Haleellaan Tigraay Alaamaaxaatti lubbuu heddu galaafate akka qoratamu Amnastiin gaafate

Loltoota
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Haleellaawwan naannoo Tigraay magaalaa Alaamaaxaatti meeshaa gurguddaan Fulbaana 26 hanga 28'titti lammiilee nagaarratti raawwatamanfi lubbuu galaafatan yakka waraanaa ta'uu danda'u jedhe Amnastii Intarnaashinaal

Haleellaawwan kun Raayyaa Ittisaa Itoophiyaafi michuusaa kan ta'an Humnootii Nagaa Tigraayin (TPF) kan raawwataman yemmuu ta'u, namoonni kurnaan lakka'aman ajjeefamuun kan biroo heddu madaa'uu dhaabbatichi ibsa kaleessa Wiixata ALA Sadaasa 23, 2026 baaseen himeera.

Kana malees loltoonni Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT/TPLF buufataalee waraanaa naannoo manneen jireenyaafi manneen barumsaa keessatti hundeessuun namoota nagaa miidhaaf saaxilaniiru jedheera.

"Itti fufiinsaan guyyoota sadiif Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaafi Humnootiin Nagaa Tigraay lubbuu jiraattota 80,000 ta'an ilaalcha keessa osoo hingalchiin Alaamaaxaa irra deddeebiin haleelaniiru.

Meeshaa waraanaa iddoo bal'aarratti miidhaa geesisuu danda'u, iddoo namoonni baay'inaan itti jiraatanitti fayyadamuun lammiilee nagaarratti miidhaa hamaa qaba" jechuun Amnastii Intarnaashinaalitti Daayrektara Olaantuu Dhimma Dhiibbaa Mirgoota Namoomaa Naannoo kan ta'an Yaasmin Ahimad himaniiru.

Halleellaawwan bifa lammiilee nagaa adda hinbaasneen raawwataman seera idil addunyaa kan cabsan akka ta'an himuunis, "haleellaawwan kun akka yakka waraanaatti qoratamuu qabu" jedheera

Haleellaawwan afur

Amnastii Intarnaashinaal haleellaawwan Raayyaan Ittisaa Itoophiyaafi Humnootiin Nagaa Tigraay Fulbaana 26 hanga 28 meeshaalee gurguddaan raawwataniiru jedhe afur qorachuusaa ibsa isaatiin himeera.

Haleellaawwan kunneen lubbuun namoota nagaa 14 darbuus himeera.

Qorattoonnisaa namoota haleellicharraa hafan, namoota taaticha ijaan argan, firoota miidhamtootaa akkasumas ogeeyyii namoomaafi fayyaa, walumaagalatti namoota 28 walin af-gaafii taasisuu dhaabbatichi himeera.

Kana malees viidiyoowwan saddeetfi suuraalee 17 akkasumas suuraa saatalaayitii naannichaafi odeeffannoowwan biroo xiinxaluusaas beeksiseera.

Gama biraatiin haleellaawwan kunneen ilaalchisee odeeffannoo akka laataniif Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa, Humnootii Nagaa Tigraay fi TPLF'if Onkololeessa 27 xalayaa barreessuu Amnastii Intarnaashinaal himeera.

Kana malees Sadaasa 17 immoo argannoowwansaa Raayyaa Ittisaafi Humnootii Nagaa Tigraayif qooduufi deebii akka laataniif gaafachuu kan hime dhaabbatichi, hanga yeroo ibsicha maxxansetti lachuu deebii akka hinlaanneef beeksiseera.

TPLF immoo xalayaa fuula afur qabufi Sadaasa 18 ergeen himannaawwan irratti dhiyaatan guutummaatti haaluusaa himeera.

Haleellaawwan naannoo manneen jireenyaatti raawwataman

-
Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Raayyaan Ittisaa Itoophiyaafi TPF naannoo Waajjaa Innaa Xummuugaa jedhamtufii magaalaa Alaamaaxaarraa gara kibbaatti tilmaamaan fageenya kilomeetira 13 irratti argamturraa meeshaalee gurguddaan magaalaa Alaamaaxaarratti haleellaa raawwachuusaanii Amnastiin hima.

Kanas af-gaafii jiraattotafi maddoota waqtii haleellichaatti sochii waraanaa beekan lama walin taasiseraa ka'uun baruusaa himeera.

Gama biraatiin warri TPLF'is naannoo namoonni nagaa baay'inaan itti jiraatanitti dahachuun cinatti, yeroo tokko tokko iddoowwan kunneenii haleellaa raawwachuusaanii odeeffachuusaa himeera.

Haa ta'u malee "Seerii namoomaa idil addunyaa gareeleen walitti bu'iinsicha keessa jiran hundi hanga danda'amu akeekawwan waraanaa naannoo namoonni baay'inaan itti jiraatan keessa yookiin dhiyeenyasaatti gochuurraa akka ofqusatan dirqisiisa" jedha ibsi Amnastii Intarnaashinaal.

