Meesii gaggeessuu irratti miira turee fi waan jedhame

Madda suuraa, Getty Images
'Addunyaan isin galateeffatti,' jedhe Liyooneel Meesiin tapha biyya isaa Arjentiinaaf magaalaa Booniis Aaayiresitti gaggeeffamerratti Beeniin waliin isa dhumaa taphateen.
Meesiin taphoota 208 biyya isaaf taphatee goolii dhumaa isaa galchuun soorama bahuu isaa labseera. Kun ammoo goolii isaa 126ffaa isaa ta'uu isaati.
Kana malees, tapha isaa dhumaa Arjentiinaaf taphateen kubbaa lama gooliif ta'u mijeessee kennuun Beeniin 3 fi 0n mo'ataniiru.
Meesiin tapha idil-addunyaa keessaa akka soorama bahu Hagayya kan beeksise yoo ta'u, Onkoloolessa 6, 2026 ammoo qophii addaa istaadiyeemii namoota 85,000 qabateefi guutummaa magaalaa kumaafi kitilaan ummanni bahee lafa dhiphiseen gaggeessaan taasifameeraaf.
Qophiin gaggeessaa isaa kun haasaa Meesiin nagaa ittiin dhaammate, seenaafi mudannoo isaa dhiyaate, akkasumas qophiin sirbaafi agarsiisni gara garaa turaniiru.
Meesiin imimmaan qabachuu dadhabe. Manatti, karaatti, konkolaataafi waltajjiirratti biyya isaa fi ummata isa jaallatu miira keessa ta'uun galateeffateera.
Arjentiin keessaa sooramaan bahus garuu Meesiin kilaba biyya Ameerikaa amma keessa taphachaa jiru Inter Maayaamii keessa garuu hanga dhuma kontiraata isaa 2028tti ni tura.
Taphataa duraanii Baarseloonaa fi PSG kan ta'e Liyooneel Meesiin, badhaasa kubbaa miilaa guddicha Ballon d'Or si'a saddet mo'achuun seenaa addaa taphataan kamiyyu hin galmeessine of harkaa qaba.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Hagayya darbe akka soorama bahu yeroo beeksisetti, "ni ulfaata" garuu "waan hin oolleef yeroon isaa amma dhufeera" jedhe.
Meesiin tapha idil-addunyaa biyya isaaf taphate keessatti kallattiin gara milka'ainaatti hin seenne ture. Akka kilaboota keessatti milkaa'e gama biyya isaa Arjentiinaaf gumaachaa tureen milkaa'inatti ba'uudhaaf yeroo isa fudhatee ture.
Boodarra garuu Waancaa Addunyaa tokkoo fi Copa Ameerikaa lama Arjentiinaa waliin mo'achuun seenaa yoomiyyu hin dagatamne hojjeteera.
Waancaa Addunyaa Qaataar 2022, akkasumas Coppaa Ameerikaa bara 2021 fi 2024 biyyi isaa mirgaan galerratti amballii ta'ee garee Arjentiinaa durseera.
Milkaa'ina kana dura garuu kilaboota keessatti mootii kubbaa ta'ee osoo jiruu kan biyya isaa keessatti gufuun itti baayyataa tureera.
Kanaan ammoo taphataa yeroo kamiyyu qixxee hin qabne jedhameera.
Seenaa Waancaa Addunyaa keessattis goolii baayyee lakkoofsisuun taphataa lamaffaadha. Kunis gooliiwwan 21 lakkoofsisuun, taphataa lammii Faransaay Kiliyaan Imbaappee kan goolii 22 biyya isaaf lakkoofsisetti aana.
Goolii sadarkaa idil-addunyaatti lakkoofsie (125) qabatee taphataa yeroo hunda morkataa isaa ta'e lammii Poorchugaal Kiristaanoo Ronaaldoo (146)'tti aanee sadarkaa lammaffaa qabateeera.

Madda suuraa, Reuters
'Akkan isa jaalladhu itti himuun barbaada'
Hiriyyoonni Meesii amma waliin taphachaa jiranii fi kanaan duras waliin taphachaa turan miidiyaa hawaasaa isaaniirratti soorama bahuu isaarratti ergaa dhaamaafiif jiru.
Baarseloonaa fi PSG keessatti kan waliin taphate taphataan lammii Biraazil Neeyimaar, "Arjentiinaa qofa miti kan si galateeffatu, kubbaa miilaa keessatti waan goote hundaaf addunyaadhumatu si galateeffata," jedhe.
Itti dabaluun: "Kubbaa miilaa akkan caalaa jaalladhu waan na gooteef galatoomi. Si waliin taphachuukoo fi si waliin seenaa hojjechuukootti kabajatu natti dhaga'ama," jedhe.
"Ani caalaan nama gaarii, dhala namaa gaarii, atileetii gaarii, abbaa gaarii fi hiriyyaa gaariin ta'e.
"Ani akkan isa jaalladhu isatti himuun barbaada. Innis akka obboleessa koo ta'e ni beeka, obboleessa garaa qajeelaa qabudha," jechuun waa'ee Meesii ibse Neeyimaar.
Hiriyyaan isaa garee biyyaalessaa Arjentiinaa Anjeel Di Maariyaas akkas jedhe: "Yeroo inni gammadu isa arguun, akkasumas waan danda'u hundaa [biyya isaaf kennee] arguu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru. Kun hunda keenya nu gammachiisa.
"Yeroo hunda isaaf galatan qaba."
Jireenya Ijoollummaa
Umurii isaa waggaa 13'n garee guddattootaa Baarseloonaa umurii 14 gadii galuun taphoota 14 irratti galchii 21 lakkoofsise.
Baarseloonaan taphataa raajii argine jechuun yeroo umuriin isaa waggaa 16 guutu garee taphattootaa ga'eessotaa [senior] galchuun tapha michummaa irratti taphachiisan.
Mootii kubba miilaa adunyaa ammaa, akka bakkalcha barii fuula deeggartoota isaa ibse, Liyonel Andires Meesii.
Magaalaa Roozaariyoo, Arjentiinaatti A.LAtti 1987 dhalate. Kilaba magaalichatti beekamu Newell Old Boys jedhamu umurii isaa waggaa saddetiin galuun daa'ima xiqqaan dandeettii kubba ajaa'ibsiisaa agarsiise.
Haatahu malee, hakiimonni qorannoo gaggeessuun hanqina hormoonii hojjaan isaa akka hin guddanne godhu (quucara isa taasisu) akka qabu maatii isaatti himan.
Dandeettii kubbaa miilaa addaa qabaatee quucara ta'uun isaa akkam nama yaaddessaa? Keessumaa maatii isaaf ulfaataa ture.
Abbaan isaa Horjee fi harmeen isaa Sisiliyaan hoormoonii hojjaa dheeressu lilmoon kennamu akka argatu gochuuf murteessan.
Garuu ji'aan doolaara dhibbaan tilmamamu kaffaluu hin dandeenye. Maatiin isaa hojjetoota warshaa sibiilaa yoo tahan, cinatti ammoo hojii qulqulleesummaa irratti qacaramanii hojjetu ture.
Dandeettiin Mesii garuu ija kileboota gurguddaa Garba Atileentik gama jiraniyyu harkisuun Baarseloonaan ariifatee harkasaa galfate.
Daa'ima waggaa 13 waan tureef maatiin isaa walumaan gara Ispeenitti imalan. Kilebichi baasii yaalii isaa danda'uun hoormanii hojjaan isaa akka dabalu taasisu argataa ture.





























