Naadiyaa - Gareen gudeedamuu hanga Badhaasa Nobeelii Nagaa injifachuutti

Naadiyaa Muraad

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Naadiyaan haleellaa hidhattoota IS'n obbolaa ishee dhiiraa jahaafi haadha ishee dhabdeetti, isheen immoo ''gabrummaa saalqunnamtiif'' saaxilamte
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Akkeekkachiisa: Qabiyyeen gabaasa kanaa miira keessan jeequu mala.

Naadiyaa Muraad lammii Iraaqidha. Seenaa jireenyashee kaleessaa keessaa lubbuun ooltee warri hafaniif guddoo watwaatti.

Dhaloonni ishee saba bicuu Yaazidii jedhaman keessaati. Ji'oota sadiif hidhattoota IS jalatti gudeedamte, dararamtees.

Bara 2014 harka hidhattoota Islaamik Isteet (IS) jedhaman jala seente.

Kunis, erga hidhattoonni kuni qe'ee maatii ishee Kaaba Iraaq jiru keessa humnaan seenan boodadha.

Hidhattoonni IS obboloota ishee dhiiraa jahaafi harmee ishee ajjeesuun isheemmoo 'saalqunnamtiif' fudhatan. ''Garbummaa saalqunnamtii'' jala kaa'an.

Amantii ishees amantaa Islaamaa gartuun IS fedhutti akka jijjiirrattu dirqan.

Harka isaanii jalatti akka midhaaniifi horii irra deddeebiin gurguramte. Haleellaa saalaafi qaamaafis saaxilamte.

Sadaasa 2014 dararaa kana jalaa erga baqatte booda ummata ishee warra Yaazidii jedhamuuf falmaa jirti.

Namoota daddabarsuun, akkasumas gudeeddii akka meeshaa waraanaatti ilaaluun haa dhaabbatu jechuun gaafatti.

Sochii ishee kanaanis bara 2018 Badhaasa Nobeelii Nagaa injifatte.

Gaafas akkamiin qabamte?

Yeroo hidhattoonni IS qe'ee warra isaanii daangaa Soriyaatti dhihaatu irratti haleellaa banan umriin ishee 21 dha.

Hidhattoonni kuni namoota amantaa isaanii Islaamaatti jijjiiruu didan ajjeesan.

Hidhattoonni IS ummanni Yaazidii ''Waaqatti hin amanan'' jechuun badii kana irraan gahu.

Sababa kanaan obboloonni ishee jahaafi harmee ishees ajjeefaman.

Erga qabamte booda humnaan gara Mosuul geeffamte. Yeroos Mosuul wiirtuu teessoo IS turte.

Achitti amantaa ishee Islaamaatti akka jijjiirrattu dirqan, saalqunnamtiif irra deddeebiin akka midhaanii gurguramte.

Kuni qaama garbummaa saalqunnamtii garee IS dha.

Bara 2017 barreeffama barreessite keessatti akkana jettee katabde : ''Yeroo tokko gudeeddii malee waan biraa hin turre. Kuni waanuma guyyuu mudatu ta'e.''

Gaaffiifi deebii BBC waliin taasisteen miliquuf yaaltee akka turte dubbatte. Garuu, waardiyyaa tokkoon qabamte.

Eenyutu miliquu ishee gargaare?

Akka isheen jettutti, seera isaanii jalatti dubartiin osoo baqattu qabamte jennaan adabbiin isaa cimaadha.

''Yeroo jalqabaaf yeroon miliquu yaalu nama jalqaba na gudeedeefi na reebe waliinan ture. Fiiguun qaban jedhe garuu waanan milkaa'u natti hin fakkaanne.

''Hidhattoonni Daa'esh Mosuul keessa bakka hunda jiru.

''Karaa foddaa miliquufan yaale garuu yeroosuman waardiyyaa tokkoon nan qabame. Innis kutaa tokko keessa na galche.''

Akkaataa sirna isaaniin dubartiin tokko osoo baqattuu yoo qabamte kutaa tokko keessa galchanii dhiirota dallaa keessa jiran hundaan akka gudeedamtu ta'a.

Aadde Naadiyaa Muraaditt kan mudate kana ture. Wanta kana ''jihaadii saalqunnamtii'' jedhanii waamu jechuun himti.

''Gareen na gudeedan. Kanas saalqunnamtii Jihaad jedhanii waamu. Eegasii lammata deebitee baqachuu akka hin yaadne,'' dubbatti.

Boodarra garuu yaada jijjiirratte. Namni isheen Mosuulitti bira turte qofaa jiraata ture.

