Waldhabdeen Tiraampif Neetanyaahuu marii Iraan danqaa?


Waliigaltee dhabuun hedduun jiraatus, Neetaaniyaahuun irra deddeebiin Tiraamp Israa'el michuu "guddaa" Waashingitan keessa jiru jedhanii waamuun isaanii ni yaadatama.

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Doonaldi Tiraamp pirezidaantota Ameerikaa biraa Ministira muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaniyaahuu waliin wal dhabdee keessa seene ta'eera.

Akka gabaasni jedhuutti, Tiraamp fi Neetaniyaahuu tarkaanfii waraanaa Israa'el Libaanos keessatti fudhatte irratti walitti bu'an. Waldhabdeen isaani kun hojii dippilomaasii mootummaa Ameerikaa Iraan waliin geggeeffamaa jiru irratti rakkoo uumeera.

Iraan haleellaa Israa'el Libaanos irratti raawwatteef deebii kennuudhaan marii Ameerikaa waliin taasiftu dhaabuuf akka dirqamtu akeekkachiifte.

Kunis carraaqqii Tiraamp waraana Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru keessaa bahuuf taasisaa jiru irratti gufuu ta'uu danda'a.

Tiraamp gaaffii fi deebii poodkastii ''Pod Force One'' jedhamu waliin taasiseen dhimma lola Israa'el fi Hizboollaa irratti Ministira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaniyaahuu arrabsuu irratti dubbateera.

Gaazexeessaan poodkastichaa gabaasa Axihos waabeffachuun Tiraamp bilbilaan Neetaniyaahuu "nama maraatuu fi galata hin qabne'' jechuun arrabsuun dhugaa ta'uu gaafate.

Tiraamp "Eeyyee, jedheen ture," jechuun dubbate.

"Aareera jechuu hin danda'u. Garuu yeroo hunda Libaanos waliin wal loluun isaa na mufachiise ture, beektaa" jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp itti dabaluudhaan, "Ani Bibi(Maqaa ittin Neetaniyaahuu waamu) baay'ee jaalladha. Isa waliin hojii gaariin hojjedha," jedhe.

Trump pirezidaantii Ameerikaa Netanyahu waliin rakkoo qabu keessaa isa jalqabaa miti.

Muummichi Ministeeraa Israa'el kun waggoota hedduuf pirezidaantota Ameerikaa fi Waayit Haawus obsa isaanii qoruudhaan beekama.

Duraanillee pirezidaantota Ameerikaa hedduu waliin walitti bu'iinsa qabaachaa ture. Pirezidaantota akka Bil Kiliintan, Baarak Obamaa fi Joo Baayideen waliin hariiroon isaanii yeroo hedduu bu'aa bahii ture.

Walitti bu'iinsi haaraan kun yeroo Tiraamp mootummaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti waraana dhaabuun itti fufuuf waliigaltee yaadaa jiru keessatti mudate.

Waliigalteen kun marii gara fuulduraatti sagantaa nukiliyeerii Iraan irratti taasifamuuf karaa banuu danda'a jedhamee eegamaa ture.

Dhimmi biraa guddaan banamuu ulaa Hormuzi fi irra deebi'uun hojii geejjibaa galaanaa karaa daldalaa addunyaa keessatti baay'ee barbaachisaa ta'e kana jalqabsiisudha.

Neetaaniyaahuu garuu gabaasa walitti bu'iinsa isaa fi Tiraamp ilaalchisee bahe salphisee fudhachuu dubbate.

Tiraamp waliin akka michuuwwan ykn hiriyoota dhihootti hojjetaa jiraachuus ibse.

Neetaaniyaahuun miidiyaa US CNBC jedhamutti wayita dubbatetti innii fi Tiraamp dhimma waraana Iraan ilaalchisee qabxiilee murteessoo ta'anirratti walta'uu fi garuu dhimmoonni irratti walii hin galles akka jiran hime.

''Yeroo garii, akkuma maatiittiyyuu, waliigaluu dhabuun ni jiraata. Garuu kallattii walitti nu fidurratti hojjenna. Akka hiriyoota dhihootti waliin hojjenna. Ganama waldhabnee galgala ammoo tokko taanee mul'achuu dandeenya,'' jedhe.

Tiraamp yoomiyyuu michuu Israa'el kan jedhe Neetaaniyaahuun waraanni Iraan akka itti fufu yoo barbaachise kan murteessu Tiraamp ta'uu hime.

Tiraamp fi Neetaniyaahuu

Madda suuraa, Getty Images

Ogeeyyiin siyaasaa tokko tokko akka jedhanitti, haasaan bilbilaa kun mootummaa Ameerikaa fi Waayit Haawus keessatti mufii guddaan akka jiru agarsiisa jedhu. Kaayyoon waraanaa Israa'el fi kaayyoon siyaasaa mootummaa Ameerikaa yeroo ammaa wal hin simne jechuun ibsaniiru.

Diplomaatiin mootummaa Ameerikaa duraanii Bireet Biruween BBC'tti akka himanitti, Neetaaniyaahuun yeroo hedduu mootummaa Waashingtan irraa gorsa dhaga'u dhiisee karoora mataa isaa hordofa.

"Tiraamp Neetaaniyaahuu waliin deemuu filate. Amma garuu hogganaa kaayyoon isaa yeroo hunda fedhii Ameerikaa waliin hin deemne waliin hojjechuun akkam akka ulfaatu barachaa jira."jedhe Bireet

Kaayyoo guddaa irratti garuu Tiraampi fi Neetaniyaahuun walii galu. Innis Iraan hidhannoo waraanaa nukilaraa akka hin qabaannee ittisudha.

Haa ta'u malee dhimma Libaanos irratti ilaalchi isaanii garaagara. Israa'el garee Hizbollah irratti haleellaa itti fufuu barbaaddi.

Iraan immoo waligalteen waraanaa taasifamu kamiyyuu Libaanosis kan dabalatee ta'uu qaba jechuun falmiti.

Yeroo ammaa keessatti deeggarsi uummata Ameerikaa Israa'el irratti qabu gadi bu'aa jira. Qorannoon yaada uummataa tokko akka mul'isutti, mootummaa Israa'el irratti ilaalchi hamaa qaban mootummaa Ameerikaa keessatti dabalaa jira.

Namoonni siyaasaa mootummaa keessa beekamoon tokko tokko Israa'el Trump Iraan irratti waraana akka jalqabu dhiibbaa goote jechuun qeeqaniiru.

Waayit Haawus fi Netanyahu garuu himata kana cimsanii mormaniiru.

Haa ta'u malee, walumaa galatti hariiroon Trump fi Netanyahuu yeroo dheeraaf cimaa ture. Netanyahuun yeroo hedduu Tiraamp "hiriyaa Israa'el keessaa isa guddaa mootummaa Ameerikaa keessatti argame" jechuun ibseera.

Ogeessi hariiroo mootummaa Ameerikaa fi Israa'el tokko akka jedhuutti, walitti bu'iinsi yeroo ammaa kun dhimma yeroo gabaabaa ta'uu danda'a; garuu hariiroon isaanii gara fuulduraatti akkam akka ta'u ammaaf ifa miti.