Muddama daqiqaa afurii: Murtee VAR tapha West Haam VS Arsenaal irratti maaltu jedhame?

Madda suuraa, Getty Images
Murteen VAR (Video Assisted Referee) tapha West Haam fi Arsenaal gidduu Landan Istaadiyeemii keessatti turerratti goolii daqiiqaa dhumaarratti West Haam galche akka haqamu taasifte, Piriimer Liigii keessatti murtee yeroo kamiyyu caalaa hiika guddaa qabudha jedhameera.
Arsenaal goolii Tiroosaard galcheen dursaa osoo jiruu saatiin dhumuuf osoo jedhuu gooliin falmsiistuu kun galte.
Daqiiqaan afurii fi sekondiin 11 ciniinsuu turte.
Daqiiqattiin afran sun seenaa Arsenaal, akkasumas kan west Haam jijjiiruuf humna qabdi turte. Arsenaal waggaa 22 booda waancaa argachuuf tarkaanfiin tokko gara isa hafutti ce'uuf, West Haam ammoo sadarkaa Liigicha keessaa kufuu keessaa xiqqoo morma ol baafachuuf mo'achuuf ijibbaata keessa turan.
Kanaaf, murteen VAR kun morkii Piriimer Liigii bara kanaa murteessuuf gahee waan qabuuf hunduu qalbiin rarra'ee eegaa ture.
West Haam gammachuun lafa dhiituu jalqabanii ture, manaajeriin Arsenaal Mikeel Arteettaa mataa qabatee sekondii muraasa hafte keessatti qaanofnee jechuun yeroof waan dubbachuu qabu kan wallaale fakkaate.
Garuu dhimmee ilaalaa waan tureef, Arteettaan karra eegaan Arsenaal Daavid Raayaa mormi hudhamee, harki qabamee kubbaa galte oolchuu osoo danda'uu yakki waan irratti hojjetameef jechuun mallattoon daanyotati agarsiisaa ture.
VAR murtee akka kanaa diraamaafi muuddamaan guutame keessatti yeroon dhimma itti baase jiraa? Piriimer Liigii keessatti ammoo murteen akka kanaa murteessaa ta'e ammoo mul'atee beekaa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Goolii Tiroosaard Arsenaaliif daqiiqaa 83ffaa irratti galche dursa akka qabatu qofa osoo hin taane Liigicha dursummaa isaa qabatee imala waancaa isaa tarkaanfiin tokko isa hafetti siqaa jira ture. Haata'u malee, daqiiqaa dabalataa dhumaarratti taphataan West Haam jijjiiramee seene Kaalum Wilsan kubbaa koornaa irraa dhufte manii Arsenaal keessa buusee ture.
Yeroo kana ture daanyaan VAR gargaarumuun akka murteessuuf kan yaadni dhiyaateef.
Daanyaan kun karra eegaa Arsenaal irratti yakki raawwatameera jechuunis goolii kana haqe.
Murteen kun ammoo falmii kaaseera.
Taphataan duraanii sarara duraa Ingiliziifi Maanchester Yunaayitid Waayinii Ruunii murtee kana "murtee baayyee sirrii ta'edha" jechuun ibseera.
"Yakki ifa ta'e raawwatameera," Ruuniin.
Murtee kana kan deeggaraniifi qeeqan jiraatanis "yakki ifa ta'e raawwatameera. Harki isaaa fuula [karra eegaa] waan da'eef carraa kubbaa qabatee oolchuu dhorkeera. Kanaaf murtee sirriidha" jechuun ibse.
"VAR yeroo jalqabaatiif tapha akka kanaa guddaa ta'erratti murtee sirrii ta'e dabarseera," jechuun itti dabaluun dubbate jifataan duraanii Maanchester Yunaayitid kun.
Ruuniin murtee kana dinqisiifatullee garuu dahoon karra egdotaaf kennamu akka isa hin gammachiifne ibseera.
"Gara karra eegaa yoo deemte yakka jedhama. Umurii koo taphata ata'ee dabarse keessatti kanan karra eegdotaaf jibba agarsiisaa tureef kanaafidha. ANi akkan yaadutti (...) harka isaanii diriisanii utaaluu waan danda'aniif dursi kan kennamuuf isaaniifidha," jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Xiinxaltoonni kaan maal jedhan?
Daanyaa gargaaraan duraanii Piriimer Liigii Daaren Kaan, "...Eenyullee bakka sana [bakka daanyaa] ta'uu hin barbaadu. Ija jabinaan murtee sirrii ta'e murteesseera. Kun seenaa Piriimer Liigii keessatti murtee VAR isa guddaa ta'edha," jedhe.
Karra eegaan duraanii Niiwukasil Sheey Giivan, "bara dorgommii kana keessa Arsenaal yeroo gara garaatti karra eegdotaafi taphattoota sarara ittisaa ittisuudhaan gooliin lakkoofise mirkanaa'aaf akka ture argineerra.
Namni hunduu wal fakkaataa ta'uu dhabuu murtee daanyotaarratti aarii qaba. Gooliin tokko tokko akka mirkanaa'u ta'ee kun maaliif dhowwatame?" jechuun gaafata.
Faallaa karra eegaa duraanii Niwukasil kun kaasuun falmanii garuu akkaataa Arsenaal goolii itti argataa ture balleessaarraa bilisa bifa ta'een akka ture kanneen falman jiru.
Balleessaan biroo taphattoonni Arsenaal raawwatan jedhames ilaalamee qulqullaa'eera.
Kan Tiroosaard Paabloo irratti hojjette jedhameefi kan Raayis Saamarviilirratti hojjete jedhame sakatta'eera.
Balleessaan jalqabaa kan David Rayaa irratti raawwatamedha. Isaan booda balleessaan raawwatame hin ilaalamu.
"Dhimmi biraan ammoo Raayaa irratti balleessaan osoo hin hojjetamiin dura Gabreel, Odegaard, akkasumas Tiroosaard taphattoota qabanii turan.
Daanyaan kun balleessaadha kan jedhe kan filateefi dursanii balleessaa raawwataman dhiisuu kan murteesse yoomidha?"
"West Haamiif gooliin kennamuu dhabuun falmii kan kaase Arsenaal waan ta'eefidha. Murteewwan yeroo darbe murteessaniif itti gaafatamoo ta'uu hin danda'u," kan jedhe ammoo taphataa sarara gidduu duraanii Liiverpuul Daanii Marfiidha.
"To'attoonni VAR waan argan dubbachuu qabu waan ta'eef balleessaa ifa ta;etu raawwatame, Waan Arsenaal ta'eef qofaaf wanta kana waliin dhahuun nurra hin jiru," jedhe.
Karra eegaan duraanii West Haam Roob Giriin gamasaan, "balleessaadha. karra eegaa sana taphattoonni lama yeroo isa qabanitti argaa jirra. Bara dorgommii kana keessa rakkoowwan kanaan wal fakkaatan baayyeen turaniiru," jedheera.
"VAR ijoo dubbii bara dorgomichaa akka ta'etti natti dhaga'ama."