Kana malees gareeleen kun dirqama lammiileen nagaa naannoo akeekawwan waraanaatii akka bahan haala mijeessuuf fi haleellaawwan lammiilee nagaa miidhuu danda'an ilaalchisees akeekkachiisa kennuu akka qabanis himeera.

Loltoonni TPLF meeshaa waraanaa gurguddaa qabaachuusaaniifi dhukkaasaa turuusaanii kan hime dhaabbatichi, carraan haleellaa magaalaa Alaamaaxaarratti raawwatamee garee kanaan raawwatamuu baay'ee gadi aanaa ta'uu himeera.

Gama biraatiin ogeessa fayyaa Hospitaala Alaamaaxaa Fulbaana 26 hanga 28'titti hojiirra ture haasofsiisuu kan hime Amnastiin, kunneen guyyoota sadeen sana keessatti miidhaman hundi bifa jechuun danda'amuun lammiilee nagaa akka ta'anfi miidhamni baay'eesaanirratti qaqqabes caccabaa meeshaa dhoohun kan uumame akka fakkaatu odeeffachuusaa ibsasaa keessatti eeree jira.

Haleellaawwan naannoolee namoonni baay'inaan jiraatanitti raawwataman

-

Iddoowwan magaalaa Alaamaaxaa haleellaa Fulbaana 26 hanga 28 raawwatameen miidhaman keessaa inni tokko Ganda 04 keessatti kan argamufi naannoo komdominiyeemii jedhamuun beekamu akka ta'e ibsi Amnastii hima.

Iddichi namoonni baay'inaan kan itti jiraatan ta'uu kan himu dhaabbatichi, Fulbaana 27 barii manneen shan meeshaa gurguddaan rukkutamuu hima.

Haleellaa kanaanis namoonni torba du'uufi kunneen biroo afur immoo madaa'uusaanii namoota ijaan arganirraa odeeffachuusaa eeree jira.

Kunneen haleellichaan ajjeefaman keessaayis dubartii ganna 26fi haadha daa'imman lamaa kan taate Meeroon Sawaasaw ni argamti. Meeroon ilmashee waggaa saddeetii Maarkon Girmaahiwotfi obboleessashee Tawakkal Sawaasaw walin manumashee keessatti ajjeefamuu gabaasni Amnastii hima.

Haleellichi mana ollaattis daa'imman lama dabalatee miseensota maatii tokkoo namoota afur ajjeesuu himeera.

Viidiyoowwan miidhaa manneen lamaanirratti qaqqabe agarsiisu qorachuusaa kan himu Amnastiin, manneen kun Hoteela Warqinash kan loltoonni TPLF keessa turaa akka turan jiraattonni himanirraa fageenya meetira 150 irratti akka argamus himeera.

TPLF manneen barumsaa keessatti buufata waraanaa hundeeffateera

Amnastii Intarnaashinaal namoota af-gaafii godheef wabii gochuun akka himetti, ji'oota walitti bu'iinsi bifa haaraan eegaluusaan dura jiran keessatti loltoonni TPLF manneen barnootaa magaalaa Alaamaaxaa keessa jiran hunda keessa bifa jedhamuu danda'uun buufatanii turan.

Lolli erga eegalee boodas manneen barumsaa dhiyeenya manneen jireenyaatti argamanirraa meeshaan gurguddaa dhukaafamaa turuus namoota ijaan argan wabeeffachuun himeera.

TPLF jiraattota dhiyeenya iddoowwan opireeshinii waraanaa itti gaggeessaa turetti argamaniif akeekkachiisas ta'e gadhiisanii akka bahanif gonkumaa ajaja akka hinlaanneef jiraattonni af-gaafiin godhameef hundi dubbachuusaanii Amnastiin himeera.

Gama biraatiin namni dhiyeenya Mana Barumsaa Qophaa'inaa Alaamaaxaatti jiraatu manni barumsichaa Fulbaana 22 diroonii Raayyaa Ittisaa Itoophiyaatiin akeekamuu himusaa gabaasni Amnastii eera.

Loltoonni TPLF Fulbaana 28 magaalattii gadi dhiisanii hanga bahanittis mana barumsaa kana keessaa meeshaalee gurguddaa dhukaasuun Raayyaan Ittisaafi TPF gara magaalattii akka hinseennee ittisaa turuu himameera.

Dhumarrattis "walitti bu'iinsawwan darbanfi ammallee adeemaa jiraniin kunneen yakka raawwatan gaafatamuu dhabuusaaniin lammiileen nagaa aarsaa kaffalaa jiru" kan jedhan Yaasmin Ahimad, Manni Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii mala dhimmichi bifa wallaba ta'een itti qoratamufi balleessitoonni itti gaafataman akka mijeessu gaafataniiru.

Dabalataan to'attoonni walabaa idil addunyaa, gaazexeessitoonnifi dhaabbileen gargaarsa namoomaa iddoowwan walitti bu'iinsaan miidhaman gufuu malee seenuu akka danda'aniif angawoonni Itoophiyaa akka tumsaniif Amnastii Intarnaashinaal gaafateera.