'Ambasaddaraa Irreechaa', Adonaay fi abbaa qabeenyaa ijoo dubbii ta'anirratti waan jedhame

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Tibbana odeeffannoon namni gama toora miidiyaa hawaasaa TikTok irratti beekamuu Adoonaay Birhaanee Hayile Mikaa'el 'Ambasaaddara Irreechaa bara kanaa ta'uun filatameera' jedhuu miidiyaalee hawaasaa irraatti baayyee faca'aa jira.

Dhimmi kun ijoo dubbii miidiyaa hawaasaa ta'uu kan danda'eef Irreechi ayyaana Oromoo keessaa bakka guddaa waan qabuuf Irreecha namni bakka bu'u ykn "Ambaasaaddarri" eenyu ta'uu qaba? kan jedhutu dubbii kaase.

Gama biraan ammoo TikTokera tokkoof gahee aadaa akkasiirratti beekumsa gadi fagoo fi hubannoo barbaachisaa qabaachuurra osoo hin ga'iin muudama akkasii kennuun sirrii miti kan jedhu ture.

Wanti hin haalamne tokko garuu Adonaay miidiyaa hawaasaarratti, keessumaa TikTok irratti beekamtii guddaa qaba. Kun ammoo beekamtii dijitaalaa fi gahee aadaa walitti fiduurratti faayidaa ni qabaata.

Kana jechuun aadaa Oromoo keessatti dhaloota dargaggootaa carraa miiidiyaa hawaasaarratti beekamtiifi hordoftoota hedduu qabuun Irreecha bakka bu'uun dargaggoota gara aadaafi eenyummaa Oromootti hawwachuuf carraa ta'uu mala kan jedhanis jiru.

Haa ta'uu malee kun sirna, safuufi adeemsa aadaa isaa bifa kabajuun ta'uu hunduu yaada kaasaniin irratti waliif galu.

Dhimma kana irratti deebiin Abbootiin Gadaa hoo maali? Abbootii Gadaa sagantaa sanarra turan keessaa tokko kan ta'an, Abbaa Gadaa Tuulaama Geetuu Taliilaa BBC'n dubbiseera

Abbaa Gadaa Geetuu Taliilaas ''Abbootiin Gadaa Tuulamaa nama kamiyyuu Ambasaaddara Irreechaa bara kanaa jedhanii hin muudne'' jechuun deebisa.

Odeeffannoon kun maalirraa madderee?

Abbaan Gadaa Tuulamaa haala taatee kanaaf ka'uumsa ta'e akkas jechuun ibsu.

Dhabbata daldalaa dhuunfarraa waamicha kabaajaa isaaniif taasifamuu fi gaafa guyyaa 17/12/2018 saganataa eebba irratti Abbootiin Gadaa fi namoonni bebbeekamoon argamuu himu.

''Waamicha nuuf taasifameef salgii keenya guutannee Abbootiin Gadaa fi Haadholeen siinqee nama 17 ol taanee sagantaa waamicha irratti argamuun keenya dhugaadha''.

Sagantaa kana irratti simannaan isaanif taasifamuu fi affeerraan laaqaanaa teesifamuu kan himan Abbaan Gadaa sagantaa sanan booda abbaan qabeenyaa dhabbatichaa Obboo Mootii Morodaa namoota muraasa akka dirriba uffisanii beekamtii kennaniif isaan gaafachuu himu.

Haa ta'uu malee ''Gadaa ni dirribatti malee gola hambaa keessatti namatti hin dirribamuu, aadaan nuf hin hayyamu jechuun didnee jedhan.''

Waa'ee Irreechaa fi Ambasaaddara filaachuu ykn muuduu irrattis mariin akka hin turre BBC tti himan Gadaa Tuulaama Geetuu Taliilaa.

Garuu erga sagantaan goolabamee deemanii booda taateewwaan ta'an, odeeffannoo fi surraawwan qophii malee kaafamne, akkasumallee, Ambasaddarri Irrechaa muudame jedhu miidiyaarratti bahuu arguu dubbatan.

Dhabbati daldalaa kun namoota isaan waliin hojjatan filachuu fi ambasaaddara godhachuun mirga isaaniti. Nuti gaabaa uffisuu dhiifnus abban qabeenya dhabbaticha akka waliin hojjataniif dirriba iffisaniiru jechuunis haala ture iban.

