Balaa inni fidu osoo beekanii maaliif dhiirotni yaalii qaama saalaa guddifachuu taasifatu?

Namicha qarqara sireerra taa'aa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Jason 'Qorqoorroo Kookaa' hin barbaadu jedha. Kuni maqaa masoo qaama saalaa dhiiraa guddifamee akka qorqoorroo Kookaatti jabaate fakkaatu ittiin ibsuufi.

Jason Maanchister keessatti yeroon argee dubbise 'Namoonni tokko tokko humnaa oliin guddisu' jedha.

Inni qaama saalaasaa harka 16'n guddifateera. Amma innii fi jaalallensaa gammachuu itti qabu. Guddifachuun isaa ofitti amanamummaa akka kenneefis dubbata.

"Xiqqoo bal'inni isaa dabaluu malee wanti hunduu akkuma gaariiittii hojjeta" jedha yeroo qaama saalaa isaa kana ibsu.

Akka jasonitti dhiirota hangamiitu qaama saalaa isaanii guddifate kan jedhu ragaan qulqullaa'e hin jiru. akka namoota hidhii isaanii guddifatanii callistee daandumatti baatee ilaaltee adda baasuu waan hin dandeenyeef iccitaawaadha.

Waa'een qaama saalaa guddifachuu kuni garuu Olompiikii darbe irrattuu ajandaa ta'ee ture. dhiirotni utaalcha utaalan waan qaama saalaa guddisu kana fayyadamuu hin oolan kan jedhu oduun tureera.

Dhiirotni muraasni adeemsa kana keessa darban qaamni saalaa isaaanii gurraacha'uun gogaan gubbaa ququnca'uun mudateera. Kanarraa ka'uuni waldaan ogeessota fayyaaa Biriiten akeekkachiisa kan kenne.

Dhiirotni maalif kana godhu? Balaa akkamiihoo qaba?

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Jaason eenyummaa isaa dhoksuudhaan waa'ee qaama saalaa guddifachuu kana bilisaan nuttii hime.

Inni qaaamni saalaasaa dheerachuutti gammachuu qaba. Xiqqoo yeroo ilaalamu dhaabbiin isaa madaala hiin eegin hafus.

"Yoo natti xiqaata kan jedhu yaada qabda ta'e hojjisiifachuu maafan dhiisa" jedha.

Inni murtii qaama saalaasaa guddifachuu kanarra gahuudhaan dura waggootaaf gosa qoricha fayyadamuu xiinxalaa ture. dhumarratti Hayiliroonik Asiid kan jedhamu fayyadame. Gosti kuni kan yeroo murtaa'eef qofa tura. Yoo tari haalasaa jibbellee adeemsa keessa irraa badaa deema.

Dhaabbilee tajaajila qaama saalaa dhiirotaa guddisuu kennan keessaa tokko Kilinika Tiraawl jedhamu yoo ta'u yeroo isaan bira deemte gaaffiin isaan sigaafatan 'Qaama saalaa keetitti niyeelloftaa?' kan jedhu. Kuni hangam namoota garasitti akka kakaasu yaadi.

Qaama saalaa dhiirotaa karaan ittiin guddiifatan hedduutu jira. kanneen baqaqsanii yaaluufii malee akkasumas lilmoodhaan kennamanis jiru.

Hedduu beekamaa kan ta'e garuu akkuma warra hidhii guddifatanii lilmoodhana kan kennamu Hayiluroonik asiidiidha.

Dr. Javed Huseen kilinika isaa maanchister keessa jirutti waggaa tokkoof tajaajila qaama saala dhiirotaa guddisuu kana kennaa jira.

Akka inni jedhutti fedhiin hojjetachuu haalan dabalaa jira. dhiirota umrii kamuu keessa jirantu tajaajila kana argachuuf dhaqa. Kaan umrii digdamoota keessa yoo ta'an inni guddaan nama ganna 72ti.

Adeemsi yaala qaama saalaa guddifachuu kuni gorsa, maaliif akka guddifachuu barbaadan, bu'aa akkamii akka eeganii fi miidhaawwan cinaa kana hojjetachuun qaburratti mari'achuudhaan eegala.

Guyyaa yaalli jalqabu qaama saalaa asiidii Hayiluroonik Kanaan yeroo sadii kallattii adda addaatiin lilmoodhaan kennama.

Erga asiidiin kuni lilmoodhaan kennameen booda asiidichi qaama saalaa bakka hunda bifa walqixaan akka walgahuuf masaajii godhama.

Dr Javed Husseen tajaajila qaama saalaa dhiiraa guddisuu hedduu hojjetaniiru

Madda suuraa, BBC/James Gallagher

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Javed Husseen tajaajila qaama saalaa dhiiraa guddisuu hedduu hojjetaniiru

Yuuroo 3,500 kanfaluudhaan yaala kana kan argatan dhiirotni qaamni saalaa isaanii giddugaleessaan furdina harka 10 hanga 20 akka dabalu barbaadu. Yaaliin kuni ji'oota ja'aa hanga sagaliitti tajaajiluu danda'a.

