Vilaadmiir Puutin waliin fuulaa fuulatti wal argee mari'achuun barbaada- Zeleniskii

Pirezidaantii Yuukireen Volodmiir Zeleniskii

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Volodymiir Zelenskiin waraana Raashiyaa faana gaggeessaa jiranitti xumura gochuuf fuulaa fuulatti Vilaadmiir Puutin waliin mari'achuu akka barbaadu ibse.

Xalayaa banaa pirezidaantii Raashiyaa Putiniif barreesseen hanga waraanni Awurooppaa keessaa xiyyeeffannoo Ameerikaa tahutti eeguun ''dogogora'' jedhe.

Nagaan kan dhufu yoo Yuukireenii fi Raashiyaan kallattumaan waliin mari'atanidha jedhe.

Akkasumas yeroo marii gaggeessan guutummaan dhukaasa dhaabuuf akka waliigaluu qaban ibseera. Kana ammoo kana duras Puutin hin fudhanne.

Tiraamp Kamisa kaleessaa gaggeessitoonni biyyoota lameenii osoo wal arganii mari'atanii gaariidha jedhe.

Kireemiliin xalayichi isaan gahuu ibsuun kana irratti Puutin ibsa kan kennu taha jedhan.

Xalayaa kana yeroo barreessu Zeleniskiin waan akka itti qoosuus qaba. Haleellaa dhiyeenya Yuukireen daangaa Raashiyaa keessatti gaggeessitees eera.

Zeleniskiin ''aangoorra waggaa 26 turuun booda umuriidhaanis raagaa deemuun jira'' jedhe.

Xalayichi afeerraas of keessaa qaba. Waraana kana kan xumuruu qabu anumaafi sidha. Si walii wal argee mari'achuufan gaaffii dhiyeesse'' jedhe Zeleniskiin.

Raashiyaan garuu yoo Puutin waliin mari'achuu barbaade Zeleniskiin akka gara Mooskoo dhufu isa afeerra jedhanii ture.

Waan ifatti Yuukireen uummatatti beeksifte amma Ameerikaan xiyyeeffannoo ishee waraana Iraan irra godhachuu isheeti.

Puutin osoo xalayaa kana hin argiin durayyuu ibsa kenneen ''Yuukireen waliin waliigalteerra gahuuf qophiidha,'' jedhe. Kana gochuuf ammoo waan dhiisuun irra jiraatu gama lamaaniin dhiisuudha jedhe.

Puutin fooramii dinagdee St Piitersbargi dursee yeroo dubbatu

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Puutin fooramii dinagdee St Piitersbargi dursee yeroo dubbatu
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Puutin yaada kenneen Tiraamp waraana Iraaniin qabamee waan jiruuf Gamtaan Awurooppaa Zeleniskii waliin dubbachuun daangaasaanii kutanii Raashiyaaf kennuu akka qaban amansiisuu qabu jedhe.

Ejjennoon Puutin inni guddaan Yuukireen lafa amma loltoonni Raashiyaa gartokkoon qabatanii jiran akka Dooneski, Luhaaniski, Kehersanii fi Zaporizhiyaa keessaa loltoota ishee baasuu qabdi kan jedhudha.

Akkasumas miseensa NATO akka hin taane murteessuu qabdi jedhan. Yuukireen garuu sodaa ammas Raashiyaan nu weeraruu jira jechuun gaaffii Puutin kana hin fudhanne.

Raashiyaan bara 2014 Kiriimiyaa erga ofitti dabaltee bara 2022 waraana haaraa Yuukireen irratti bante.

Kana dura biyyoota lameen gidduutti mariin nagaa Abu Dhaabii, Instaanbulii fi Jeneevaatti gaggeeffameera.

Zeleniskiin xalayaa banaa barreesse irratti ''anaan kan na dhiphhisu waa'ee lammiilee Yuukireenidha. Uummata keenya dhabaa jirra. Lubbuun guyya guyyaan darbu na gaddisiisa'' jedhe.

Zeleniskiin amma Raashiyaan haleellaa diroonii fi misaa'elaa Yuukireen dadhabdeetti jedhe.

Qaala'insa jireenyaa fi hanqinni peetiroolii biyyicha keessatti rakkoo tahuu kaase.

''Waraana kana keessaa bahuuf tarkaanfii fudhachuu hin sodaatiinaa. Kun waan guddaa isinirraa eegamudha jedhe.

Turkii ykn Iswiizerlaanditti soo wal arganii mari'atan akka filannoo isaanii tahu Zeleniskiin ibseera.