Tiraamp fi Neetaaniyaahuun walarguun Iraan irratti karoora baafatan
Qondaalli olaanaan mootummaa Israa'el Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp fi Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuuu walga'ii isaanii irratti tarkaanfii Iraan irratti fudhatamu karoorfachuu ibse.
Iraan akka niwukilara hin gabbisne gochuuf tarkaanfiiwwan akka dippiloomaasii, dhiibbaa diinagdee uumuu fi humna dabalatan akka fudhachuu danda'an waliigalaniiru jedhe qondaalli eenyummaasaa dhoksuun odeeffannoo kenne kun.
Qondaalli Israa'el kun akka jedhetti Neetaaniyaahuun erga Waayit Haawusitti Tiraamp waliin mari'atee booda wayita gaazexeessitootaaf ibsa kennu ammatti Iraan haleeluun filannoo biyyisaa qabdu ta'uu Tiraapitti hin himne.
''Dhumarratti hunduu murteesaati,'' Tiraampiin jechuu qondaalli Israa'el himeera.
Pirezidantiin US filannoowwan sadi qabaachuu fi hunduu bal'inaan irratti mari'atamuu kan kaase qondaalli Israa'el kun, filannoowwan kunneen mariif dhihaatan ''waliigaltee mariin taasifamu, uggura galaanaa fi dhiibbaa diinagdee itti fufuu akkasumas haleellaa cimaa raawwachuudha,'' jedhe.
Tiraamp walga'iisaanii kana dura yeroo garagaraatti Neetaaniyaahuutti mufatee, ittis dheekkamaa ture.
Keessattuu dhiheenya kana karoorri tikaa fi iccitii guddaa aanga'oonni Israa'el gaara Pickaxe jedhamurratti qaban saaxilamuurratti guddoo mufatee ture.
Iddoon lafa jalaa kun bakka gabbisa niwukilaraan wal hidhatu yoo ta'u Tiraamp boombiidhaan barbadeessuuf itti dhaadataas tureera.
Garuu aanga'oonni lameen muddama gidduusaanii ture dagachuun, odeeffannoo tikaa akka waliif qoodan dubbachuu ibse qondaalli Israa'el waan qondaalonni lameen mari'ate hime kun.