Bulchitoota Afrikaa bara aangoosaanii dheeressuuf heera jijjiiran

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Biyyoota Afrikaa baay'ee keessatti dimokirasiin sababa hogganoota bara aangoosaanii dheereffachuuf heera jijjiiranii ammallee qormaata keessa jira.

Gariin daangaa yeroo aangoo pirezidantummaa guutummaatti haqaniiru, gariin marsaa bara aangoo hayyamamu jijjiiraniiru, kaan immoo heera haaraa fooyyessuun hiika isaatti fayyadamanii marsaa aangoo isaanii haaraa irraa jalqabsiisaniiru.

Dhiheenya, Pirezidantiin Rippabilika Dimookiraatawaa Koongoo, Feeliiks Chiiseekeedii, Sadaasa 09, 2026 seera dhimmoota heera mootummaa irratti rifireendamii (murtoo uummataa) waamu erga mallatteessanii booda falmiis kaaseera.

Mootummaan tarkaanfiin kun fooyya'iinsa dhaabbileetiif kan akeekame ta'uu dubbatus, mormitoonni garuu kun karaa inni marsaa sadaffaaf dorgomuuf itti fayyadamu ta'uu danda'a jechuun yaaddoo isaanii ibsatu; kunis tumaalee heera mootummaa amma jiruun kan hin hayyamamneedha.

Ardiin Afrikaa fakkeenyota hoggantoota daangeffama kana milkaa'inaan irra aananii daangaa yeroo aangoo isaanii isa jalqabaa darbanii bulchuu itti fufanii hedduu qabdi.

Biyyoota tokko tokko keessatti heeronni daangaa bara aangoo marsaa lama kaa'anii turanis, yeroon aangoo isaanii osoo hin xumuramin daangaa kana kaasuu yookiin lakkoofsa marsaa aangoo isaanii haaraa irraa akka jalqaban hayyamuuf jijjiirama taasifameera.

Haa ta'u malee, yaaliin hundinuu hin milkoofne. Hoggantoonni tokko tokko mormii uummataa, paarlaamaa, paartii isaanii yookiin manneen murtii irraa isaan mudateen jijjiirama barbaadan galmaan ga'uuf rakkatanii jiru.

Hoggantootni Afrikaa tarkaanfii akkanaan milkaa'anii fi kanneen yaaliin isaanii fashalaa'e kunooti:

Yuweerii Museeveenii – Yugaandaa

Pirezidant Yuweerii Museeveenii bara 1986 irraa eegalee Yugaandaa bulchaa jira. Heerri bara 1995 bahe yeroo aangoo pirezidantummaa marsaa lama, tokkoon tokkoon isaanii waggaa shan shaniitti daangessee ture.

Akka tumaalee sanaatti, filannoo bara 1996 fi 2001 erga mo'atanii booda, marsaan aangoo isaanii inni lammaffaan bara 2006tti xumuramee, deebi'anii dorgomuun isaaniif hin hayyamamu ture.

Haa ta'u malee, bara 2005tti, utuu marsaa aangoo isaanii isa lammaffaa irra jiranii, paarlaamaan jijjiirama heera mootummaa kan daangaa marsaa aangoo pirezidaantummaa guutummaatti haqu raggaasise.

Jijjiiramni kun Museeveeniin filannoo bara 2006 irratti deebi'anii akka dorgoman karaa baneef; filannichas mo'achuun, mormitoonni komii dhiyeessanis yeroo hunda mo'achaa filannoowwan itti aanan irratti dorgomuu itti fufan.

Bara 2017tti, mootummaan isaanii jijjiirama biraa kan daangaa umurii waggaa 75 kaadhimamtoota pirezidantummaatiif heera keessa kaa'ame haqu taasise.

Kunis Museeveeniin umurii sana ol ta'anis dorgomuu akka itti fufan karaa saaqeef.

Jijjiiramoota lamaan kanaan daangeeffamoonni gurguddoon marsaa aangoo fi umurii irratti kaa'aman waan ka'aniif, Museeveeniin hanga har'aatti aangoorra akka turu dandeessiseera; kunis pirezidantota Afrikaa keessaa yeroo dheeraadhaaf tajaajilan keessaa isa tokko godheera.

Paawul Biyyaa – Kaameruun

Paawul Biyyaa gara aangoo Kaameruun bulchuutti kan dhufe bara 1982 ture. Heerri biyyattii bara 1996 marsaa aangoo pirezdantii lamatti daangessee ture. Marsaan tokko waggaa torba.

