Ayaan Hirsii Alii: Dubartii 'falmisiistuu' Somaaliyaa baqattee Awurooppaa hanga UStti mirga dubartootaaf falmaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images
Daa'imummaatti akkawoonshee galgala gaafa abidda bira taa'an, akka hidda sanyii bartuuf "ati kan eenyuti?" jettee gaafatti. "Maqaan koo Ayaan, intala Hirsii. Hirsiin kan Magani....," jettee deebistiif.
"Hidda sanyii kee hin dagatin; dhiiga keeti. Yoo maqaa sanyii kee kabajje ni kabajamta, yoo maqaa hidda sanyii kee hin kabajne salphattee kophaatti hafta. Gaafa duute namni siif hin boo'u," jetti akkawoonshee.
Ayaan Hirsii baadiyyaa Somaaliyaatti loon tiksaa, haadhafi akkawoosheef ergamaa guddatte. Lafa aadaafi gosa kabajuun iddoo guddaa qabu keessatti hidda sanyii lakkaa'aa, boru gaafa heerumtuuf durba kabajamtuu 'maqaa warraa hin balleessine' taatee guddachuuf keessumaa gorsaafi dheekkamsa akkawooshee hordofaa guddatte.
Ayaan Hirsii yeroo ammaa addunyaarratti finxaalesummaa amantii, sarbama mirgaa dubartoota irratti rawwaatuufi aadaa kittaanaa dubartootaa keessatti guddattee turteefi keessa dabarte irratti hubannoo uumun beekamti.
Gama biraan ammoo 'dubartii jibba amantaa Musliimaa qabduufi dhaadhessitu' jedhamuun "dubartii falmisiistuu" jedhamuunis maqaanshee ka'a.
Aadaan keessatti guddatte dubartoonni dhaqna qabachuu, gosa kabajuun dirqama yoo ta'u, shamarreen tokko durbummaan heerumuushee mirkaneessuuf 'qaama saalaa hodhuun' naannoo itti barame keessatti guddatte.
Abbaanshee bara bulchiinsa Ziyaad Barree nama siyaasaa mormituu beekamaa waan ta'eef mana hidhaatti erga rakkataa turee booda, mana hidhaatii baqatee jireenya baqaaf dirqame.
Ayaan Hirsiis maatiishee waliin daa'imummaan gara Saawudiitti baqattus waggaa osoo hin guutin gara dhufanitti akka deebi'an godhaman.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haa ta'u, garuu gara Somaaliyaa osoo hin taane Itoophiyaatti baqatan. Itoophiyaatti simannaa godhameef akkasumas hawaasa aadafi amantii garaa garaa qabu arguusheetti baay'ee akka ajaa'ibsiifatte himti Ayaan.
Turtii yeroo muraasaa booda Itoophiyaarraa gara Keeniyaatti imaluun haadhafi obbolaashee waliin Keeniyaa keessa jiraachuu eegalan.
Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessa hawaasa Somaalee kaan waliin jireenya eegalte. Barattee guddattee dubarba geessuu taate.
Yeroo kanaadha qormaanni cimaan kan ishee qunname. Abbaanshee nama biyya Kanaadaa jiru tokkotti heerumsiisuuf waliigale. Ayaan Hirsii yaada lama gidduutti qabamte: baruumsa ammaayyaa eegalteen fullaatee dubartii jabduu ta'uu ykn akkuma akkooshee, haadhashee ykn dubartoota kaanii heerumtee mana godhattee ijoollee hortee jiraachuu.
Aadaa Somaalee keessatti guddatte keessatti maatii abboomamuu diduun, keessumaa abbaa ofii diduun, fafa. Affeerraa heerumaa abbaanshee dhiyeessef kana fudhachuu diduu hin dandeenye. Gama biraan ammoo carraan koolugaltummaa isheen guutte balbala banee ishee simateera.
Ayaan Keeniyaa yeroo turtetti baruumsa ammayyaan wal-baruunshee mirgasheef akka gaafattuuf carraa baneefira. Garuummoo abbaasheefi aadaa Somaalee dura dhaabbachuun gaara itti ta'e.
