Tigraayitti interneetiifi bilbilli 'ajaja TPLF'n addaan cite', maaliif?

Dubartii teessee bilbila ilalaa jirtu
Ibsa waa'ee suuraa, Kanaan dura waraana kaabaa waggaa lama tureen tajaajilli bilbilaafi interneetii addaan citee ture.
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Gareen TPLF kan bulchiinsa naannoo Tigraay to'achuun mootummaa federaalaa waliin waraanaa haaraa eegale tajaajila bilbilaa fi intarneetii naannichaa addaan kutuu isaanii Rooyitarsi gabaase.

Naannoo Tigraay keessatti, Kamisa halkan irraa eegalee tajaajilli bilbilaa fi interneetii Itiyoo-Telekoom adda cituu jiraattootni BBC'tti himuu gabaafne turre.

Fayyadamtoonni Safaricom Jimaata ganama BBC waliin haasa'an akka jedhanitti, Tigraayitti kan fayyadamtoota hedduu qabu tajaajilli Itiyoo Telekoom Kamisa halkan irraa eegalee tajaajila kennaa hin jiru.

BBC'n dhimma kana irratti Itiyoo Telekoom irraa yaada fudhachuuf irra deddeebiin daayreektarri komunikeeshinii fi hoji gaggeessituu dhaabbatichaaf bilbilee, akkasumas, ergaa gabaabaa ergus deebii hin arganne.

Haa ta'uu malee tajaajilli kun akka adda citu kan taasifame ajaja humnoota Tigraayiin ta'uu Rooyitersi maddoota isaa eeruun gabaasera.

Dhabbatichi madda dippilomaasii dabalatee maddoota dhimmicha beekan afur wabeeffachuun akka ibsetti, tajaajilli bilbilaa fi intarneetii Tigraay keessatti addaan cituun murtee hoggansa humnoota Tigraayiitin ture.

Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay mootummaa federaalaan muudame kaasuun bara darbe baatii Caamsaa keessa aangoo kan qabate gareen kun dhabbata tajaajila qunnamtii mootummaa kan ta'e ItiyooTelekoomakkasumas dhaabbata dhuunfaa Safaricom naannicha keessaatti akka tajaajila hin kennine ajaja dabarsuutu ibsame.

''Tajaajiloota qunnamtii murteessoo kana addaan kutuun, "humnoonni mootummaa haleellaa diroonii raawwachuuf interneetii moobaayilaa akka hin arganne gochuuf kan karoorfame ta'uu danda'a" jechuun maddi tokko sababa isaa ibseera.

kana jechuun mootummaa federaalaa humnoota Tigraay irratti haleellaa diroonii raawwachuuf carraa argatan daangessuuf tarkaanfii fudhatameedha.

Diroonii
Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Paartiin Simiret kan miseensota duraanii TPLF'n hundeeffamee fi gorsaa Minsitira Muummee obbo Getaachoo raddaan hoogganamus maxxansa fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti baaseen hoggantoonni TPLF tajaajila qunnamtii addaan kutan jechuun himate.

Itti dabaluunis, TPLF naannichatti tajaajila interneetii fi bilbilaa addaan kutuuf "yeroo dheeraaf shira xaxaa" akka ture fi Fulbaana 24, 2026 galgala irraa eegalee tajaajilichi akka addaan citu taasiseera jechuun himate.

BBC'n dhimma kana irratti yaada qaamolee TPLF irraa argachuuf irra deddeebiin bilbilaan qunnamuuf yaalii taasisus, sababa tajaajilli addaan citeef milkaa'uu hin dandeenye.

Maddi TPLF waliin hariiroo dhihoo qabu tokko, maqaan isaa akka hin eeramne gaafachuun, "Tajaajila bilbilaa fi interneetii addaan cituuf kan itti gaafatamu TPLF osoo hin taane mootummaadha" jechuun himate.

Maddi kun mootummaa federaalaa himatus, sanadni xiinxala balaa baatii Fulbaanaa keessa dippilomaatotaaf qoodamee fi Rooyitersis argate, TPLF magaalota Tigraay hedduu keessatti tiraansfoormaroota Itiyoo Telekoom keessaa baasuun tajaajila telekoomii addaan kutuuf karoora qabaachuu agarsiiseera.

Itiyoo Telekoom yeroo waraana Tigraayii waggoota shan dura geggeeffameen bu'uuraaleen telekoomii isaa birrii biliyoonaan lakkaa'amutti tilmaamamu barbadaa'uu ibseera.

Dhaabbatichi waraana booda tajaajila naannichaatti deebisee hojii eegalchiisuuf baajata guddaa ramaduu fi bu'uuraalee isaa deebisee suphaa turuu isaa ibseera.

Tajaajila bilbilaa fi interneetii addaan kutuun yeroo ammaa Tigraay keessatti rakkoo guddaa umaa jira. Haa ta'uu malee sababa tajaajilli kun addaan citeef gama TPLF fi mootummaa federaalaa irraas ifatti ibsi kenname hin jiru