Hospitaala balballi cufametti ibiddi qabatee daa'imman 14 lubbuun darbe
Roobii har'aa hospitaala mootummaa Paakistaan keessatti ibiddi qabatee yoo xiqqaate daa'imman 14 lubbuu dhabuu hogganooti hospitaalaa dubbatan. Warri ijaan argan balballi cufaa ture jedhan.
Qondaaloti hospitaalichaa yeroo ibiddi qabate kuticha keessa daa'imman 15tu ture.
Balaan kunikan mudate hospitaala Islaamaabaad Paakistaan keessa jiru isa guddaa jedhamu keessattidha.
Ministirri Fayyaa biyyattii Musxafaa Kamaal daa'ima tokko qofa lubbuun oolchuu isaanii hime.
Haati tokko yeroo ibiddi ka'u daa'imnishee kutaa wal'aansi olaanaa kennamu keessa akka ture himti.
''Maal jechuu akkaan qabuufi eenyuun akkaan komadhu hin beeku,'' kan jette haati kuni, ''Daa'ima koo dhabeera,'' jechuu imimmaaniin dubbatti.
Hospitaalichi sanadni barbaachisu erga guutameen booda reeffi daa'immanii maatiif akka kennamu himeera.
Hojjettoonni yeroo balaa ibiddi kuni ganama sa'atii 12:45 irratti meeshaan qilleensa qorrisisu dhohee ibidda qabachuu himan.
Pireezidant Asiif Alii Zaardaarii maatii ijoollee isaanii dhabaniif jajjabina hawwaniiru, ''kan onnee cabsuufi dhaba bakka buusa hin qabne dha,'' jedhan.
Namooti balaa ibidda kanaaf sababa tahan hatattamaan akka adda baafamaniifi seeraan akka gaafataman yaadachiisaniiru.