'Naman hin jaalannetti hin heerumu jedheen Hoolanditti bade'
Ayaan Hirsii magaalaa Naayiroobii keessa maatiishee waliin osoo jiraattuu, guyyaa tokko abbaanshee masjiidaa dhufee"har'a oduu gammachiisan qaba. Rabbi kadhata keenya dhagaheera nuun jedhe," jetti kitaabashee Infidel jedhu keessatti.
Inni abbaanshee oduu gaarii jedheen fedhiishee malee nama Kanaadadhaa dhufee har'uma masjiida keessatti wal-arganitti heerumsiisuuf walii galee dhufuusaati.
Ayaan durba heerumaaf geesse taatus nama hin beeknefi hin jaalannetti heerumuu hin feetu. Abbaashee waliin falmiitti seente. "Akkamitti naman hin beeknetti heerumi naan jetta" jettee gaafachuu himti.
Abbaanshee garuu nama Kanaadaa dhufe, ilma warra guddaa maqaa qabuufi qabeenya qabu "akkamiin didda? Maqaa koo balleessuu barbaaddaa?" jedhee aangoo abbummaa fayyadamee ishee amansiisuu yaale.
Namni abbaan manaashee itti heerumsiisuf waliigale manasaanii dhufuun akka wal-baran haalli mijeeffame. Abbaashee hawaasa Somaalee keessatti qaanessuu hin feene.
Torban tokko keessatti sirni nikaa gaggeeffame. Ayaan itti waliigaluu baattus abbaanshee waan mallatteessef nikaan sun akka gaa'ela seera qabeessatti fudhatamee mootummaa Keeniyaa biraa waraqaan ragaa kana mirkaneessu qophaa'e.
Namni isheen nikaa galteef Kanaadatti deebi'ee akka ishee fudhatuuf waadaa galee deeme. Haa ta'u garuu imalli gara Kanaadaa deemuu waan ishee jalaa harkifateef Jarman deemtee achirraan akka imaltuuf haalli mijate.
Jarmanitti firoonni abbaa manaashee ishee simatanii of bira tursiisan. Osoo Jarman jirtuu yaanni tokko sammuutti dhufeef- akkamiin jalaa baduu akka dandeessu. Kaayyonshee UK deemtee achitti koolugaltummaa gaafachuudha.
Garuu UK deemurra Jarmanirraa gara Hooland akka deemtu namarraa gorsa argatte. Hoolanditti imaltee koolugaltummaa gaafatte.
'Ati hamtuu akka yeeyyiti, akkuman beekkadhe maqaa koo salphiftee!'
Ayaan Hirsii duruu mirgasheef falmachuuf hanga dandeettishee akka falmattu himti. Awurrooppaa erga dhaqxee dubartoonnis akkuma dhiiraa waa'eesaanirratti murteessuufi mirga wal-qixa qabaachuusaanii bartee caalmatti onnatte.
Amma namni harka qabee nama abbaanshee itti ishee kenne bira akka deemtu ishee dirqisiisu hin jiru. Heerumuunis dhiisunis mirga.
Abbaan warraashee Kanaadaa bahee Holaanditti ishee barbaacha dhufus gaa'ela fedhiin alaatti akka hin galle itti himte. Hawaasa Somaaliyaa Hooland jiran keessaa walitti bahan jaarsummaa bakka kaampii koolugaltoonni keessa qubatan dhaqanii ishee kadhatanis, sossobanis, itti dheekkamanis murteesheerraa duubatti hin deebine- deebinshee "naman hin jaalannetti hin heerumu" kan jedhuudha.
Ayaan gaa'ela fedhiin alaa diduutti garaanshee qabbaneeffatus, gaa'ila abbaanshee filateef diduusheetti abbaanshee guddaa akka itti gaddu beekti. Kanaaf dhiifama gaafachuuf xalayaa barreessiteef.
Xalayaasheef abbaanshee qalama diimaan [mallattoo abaarsaa kan ta'e akka Ayaan jettutti] barreessee deebiseef.
