameessi kun abjuu fi mul'ata isaa ni odeessa osoo hin taane ni agarsiisa. Kun falaasama jireenyasaa fakkaata.
Kubbaan miillaa abjuusaati, abjuun akkamiin akka milkaa'u akkas jechuun ibsa Roonaaldoon.
"Abjuun ykn mul'ati kee waan hirriba keessa argitu miti. Inumaa abjuun waan hirriba si dhowwuudha.''

Madda suuraa, Getty Images
Qormaata sodaachuu fi dheessuu osoo hin taane cichoominaan irra aanuun milkaa'inaan keessa darbuu irraa baranna.
Taphattoonni gameeyyiin kunneen jiruu keenya karooraan gaggeessuu, hundaaf yeroo barbaachisu kennuun madaala eeganii jiraachuun akkamiin akka danda'amu barnoota nuuf gumaachan.
Hojii garee, bulchiinsa waliigalatti milkaa'inni tattaaffii waloon akkamiin akka argamu kan kubbaa miillaa ilaalee hin baranne jira hin fakkaatu.
Galmi dorgommii hundaa goolii caalmaa lakkoofsisuun injifachuudha.
Garuu hundatu goolii galcha miti. Kaan mijeessee kenna, kaan ni ittisa, kaan carraa uuma…hunduu ga'ee murteessaa qaba.
Gareen hunduu sadarkaan bulchaa fi bulchiinsa qaba. Garuu bulchuu jechuun kan tokko hojjetee kaan taa'ee eeggatu akka hin taane, tattaaffii miseensa hundaan kan mul'atu ta'uu nu hubachiisan.
Kubbaa miillaa keessatti bulchiinsa jechuun tokko isa kaanirratti olaantummaa qabaatee bira darbuu miti.
Dandeettii taphataa hundaa guddisuun kilabasaaf akka gumaachu gochuun falaasama kubbaa miillaati. Kun hoogganaa sirrii ta'uu nama barsiisa.
Kubbaan miillaa kufanii ka'uus nama barsiisa.
Gameessi kubbaa miillaa Ziinaddiin Zidaan yeroo tokko akkas jedhee ture: ''Milkaa'ina kee caalaa kufaatii keerraa baratta.''
Zidaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddara Sagantaa Misoomaati.
Kabaja Guyyaa Kubbaa Miillaa Addunyaarratti dhaamsa kana dabarse.
''Yoo kutannoo fi ofitti amanamummaa qabaatte waan yaadde galmaan ga'uurraa wanti si dhorku homtuu hin jiraatu.''
Taphataan kun garee biyyaalessaa keessattis ta'e kilaboota kubbaa miillaa keessa taphachaa ture keessatti baayyee abdatama.
Kilabootaaf abbaa malaati jedhama. ''Gaachana yeroo rakkoo'' jedhuun.
Garuu yeroo itti kufe hedduu qaba.
Peenaalitii dhabee gareesaa waancaa dhabsiisee beeka, garuu abdii hin kutanne.
Osoo abdii kutatee ganamaan kubbaa miillaa keessaa ba'a.
Kufaatiisaarraa barachaa milkaa'ina caalchifatee kubbaa miillaa keessatti maqaasaa bakka guddaatti galmeesseera.
Isin barnoota keessanirratti qormaati yoo isinitti baayyatu ykn yoo humnaa ol isinitti ulfaatu akkam gootu?, harka laattu moo hamilee isiniif ta'ee fuulduratti isin tarkaanfachiisa? Taphataa kana hordofnaan gonkumaa harka hin kennitan.
Addunyaa kubbaa miillaa keessatti, taphachuurraa eegalee sadarkaa hedduu keessa kan darbe lammiin Nezarlaandis Johan Cruyff, ''kufaatiin ykn qormaati hundi guddinaaf daandii saaqa, milkaa'inni ammoo gatii cimanii hojjechuu mirkaneessa,'' jedhe.
''Kubbaan miillaa akkamiin akka jireenya salphaa jiraatan nama barsiisa,'' jedhe.
''Kubbaan miillaa hojii salphaadha, garuu dirree keessas ta'e dirreen alatti waa salphisuutu ulfaata.''
Humna kubbaa miillaa- dirreen alatti
Ispoortiin kubbaa miillaa kubbaama tokko dirree keessa asii fi achi oofuun gamatti hiika guddaa qaba.
Isa taphatuufis isa daawwatuufis akka mana barumsaati. Gameeyyiin kubbaa miillaaf jireenyasaanii guutuu gumaachan falaasama jireenyaa- naamusa, hojii garee, cichoomina, kubbaa miillaarraa akka dhaalan dubbatu.
Kubbaa miillaa waliin addunyaarratti maqaansaa kan ka'u taphataan duraanii gameessi lammii Biraaziil kan bara 2020 waggaa 82tti boqote Peeleen, kubbaan miillaa dandeettii kubbaa taphachuu caalu akka isa gonfachiise dubbatee ture.
Yeroo tokko milkaa'ina kubbaa miillaa akkas jechuun ibse: ''Milkaa'inni mudannoo tasaa miti. Cimanii hojjechuu, cichoomina, barachuu, qo'achuu, of kennuu fi hunda caalaa ammoo hojii kee jaallachuu gaafata.''
Jaalala kanatu akkan deddeebi'ee hojjedhu (kubbaa miillaa taphadhu) na taasise, guyyaa natti hin tollellee yoo ta'e jedhe Peeleen.
Kubbaan miillaa bashannana bira darbeera. Afaan uummati addunyaa hundi umriin osoo hin daangeffamin walfaana dubbatan ta'eera.
Yeroo ammaa saboonni addunyaarra jiran biyya, aadaa fi jiruu fi jireenya itti baraniin ala ba'anii daangaa ce'uun ajandaan irratti dubbatan kubbaa miillaati.
Babal'achuun indastirii kubbaa miillaa namuu akka keessatti hirmaatuuf carraa guddaa uumeera.
Madda waan ittiin jiraatanii fi fayyaa irraa argatan, iddoo itti walqixxummaa koorniyaa mirkaneessan ta'eera. Dubartootaa fi shamarran dirree keessaa fi dirreen alatti aangessuun duudhaa kubbaa miillaati.
Addunyaan kubbaa miillaa iddoo dhalli namaa gosaa fi sabaan akkasumas amantii fi ilaalcha adda addaan osoo hin qoodamin hunduu keessatti hirmaatu, bakka tokkummaa fi walqixxummaan itti shaakalamu ta'ee jira.
Taphattoonni kubbaa miillaa keessatti seenaa addaa qaban hawaasa addunyaa biratti waan beekamaniif wayita kubbaa dhaabanis barbaadamuun isaanii waan oolu miti, gatiinsaanii yoomuu gadi hin bu'u.