Naadiyaa fi ogeessi fayyaa Kongoo Deniis Mukwegee bara 2018 Badhaasa Nobeelii Nagaa waliin injifataniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Naadiyaa fi ogeessi fayyaa Kongoo Deniis Mukwegee bara 2018 Badhaasa Nobeelii Nagaa waliin injifataniiru
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Boodarra nama biraatti ishee ''gurguruuf'' akka jedhu itti hime, uffatas biteef.

''Akkan dhiqadhuufi gabaatti dhihaachuuf akkan of qopheessu natti hime. Garuu, waan danda'amu miti jedhee yaadus dallaa keessaa nan miliqe.''

Yeroos dallaa keessaa baqattee mana ollaa seenuun gargaarsa gaafatte.

Maatiin isheen itti baqatte kuni Musliima ta'anis hidhattoota IS waliin hariiroo hin qaban jetti.

''Obboleessi kiyya waan barbaaddan isinii kenne jedhee itti hime. Maatiin kunis Daa'esh [maqaa biraa IS ittiin waamamudha] akka hin deeggarreefi isaan waliin hidhata homaatuu akka hin qabne natti himan.

''Gargaarsa danda'an hunda naaf taasisan. Abaayaa [uffata dubartoonni Musliima ta'an uffatan] gurraachaafi waraqaa eenyummaa Islaamikii naaf kennanii hanga daangaatti na geessan.''

Akka isheen miliqxuufis haala mijeesan. Dubartoonni hidhattoota kana jalatti hafan yaaddoofi sodaarraa kan ka'e kan of ajjeesan jiru.

Naaadiyaan harka hidhattoota kana jala seenuun ''du'arraa'' garaagarummaa hin qabu jetti seenaa ishee yoo himtu.

Ta'us, of miidhuuf yaaddee hin beektu, akka isheen jettutti.

''Hidhattoota Daa'eshiin qabamuukoo duraafi boodas of ajjeessuuf yaadee hin beeku.

''Namni hunduu waan Waaqni isaaniif kenne fudhachuu qabu jedheen amana.''

Naadiyaan erga haala kanaan baqattee booda hawaasa Kurdiishitti baqattee kaampii keessas Yaazidiiwwan kaan waliin dahoo argatte.

Boodarra gara Jarman, Awurooppaa ce'uu dandeesse.

Gara falmiitti

Dubartiin kuni eega Awuroppaatti ceetee booda dubartoota kumaatama gartuu IS jalatti 'garbummaa saalqunnamtii' jala jiraniif qabsaa'aa baate.

Bara 2016 Mana Maree Awurooppaan badhaasa Mirga Namoomaa Vaclav Havel jedhamu badhaafamte.

Manni murtii idil-addunyaa yakka garee IS'dhaan raawwatamu jette akka ilaalu gaafatte.

Waggaadhuma sana keessa Parlaamaan Awurooppaa Badhaasa 'Sakharov Prize for Freedom of Thought' jedhamu badhaafamte.

Waggaa boodammoo kanneen daddabarsa namootarraa oolaniif Ambaasaaddara Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) taate.

Akka UN yeroos himetti, yeroo jalqabaafidha namni haleellaa akkanaarraa oole badhaasa kana kan argate.

Naadiyaa Pirezidantii US Donaald Tiraamp waliin kana dura wal arganiiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Naadiyaa Pirezidantii US Donaald Tiraamp waliin kana dura wal arganiiru

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii waraanaafi walitti bu'iinsa keessatti haleellaa saalaa raawwachuu yakka waraanaati jedhee labseera.

Badhaasi guddichi hanga ammaa argatte garuu Badhaasa Nobeelii Nagaati.

Bara 2018 badhaasni kuni bakkee waraanaatti gocha gudeeddii raawwatu kanneen mormuun duula jabaa gaggeessaa turanif kenname.

Badhaasa kanas ogeessa fayyaa lammii Kongoo Dr Deenis Mukwegee waliin qooddatte.

Naadiyaan seenaa ishee kana kitaaba ''The Last Girl' jedhu keessa katabdeetti. Bara 2024 UN gartuu IS seeratti dhiheessuu dadhabe jechuun komatteetti.

Ogeessa seeraa mirga namoomaa Amaal Kiloonii waliin tahuun IS itti gaafatamaa gochuun inisheetivii Naadiyaa jalqabsiisuun deebisanii hawwaas isaanii miidhame ijaaraa turan.

Warreen lubbuun oolanis akka naannichaa baafamaniif sagalee tahaafii turan.

Duguuggaa Sanyii Yaaziidii waggaa kudhaniin booda, Naadiyaan addunyaa irratti mallattoo cichoominaa tahuun itti fufteetti.