"Si yaa jeedala haxxee nana! Sin fedhu na hin barbaadiin. Rabbi akka na salphiste si haa salphisu. Kun ergaa dhumaa narraa si qaqqabuudha...jahaannama dhaqi, achitti seexaanni si haa simatu!" kan jedhu akka barreesef kitaabashee Infidal jedhu keessatti barreessiteetti.
Waanuma abbaasheerraa eegde akka argatte himti. Garuu abaarsifi gaddi abbaashee murteesheerraa ishee hin deebisne. Abbaan manaashee Kanaadaa ishee fudhachuu dhufe harka duwwaa gale. Isheenis Hooland keessatti hawaasashee, gosaafi namoota kaanirraa adda baate.
Garuummoo lammiilee Hoolandifi baqattoota biroo achi jiraatan waliin wal-baraa aadaafi afaan biyyattii barachaa dhufte.
Hanga miseensa paarlaamaa Neezarlaandis ta'utti
Ayaan salphaatti aadaa, afaanifi hawaasa warra Neezarlaandis/Hoolanditti madaqxe. Iyyanni koolugaltummaashee fudhatama argatee heddu osoo hin turin lammummaa biyyattiif iyyatte.
Bara 1997 keessa lammummaa Neezarlaandis argatte. Lammii biyyattii erga taatee booda siyaasa keessatti sagaleen kennuun hirmaachurraa gara filatamuutti ceete.
Filannoo bara 2003 Hoolanditti gaggeeffameen miseensa paarlaamaa biyyattii taatee filamte. Yerodhuma miseensa paarlaamaa taatee filamte kanatti amantii Islaamaa dhiistee garee Waaqni hin jiru jedhee amanu [Athiest) ta'uushee ifatti beeksiste.
Amantaa Islaamaa dhiisuu qofa osoo hin taane, af-gaaffii miidiyaalee garaa garaa waliin taasistuun qeeqni isheen amanticharratti dhiyeessitu rakkoo keessa ishee galche. Keessumaa baruma filannoorratti mo'attee miseensa paarlaamaa taate af-gaaffii miidiyaa biyyattii waliin taasisteen yaanni isheen waa'ee Nabiyyuu Mohaammad kaaste himannaafi doorsisa hedduuf akka ishee saaxile kitaabashee keessatti barreessiteetti.
Paarlaamaa Hooland irratti dhimma dubartoota hacuuccaan irra gahuufi kanneen Somaaliyaa dabalatee biyyoota biroo irraa gaa'ela fedhii maleefi sababa garaa garaan dhiibbaan irra gahuuf eegumsi seeraa akka godhamuufi sarbama mirgaa isaanirra gahuuf seerri akka qophaa'uuf wixinee seeraa garaa garaa dhiyeessiteetti.
Gama biraan ammoo dhimma amantaa irratti yaadi isheen miidiyaalee irratti kaastu balaarra ishee buusuu eegale. Bakka isheen jiraattu intarneetii irratti maxxansuufi doorsisni garaa garaa irra gahuu eegale.
Keessumaa Hooland keessatti fiilmii hojjachuun kan beekamu Tiwoo Vaan Googh Ayaan Hirsii waliin fiilmii waa'ee dhimma amantaafi hacuuccaa dubartootarra gahu ittisuu ilaallata jedhame hojjachuurraa kan ka'e magaalaa Amistardaam keessatti ajjeefamuu booda biyyattii keessatti waa'ee Ayaan falmiin guddaan uumame.
Ogeessi fiilmii beekamaan biyyattii Tiwoon gaafa ajjeefamuf, namni isa ajjeese xalayaa Ayaan Hirsii ilaallatu irratti maxxansee akka deeme Ayaan kitaabashee keessatti ibsiti.
Xalayichi arrabsoo amantaa Islaamaa irratti gaggessiteef akkuma nama fiilmii ishee waliin hojjatee 'duuti akka ishee eeggatu' kan ibsuudha. Sodaachisi akkasii miseensa paarlaamaa kan taate Ayaan Hirsiirra gahuun mootummaa biyyattiif yaaddoo guddaa uume.
