Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wellistuun Iraan hijaaba osoo hin uffanne sirbite 74 garafamte
Agarsiisni sirbaa Parastaw Ahimaddii A.L.A Muddee karaa Chaanaalii yuutuubiisheetiin kallattiin tamsa'ee ture.
Abukaatonni akka jedhanitti, seera Dirqama Hijaaba godhachuu dirqamamsiisu darbuun weellistuu weellistee fi miseensota baandii muuziqaashee irratti angaa'onni adabbii alangeen reebuu raawwataniiru.
Abukaatoon isaanii BBCtti akka himanitti, Parastaw Ahimaddii, wellistoota sadii fi pirooduusera tokko irratti Magaala Koom jedhamtu keessatti tokkoon tokkoon isaanii alangee 74 reebamanii adabaman.
Wellistuun ganna 29, Ahimaddiin agarsiisa konsartii sanarratti qolee harka hin qabne uffattee ture.
Seerri Iraan dubartoonni waltajjii ifa ta'erratti sirba akka hin dhiheesine kan dhorku yoo ta'u, Hijaabaa fi uffannaa sirna qabu akka uffatan dirqisiisa.
Manni murtii Koom jiru ji'a Waxabajjii darbe Ahimaddiinii fi namoota biroo saddeet "qabiyyee baalagummaa fi sirna hin qabne facaasuun" balleesiteetoota kan jedheen yoo ta'u isaan himata kana haalaniiru.
Adabbii alangee 74 kanaan dabalatattis waggoota lamaaf hojii viidiyoo fi sagalee kamuu akka hin hojjennee fi biyyaa akka hin baanes itti murtaa'eera.
Abukaatonni akka ibsanitti, ji'a Fulbaanaa darbe manni murtii ijibbaataa Koomitti argamu oliyyannoo isaanii kufaa gochuun murtii mana murtii duraa cimseera.
Artistoonni Iraanii fi falmitoonni mirga namoomaa murtee kana balaaleffataniiru.
Alangeen reebuun gara jabummaa, farra mirga namoomaa fi kabaja namummaa kan sarbu ta'uu kan falman qaamoleen kunneen, seera idil addunyaa dararaa dhorku kan cabsedha jedhan.
Abukaatoowwan isaanii keessaa tokko Wixata darbe yaada BBCf kennaniin, Ahimaddiinii fi miiltoowwanshee afur Koomitti alangeen reebamuu kuni irratti raawwatameera.
"Murtichi akka haqamu, yookan adabbichi akka hir'atu yookan akka hafu waan dandeenyu hunda gooneerra. Garuu nuuf hin milkoofne"
"Anii fi abukaatonni kaan murtii kuni akka tursiifamu gaafannee ture. Garuu qaamni murticha raawwachiisu murtichi battala akka raawwatamu ajaje" jedhan.
Gaazexaan Itemad jedhamu abukaatoo Musxafaa Niliin jedhamu wabeeffachuun akka gabaasetti, Dhiirotni afur Ahamaddiin waliin alangeen reebaman Sohel Fuginaasir, Amiin Taaherii, Amiraali Piriniyaa fi Mohisan Lashikari ta'uu hime.
Daayirektarri Wiirtuu mirga Namoomaa Iraan keessaa jedhamuu fi Ameerikaatti argamuu Baahir Gandeharii " Ahamaddiin sababa sirbitee fi akka filannoosheetti uffatteef alangeen reebamuun gocha mirga namoomaa ifatti sarbedha" jedhan.
Kunimmoo angaa'onni Iraan mirga dubartootaa Sarbuun seerotaa fi imaammatoota cunqursoo isaanii namni cabse kamuu adabbii walfakkaataan akka isa eeggatu mul'isuu kan kaayyeffate akka ta'es dubbatan.
Akka seera Iraanitti seerri akkanaa kuni Hiikaa seera Shari'aa irratti kan bu'uureffatedha.
Dubartoonni umrii safeelummaa irra gahan rifeensa isaanii hijaaban akka haguugan akkasumas uffata dheeraa boca qaama isaanii hin mul'isne akka uffatan kaa'a.
A.L.A Bara 2022 Lammiin Kurdi Mahisaa Amiinii jedhamtuufi umriinshee ganna 22 taate seera namusaatiin erga too'atamteen booda lubbuunshee darbuu hordofee guutummaa Iraanitti mormiin dhoohee ture.
Amiiniin kan too'atamtee ture himata " Hijaaba seeran hin uffanne" jedhuun ture.
Sirna gaggeesitoota amantiitiin qajeelfamu mormuuf hiriirawwan akka biyyaatti adeemsifame sanarratti dubartoonni Hijaaba isaanii gubaniiru, kaan ammoo samii keessa mirmirsuun mormii dhageessisan.
Mormiiwwan kanarratti tarkaanfii qaamoleen seeraa fudhataniin namootni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamaniiru.
Erga Sanaa kaasee dubartoonni hedduun seera uffannaa sana darbuun hijaaba malee rifeensa duwwaa socho'u.
Angaa'onnis gocha Kanaaf deebii kennuuf irra deddeebiin hidhuu, akeekkachiisa kennuu, dhaabbilee daldalaa cufuu fi tarkaanfiiwwan kaan fudhachaa jiru.
Amajjii darbe keessa raafama dinagdee biyyattii mormuuf mormii bal'aa ture irratti qaamoleen nageenyaa dirqamaan hiriirtota bittinsuun namootni kumaatamaan lakkaa'aman ammoo hidhamaniiru.
Ji'a Gurraandhalaa darbe Iraan erga Ameerikaafi Israa'eel waliin Lola keessa seentee eegalee angaa'onni mormitoota irratti adabbii du'aa raawwachuu jabeessanii itti fufaniiru.
Gareen mirga Namoomaa Noorweeyitti argamu akka ibsetti, namootni 39 sababa mormii Ji'a Amajjii keessa tureetin, namootni lama bara 2022 hokkoraan itti murtaa'e, mormitoota waliin hariiroo qabaachuun kan shakaman namootni 16 fi namootni isaaniin alaa 17 ammoo qaama alaatiif basaastu sababa jedhuun kanneen itti murtaa'edha.
Mormitoonni Mormii Amajjii darbee irratti hidhaman 121, dubartoonni ja'aafi olguddattootni Shan kaan Murtiin du'aa itti murameera kaan ammoo adabbiin du'aa itti aggaamameera.