''Yeroo dirribni itti uwwifamu, Adoonay Afaan Amaaraan yeroo jalqabaaf Abbotii Gadaa biratti argamuun fi aadaa kana jaalachuu ibsera. Nutis warra aadaa fi eenyummaa Oromoo jaalatu taanaan waaqi isin haa jalaatu jeneennirra, garuu Ambasaddara jennee hin filanne waan muudnes hin qabnu'' jedhan.

Adoonaay maal jedha?

Adonaay dhimma ambaasaaddara jedhamuusaa ilaalchisee yaada miidiyaa hawaasaa gubbaatti maxxanseen guyyoota muraasa dura Abbootii Gadaa waliin walargee laaqana nyaachuu ibse.

Saganataa sanarrattis muuxannoo haaraa ''eebbaa fi gorsa guddaan argadhe'' jedhe

''Ammoo ambaasaaddara Irreechaa ta'ee muudame kan jedhu dogoggoradha. Kun akka hubbatamun barbaadaa jedhe.

Garuu wanti beekamuu qabummoo hundi keenyayyuu ambaasaaddaroota aadaa keenyaa ta'uu qabnas.'' jedhe.

Adonay Feestivaala guddaa kana addunyaatti agarsiisuuf ''ambaasaaddara ta'ee muudamunis narra hin jiru jedheera. Aadaafi duudhaa Oromoo barachaa akka jiru fi itti gammaduus dubbateera.

Adeemsi Ambasaddara Irrechaa filachuu seera qabeessa ta'ee Oromoo fi Oromiyaa keessaa qofa filatamuu qaba yaada jedhu kan miidiyaa hawaasa irraa deemaa jiru isin itti amantuu yaaada jedhu yoo ibsan Abbaa Gadaa Tuulaama Geetuu Taliilaa akkas jedhu.

''Abbumaan isa kan Oromoo haa ta'uu malee amma Ayyanni Ireechaa ayyana Addunyaa ta'eera''

Ambasaddarri Irrecchaa karaa seera qabeessa ta'ee fi Biiroon Aadaa fiTurizimii Oromiya beekuun hayyoota duudhaa fi maalummaa ayyanichaa ni beeksisu ni guddisu jedhamee yaadamu Oromoo irras ta'e saboota biroo irraa hanga lammii biyya alaattiyyuu filachuun ni dand'ama deebii jedhu kennan.

''Garuu murtoon akkasii marii fi walgaltee tokko malee adeemsa gola nama dhuunfaa tokko keesstti rawwatamuun miti.''

Yeroo sagantaaan akkasii barbaachisetti Abbootiin Gadaa Ummata Oromoo fuulduratti gama miidiyaan ibsa kennuun iftoominaan ummata kan beeksisaa kan raawwatudha jechuun ibsan Abban Gadaa.

Deebiin dhabbatichaa hoo maali?

Dhabbanni daladaa dhuunfaa Ambaasaaddara ayyaana Irreechaa ummata Oromoo hunda bakka bu'u akkamiin filachuu danda'e jennee Obbo Mootii Morodaa gaafanneerra.

Obbo Mootiin dhabbati isaanii ayyaana Irrechaa irratti sagantaa qopheeffatan qabaachuufi guyyaa eebbaa sanas qaamolee fi namoota adda addaa dhaabbilee isaanii waliin hojjataniif affeerraa taasisuu himu.

Kanneen waliin hojjachuuf waamichi taasifameef keessa tiktookarri Adonay tokko ta'uus eeran Obbo Mootii

''Guyyaa sanas kan ta'e sagantaa beekamtii kennuu fi fulduratti waliin hojjachuuti malee sagantaa Ambasaaddara Irreechaa filuu fi filachuu mitii'' jedhan.

''Adoonay ambaasaddara dhaabbata keenyaa goochuu dandeenya, garuu aangoo fi seera akkamiin Ambasaddara Irrechaa goona?'' jechuun gaafatu?

Kanaaf, odeeffannoo dogongoraa miidiyaa hawaasarra fac'aa jiraachuu fi dhabbatni isaanii kaayyoo akkasii akka hin qabne himan.