Hatattamaan yeroo muraasaf biyyaa akka baatu mootummaan Hooland murteesse. Ayaan akka jettutti, xayyaara waraanan dhoksaan fuudhamtee loltootan ajjabamtee gara Ameerikaa geeffamte.
Torban sadii ol Ameerikaatti erga dhokfamtee booda gara biyyaa deebi'uun paarlaamaa biyyattiitti dhiyaattee haasaa taasifte. Sana boodas mootummaan yaaddoo nageenyaasheef jecha iddoo eegumsa cimaa ishee kaa'uun ishee eegaa ture.
Sababasheen paarlaamaan Neezarlaandis diigame
Ayaan Hirsii siyaasatti erga seentee booda paartii siyaasaa People's Party for Freedom and Democracy jedhu keessatti hirmaachuun bara 2003 hanga 2006tti miseensa paarlaamaa Hooland taatee tajaajiluushee dhaabbanni isheen amma qorattuu taatee tajaajiltu Huuvar Inistiitiyuut jedhamu ni ibsa.
Hawaasi biyyoota garaa garaa irraa koolugaltummaan dhufan hawaasa biyyattii akka makamaniif jajjabeeffamuu akka qabaniifi mirgi 'dubartoota Musliimaa' akka kabajamuuf paarlaamaa biyyattii keessatti falmii cimaa taasisaa turte.
Bara 2006 keessa rakkoo biraa keessa seente. Yeroo Hoolanditti koolugaltummaa gaafattu odeeffannoo sobaa fayyadamte ykn milaammilchiteetti himannaa jedhuun lammummaan Hooland akka irraa mulqamuuf paarlaamaa biyyattii isheen miseensa itti taate keessatti falmiin ka'e. Isheen paarlaamaa keessaa akka baatufis sababa ta'e
Motuummaan boodarra lammummaan Ayaan Hirsii akka irraa hin mulqamne murteessusu, akkaataa itti dhimmicha ilaalerratti falmiin ka'uun kaabineen filannoon yeroosaa malee akka gaggeeffamuuf sababa ta'e.
Ayaan Hirsii Hooland dhiistee gara Ameerikaatti qajeelte. Bara 2007 dhaabbata dhimmoota akka finxaalessummaa amantii irratti yuunivarsiitiwwaniifi konfiransii garaa garaa irratti affeeramuun haasaa taasisuu itti fufte.
Keessumaa maqaa amantiifi aadan mirgi dubartootaa akka hin dhiitamne, barsiifata dubartootarraan miidhaa geessisaniifi finxaalessummaa amantiirratti cimsitee dubbachuun beekamti.
Amantaa Islaamaa dhiistee gara ilaalcha Waaqni hin jiru jedhuutti erga jijjiramtee yeroo dheeraa booda bara 2023 amantaa Kiristaanaa fudhachuu ifatti beeksifte.
Waggaa ittaanu falmiin isheen michuushee duraan ilaalcha Waaqni hin jiru jedhuun waliin hojjataa turan Richaard Daawukiins waliin maalif akka amantaa Kiristaanaa fudhatterratti Niwu Yoorkitti taasisuunshee ni yaadatama.
Kitaabshee heddu ittiin beekamte Infidel jedhuun alatti kitaabotaafi barreeffamoota heddu barreessiteetti.
Ayaan Hirsii qorataa seenaa beekamaa Niyaal Fargusan waliin bara 2011tti gaa'ela erga dhabbatanii lammummaa Ameerikaa argattee jiraatti.
Imallishee baadiyaa Somaaliyaa keessa re'eefi loon tiksuurra jireenya baqaa biyyoota akka Saawudii, Itoophiyaa, Keeniyaafi Hooland ture qormaatan kan guutame ta'us, baqattummaarraa hanga miseensa paarlaamaa biyya itti baqattee ta'uutti geessetti.






![Sr. Aster Ayyaanaa [bitaa gara mirgaatti sadaffaa irra kan jirtu]1960 UN jalatti nagaa kabchiisuuf Koongootti yeroo ergamte.](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/660/cpsprodpb/a04f/live/036f7ab0-6326-11f0-af20-030418be2ca5.jpg.webp)








