Biiliyanarri duraanii Chaayinaa US'tti hidhaa waggaa 30'n adabame

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Guu Weenguun daldalaa sooressa Chaayinaa akka tahetti yaadamaa ture doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu waliindhahee argachaa turuusaan Ameerikaatti hidhaan ganna 30 irratti murameera.
Abbaan qabeenyaa duraanii kuni bara 2017tti ture Chaayinaarraa baqatee US galuun Paartii Koministii biyyatti kan qeequu jalqabe kanaanis onlaayinii irratti hordoftoota hedduu horateera.
Booda garuu namni kuni daddabarsa maallaqaa seeraan alaa fi qarshii waliidhahuun himatamee balleessaan irratti murameera.
Daanyaan Niiw Yoork Anaaliisaa Torees, namni kuni ''kanneen Chaayinaatti demookiraasii fiduu fedhan adamsuun qarshii isaanii fudhatee jireenyasaa qananii ittiin jiraachaa ture,'' jette.
Akaa abbaan alangaa jedhutti namni kuni bara 2018-2023 gidduutti hordoftoota onlaayinii invastimantii kiriiptookaaransii waliin hojjetaa turanirraa doolaara biiliyoona tokko horateera.
Abukaatoo Guu BBC'n quunnamuu yaalee ture.
Guu'n maqaa garagaraa Maayiilis Guufi Hoo Waan Kiwook jedhaman fa'an of waamaa ture dhaddacha deeggartoonnisaa walitti qabamanitti adabbiin irratti murame.
Abbaan Alangaa Ameerikaa Shoon S Baaklii, ''carraa seera qabeessa isaaf kennameen quufuu didee, amantii namooti kaan irraa qaban kakaatummaasaaf fayyadame,'' jedhe.
'Har'a beekamtiifi qabeenyi seeraan olitti akka si hin goone adabbiin kuni garsiiseera. Kanneen of duroomsuuf qarshii maatiifi hiriyyaa waliin dhahan gatii isaanii argatu,'' jedhe Shoon.