Biyyaan bara 1997 fi 2004 filannoo mo'atee waan tureef bara aangoo isaa 2011 irratti dhuma ture.

Garuu, inni Mudde 2007 akeeka marsaa bara aaangoo jijjiiruu akka qabu beeksise. Akkasumas bara 2008tti paarlaamaan fooyya'iinsa heera mootummaa kan tumaa pirezidantiin tokko marsaa lamaa ol akka hin tajaajille dhorku haquun raggaasise. Jijjiiramni kun gufuu bara 2011tti barri pirezidantummaa isaa jedhamee eegamaa ture kaaseera.

Jijjiiramoota kana booda, Biyyaan filannoowwan bara 2011, 2018 fi 2025 irratti dorgomuu fi mo'achuu itti fufan. Haala kanaan, akka heera duraaniitiin eegamaa turetti bara 2011tti aangoo gadhiisuu mannaa, marsaawwan dabalataatiif Kaameeruun bulchuu itti fufan.

Jijjiiramoonni kun gareewwan siyaasaa fi lammiilee jijjiiramichi pirezidaanticha daangaa aangoo irraa eeguuf kan akeekameedha jedhan biraa mormii kaaseera.

Paawul Kaagaamee – Ruwaandaa

Heerri Ruwaandaa kan bara 2003 yeroo aangoo pirezidantummaa marsaa lama qofatti daangessee ture; tokkoon tokkoon isaanii immoo waggaa torba turan.

Pool Kaagaameen bara 2003tti filatamanii bara 2010tti irra deebi'anii filataman. Akka tumaa heera mootummaa biyyattiitti, marsaan baraa bulchiinsa isaanii lammaffaan isa dhumaa ta'ee bara 2017tti aangoo gadhiisuu dirqamu turan.

Garuu bara 2015tti, Ruwaandaan rifireendamii (murtoo uummataa) gaggeessuun jijjiirama heera mootummaa kan sirna marsaa aangoo pirezidaantummaa jijjiiru raggaasifte.

Jijjiiramoonni kun Kaagaameen bara 2017 irraa eegalee marsaa waggaa torbaa biraa tokko, sana booda immoo marsaawwan waggaa shan shanii lamaan dabalataatiif akka dorgoman isaaniif hayyamaniiru.

Kaagaameen haala kanaan, bara 2017tti aangoo gadhiisuu mannaa, filannoo bara sanaa sagalee gara 98.8%tiin erga mo'atanii booda aangoorra turuu itti fufan.

Bara 2024tti ammas filannoo pirezidaantummaa mo'achuun marsaa waggaa shanii biraatti seenaniiru.

Jijjiiramni kun hanga ammaatti bulchuu akka itti fufan isaan dandeessiseera.

Alasaan Waataaraa – Ayivoorii Koost

Pirezidantiin Ayivoorii Koost, Alaasaan Waataaraa, marsaa aangoo lama tajaajilanii osoo jiranuu pirezidantummaadhaaf dorgomuu itti fufuuf heera haaraa bara 2016 ragga'etti fayyadamaniiru.

Heerri jalqabaa kan bara 2000 pirezidaantiin tokko marsaa waggaa shan shanii lama qofa akka tajaajilu daangessee ture.

Waataaraan bara 2010tti filatamanii bara 2015tti irra deebi'anii filataman. Akka tumaalee heera moofaa tureetti, marsaan isaanii inni lammaffaan bara 2020tti xumuramuuf kan ture yoo ta'u, deebi'anii dorgomuufis ulaagaa hin guutan turan. Haa ta'u malee, bara 2016tti mootummaan isaanii heera fooyyessee raggaasise.

Jijjiiramoonni kun marsaan aangoo pirezidaantummaa akkamitti lakkaa'amuu akka qabu irratti falmii kaase.

Mootummaan marsaawwan heera moofaa jalatti tajaajilaman daangaa heera haaraa keessatti lakkaa'amuu hin qaban jechuun falme.

Hiikni kun Waataaraan bara 2020tti deebi'anii akka dorgoman isaaniif hayyame; filannichaanis mormiin mormitootaa murtoo isaanii irratti ka'us ni mo'atan.

Bara 2025tti, deebi'anii filannoo pirezidaantummaa irratti dorgomuunis mo'ataniiru. Heera fooyya'e haaraa fi hiika haaraa daangaa marsaa aangoo fayyadamuun, Waataaraan marsaawwan lamaan heera duraaniitiin kaa'aman darbanii aangoorra turuuf isaan dandeessiseera.

