'Yaadni Masiriin Itoophiyaa ilaalchisuun kennite agarsiiftuu sammuu gita-bittaa bilchina hin qabneeti'

Madda suuraa, Getty Images
Yaadni dhiyeenya kana Ministirri Qabeenya Bishaanii fi Jallisii Masirii 'Itoophiyaan barumsatu ishee hanqata' jechuun kenne sammuu gita-bittaa bilchina hin qabne imaammata Kaayiroon biyyoota Afrikaa ittiin ilaaltuuf agarsiistuu ta'edha jedhe Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa.
Ministeerichi yaada ministirri qabeenya bishaanii fi jallisii Masirii Hanii Sewilaam Itoophiyaa ilaalchisuun kennuuf ibsa baaseen baayyisee gadduu himeera.
"Dubbiin kun ammas irra deebiin agarsiiftuu sammuu gita-bittaa bilchina hin qabne imaammata Kaayiroon ittiin biyyoota Afrikaa ilaaltudha."
'Yaadni Masiriin Itoophiyaa ilaalchisuun kennite agarsiisftuu sammuu gita-bittaa bilchina hin qabneeti' ittiin biyyoota Afrikaa ilaaltuudha".
Masiriin biyyoonni yaa'a Laga Abbayyaa keessa jiran qabeenya bishaanii isaaniirratti hojii misoomaa hojjechuuf isheerraa mirkaneeffachuun akka haal-duree ta'eetti ilaaltu.
Haata'u malee, Masiriin yeroo ofiishee Hidhaa Guddicha Aswaan ijaartetti biyyoota yaa'a Laga Abbayyaa gara oliin jiran tokkoyyu hin mariyanne ture jedha ibsi Ministeera Bishaanii fi Inarjii kun.
Yaadawwan dubbii hammeessan aanga'oonni Masirii kennanii fi ejjennoo tokkoof hojjetu kaaniif akka hin hojjenneetti isaan qabatan (double standards) haala qabatamaa tumsa guutummaa laga bishaan kanaa keessatti taasifamuuf bakka hin qabu jedhera ibsi kun.
Itoophiyaan fedhii dhaloota ammaa fi kan gara fuula duraa guutuuf jecha Laga Abbayaa dabalatee qabeenyawwan uumamaa isheetti fayyadamuudhaaf mirga guutuu qabaachuu ni mirkaneessiti jedheera ibsu kun.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Itti dabaluunis, Itoophiyaan lageen daangaa qaxxaamuran ofii dhuunfachuun kaan dhiibuu osoo hin taane wal tumsuu, badhaadhina waloo fi walitti hidhamiinsa naannoo jajjabeessuuf ta'uu akka qaban ejjennoo hin raafamne qabaachuu ibseera.
"Biyyoota bishaan keessaa maddu akka biyya walabaa tokkootti mirga uumamaa qaban isaa dhorkachuuf yaadni hayidiroo-impaayerii kan fudhatama hin qabnedha," jechuun kufaa taasiseera.
Qaamoleen tokko tokko Laga Abbayaa adda durummaan ija nageenyaa fi morkii bu'aa hin argamsiisneen ilaaluu itti fufanis, Itoophiyaan bu'aa yeroo deeraafi waaraa ta'e mirkaneessuuf kunuunsa naannoo, misoomaa bosonaa fi deebisanii ijaaruurratti fuulleffattee invastimantii guddaa irratti gochaa jiraachuu ibseera ministeerichi.
Ejjennoon Itoophiyaa faallaa ejjennoo Masirii kan yeroo hunda dubbii hammeessuu qofa ta'eeti kan jedhe ibsichi, Masiriin ilaalcha dulloomaafi boodatti hafaa dhiistee ilaalcha jaarraa 21ffaa kabaja waloo fi fedhii waaraa qaama hundaa qabaachuun yeroon isaa amma jedheera.
"Abjuu ol aantummaa ilaalcha boodatti hafaarraa maddu dhiisuun, dhugaa haaraa lafarratti mul'atu fudhachuu feesisa."
Ministirri Bishaanii fi Jallisii Masirii Hanii Sewilaam Dilbata ibsa sabaa-himaalee idil-addunyaaf kenneen, Masiriin wabii bishaanii Naayil eegsifachuuf filannoowwan seera addunyaa jiran jalatti eegsifatti jechuun, Naayil Bahaa irratti murtee akkasumaan darbu hin fudhattu jedhe.
Dubbiin Sewilaam kun dubbii aanga'oonni Itoophiyaa Finfinneen hayyama biyyoota biroo osoo ishee hin barbaachisiin hidhaawwan dabalataa Laga Abayyaarratti ijaaruu itti fufuuf mirga qabaachuu ibsuu ishee hordofee ta'uu miidiyaan Masirii Ahram Online gabaaseera.
Itoophiyaan ijaarsa Hidha Guddicha Haaroomsaa xumuriidhaan Fulbaana 9, 2025 eebbisiiste.
Ijaarsa hidha kanaatiifi haala bishaan itti guutamun wal qabates, keessattuu bishaan Abbayyaa qofaatti fayydamaa kan turte Masriin Itoophiyaa waliin falmii keessa akkuma galtetti itti fufteetti.
Waggoota darban keessa Sudaan dabalatee Itoophiyaafi Masriin dhimma kanarratti marii taasisaa turanilleen osoo waliigalterra hin gahiin Hidhichi bishaan guutamuun ijaarsi isaa xumuramee ebbifame.
Masriin Itoophiyaan dhimma hidha kanaarratti akka waliigaltee ittigaafatamummaa qabu (binding) mallatteessitu irra deddebiin gaafattulleen, Itoophiyaan kana hin fudhanne.
Itoophiyaan ijaarsa hidha kanaa xumurtulleen ammalleen mariidhaaf karrishee banaa ta'u Ministirri Bishaaniifi Inarjii, Dr Haabtaamu Ittafaa kanaan dura BBCtti himaniiru.
Hidhi guddichi kun kan anniisaa elektirikaa olaanaa maddisiisuu yoo ta'u, kunis lammiilee biyyattii hedduuf ibsaa akka argataniif carraa akka uumu ministirichi kaasaniiru.
Xumuramuun ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa kanaas mootummaan ummata biyyattii %46 ibsaa elektirikaa hin arganne fayyadamaa taasisuudhaaf yaalii eegale akka deeggaru Dr Habtaamuun BBCtti himaniiru.


