Kanas ta'ee garuu yaaliin kuni miidhaa mataasaas qaba. Midhaawwan xixiqqoo akka hooqsisuu, gurraacha'uun eelaa godhachuutii hanga infeekshinii uumuutti.

Kana malees lilmoon kennamu kuni ujummoo dhiigaa kan qaamni saalaa dhiirotaa akka ka'ee dhangooguuf gargaaru miidhuus danda'a.

Akka Huseen jedhutti, qorichi kennamu kuni yeroo miidhaa hin yaadamne fiduu jalqabu tarkaanfiin hataattamaa qorichicha qaama keessaa balleessuuf gargaaru jira. "galata waaqaa hanga ammaatti nu nu barbaachisee hin beeku" jedhu BBCn yaada kana ofiin mirkaneeffachuu baatus.

Garuu namni yaala kana gara biraatti fudhatee miidhaaf saaxilame isaan bira dhufee akka beeku himu.

Meeshaalee yaalichaaf barbaachisan lilmoo fi kaan dabalatee qophaa'aniiran

Madda suuraa, BBC/James Gallagher

Ibsa waa'ee suuraa, Meeshaalee yaalichaaf barbaachisan lilmoo fi kaan dabalatee

Fayyadamaan kuni akka jedhetti gosa qorichaa sirrii hin taane waan fudhateef fiixeen qaama saalaasaa gurraacha'aa deeme. Kuni kan mul'isu qorichichi ujummoo dhiigaa waan miidheef gogaan du'aa jiraachuudha.

Wiirtuu baqaqsanii yaaluu NHS Maanchistar irraa Piroofeesar Vibhaav Mojil, dhiirotni miidhaan irra gahee gara isaanii dhufan jiraachuu himu.

Miidhaan yeroo isaanirra gahu haalan hammaataadha jedhu. Dhiira qoricha kana fudhatee qaamni saalaa isaa gurraacha'uun qogaan isaa irraa qunca'aa jiru arguus himu.

Aleks, kana maqaan isaa jijjiirame ammoo adeemsa qaama saalaa guddifachuu kanaaf gara Jarmanii imale.

Baqaqsanii yaaluudhaan foon qaama saalaa fi buusaa walqunnamsiisu sirreessuun qaamni saalaasaa guddaa akka fakkaatu gdhate.

Saniin booda ammoo seelota coomaa qaama isaa keessaa walitti qabuudhaan lilmoodhaan qaama saalaa isaarratti waraanamee akka guddatuuf ta'e.

Dargaggeessa qaama saalaa isaa ilaalaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, There is a lack of data on how fillers affect the penis long-term

Yeroo yaalii kana xumuree ofbaru dhukkuba dandamachuuf ulfaatu keessaa ta'ee of arge.

Aleeksi akka jedhutti, qamani saalaa isaa durayyuu xiqqaa kan jedhamu hin turre. Garuu ilaalchi hawaasaa fi fiilmiiwwan qunnamtii saalaa ilaaluun qaamni saalaa guddaan gaarii akka ta'e akka yaadu isa godhan.

Mojil akka jedhanitti, lakkoofsi dhiirota qaama saalaa isaanii guddifatanii mirkanaan beekamuu baatulleen, beeksisoota karaa miidiyaa hawaasummaa adeemsifamaniin lakkoofsi dhiirota hojjetatanii dabalaa dhufeera.

Kuni ammoo adeemsa tajaajila kana kennuu irratti waldaan baqaqsanii yaaluu Biriiteen yaadota furmaataa akka akeekuuf kakaaseera.

Qorannoowwan 36 keessatti dhiirotni 3,750 hirmaatanii irra hedduun isaanii garuu waa'ee adeemsa nageenyummaa isaa irratti hubannoo gahaa akka hin qabne himan.

Kuni ammoo qorichoonni kuni adeemsa keessa hangam akka miidhaa geessisan ragaa guutuun jiraachuu dhabuu ibsa. Yaaddoo kan ta'e ammoo akkuma hidhii guddifachuu qaama saalaa guddifachuufis ulaagaan keessa darban dhabamuu isaati.

Mojil akka jedhanitti haalli amma itti deemamaa jiru kuni akkanaan itti fufee jennaan adeemsa qaama salaa guddifachuu kuni seera isa barbacahisa.

Dhaabbannii mootummaa yaaliiwwan qaama saalaa guddifachuu hangamii akka adeemsifaman galmeessuun yeroo dheeraa keessa namni yaalii kana barbaadu murtee beekumsarratti hundaa'e akka murteeffatuuf gargaara.

Jason garuu qaama saalaa isaa guddifachuutti gammachuu akka qabuu fi asiidiin amma fudhate kuni yeroo yeroon isaa dhumelleen deebi'ee yaalii kana fudhachuu akka barbaadu hima.