Ismaa'il Omar Geelee – Jibuutii

Ismaa'eel Omaar Geelee bara 1999 irraa eegalee Pirezidantii Jibuutii ta'anii tajaajilaa jiru.

Heerri biyyattii kan bara 1992 yeroo aangoo pirezidaantummaa marsaa lama qofatti daangessee ture; marsaan tokko waggaa jaha.

Bara 1999 fi 2005tti erga filatamanii booda, marsaan isaanii inni lammaffaan bara 2011tti xumuramuuf kan ture yoo ta'u, deebi'anii dorgomuufis ulaagaa hin guutan turan.

Haa ta'u malee, bara 2010tti, yeroo marsaan aangoo isaanii inni lammaffaan xumuramuuf dhiyaatetti, paarlaamaan jijjiirama heera mootummaa kan daangaa marsaa aangoo pirezidaantummaa haqu raggaasise. Kunis filannoo bara 2011 irratti deebi'anii akka dorgoman karaa isaaniif bane; filannichas ni mo'atan.

Sana booda, Geeleen filannoowwan bara 2016 fi 2021 mo'achuu itti fufan. Kanaafuu, bara 2011tti aangoo gadhiisuu mannaa, sababa daangaan marsaa lamaa ka'eef marsaawwan dabalataatiif bulchuu itti fufan. Tarkaanfiin kun mormitoota aangoon harka nama tokkoo keessatti akka kuufamu cimseera jedhaniin qeeqameera.

Zimbaabuwee keessatti, paarlaamaan bara 2026tti bulchiinsa Pirezidaant Immeersan Minaangaagwaa jalatti yeroo aangoo pirezidaantummaa fi paarlaamaa waggaa shan irraa gara waggaa torbaatti dheeressuuf jijjiirama heera mootummaa raggaasiseera; tarkaanfiin kun itti fufiinsa imaammataatiif jecha deeggaramus, qeeqtonni garuu umurii bulchiinsichaa dheeressuuf karaa itti fayyadaman jechuun mormaniiru.

Bulchitoota heera fooyyessuuf yaalanii jalaa kufe

Hoggantoonni kuun aangoorra turuuf jijjiirama heera mootummaatti fayyadamuu hin dandeenye.

Burkiinaa Faasoo keessatti, Bileyis Koompaaworeen bara 1987 irraa eegalee aangoorra erga turanii booda, bara 2014tti marsaa biraaf dorgomuuf heera mootummaa fooyyessuuf yaalanii turan.

Yaaliin kun mormii uummataa cimaa waan kaaseef, Onkoloolessa bara 2014tti aangoo gadhiisanii biyyaa baqatan.

Haa ta'u malee, Koompaaworeen bara 2000/2003tti daangaan marsaa lamaa deebi'ee osoo hin kaa'amin dura, bara 1997tti daangaa marsaa aangoo haquu irratti milkaa'anii turan.

Naayijeeriyastti, Oluseegun Obaasaanjoon filannoowwan bara 1999 fi 2003 erga mo'atanii booda, marsaa sadaffaaf akka dorgoman fooyya'iinsa heera mootummaa argachuuf bara 2005 fi 2006 gidduutti yaalanii turan. Miseensonni paartii isaanii tokko tokkos waan mormaniif, yaadni kun bara 2006tti paarlaamaadhaan kufaa ta'e. Zaambiyaa keessattis, Fireedirik Chiluubaan bara 2001tti marsaa sadaffaaf akka dorgoman heera mootummaa jijjiiruuf yaalanis, paartiin isaanii miseensota paarlaamaa hedduu qabaatus deeggarsa gahaa paartii isaanii fi paarlaamaa keessaa dhabaniiru.

Maalaawii keessatti, Baakiilii Muluuziin marsaa lama erga tajaajilanii booda, bara 2002tti yeroo aangoo isaanii gara marsaa sadaffaatti dheeressuuf heera mootummaa jijjiiruuf yaalanis, mormii cimaa fi dhabamsa deeggarsaatiin karooricha dhiisuuf dirqamaniiru.

Seeneegaal keessatti, Abduulaay Waadeen heerri haaraan bara 2001 lakkoofsa marsaa aangoo isaanii haaraa irraa jalqabsiiseera jechuun erga falmanii booda, bara 2012tti mana murtiitiin deebi'anii akka dorgoman hayyamameefii ture.

Haa ta'u malee, marsaa lammaffaa filannichaatiin Maakii Saaliin waan mo'atamaniif, yaaliin aangoorra turuuf godhan fashaleera.