Meesii:- 'Gaggeessuu hin danda'u' jedhamuu irraa hanga olaantummaa ajaa'ibaa galmeessuutti

 Mesiin quba isaa baasee suura ka'a ayeroo jirutti

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

"Waan qabu hunda kenneera, kanan hambifadhe hin qabu".

Mesiin taphataa Arjentiinaa seenaa keessatti goolii lakkoofsisuufi hunda caalaa injifannoorratti injifannoo gonfachuun kan jalqabaa ta'ee Wixata Hagayya 31, 2026 soorama bahuu beeksise. Waancaa Addunyaa Qaataar 2022, akkasumas Coppaa Ameerikaa bara 2021 fi 2024 biyyi isaa mirgaan galerratti amballii ta'ee garee Arjentiinaa durseera.

Milkaa'ina kana dura garuu kilaboota keessatti mootii kubbaa ta'ee osoo jiruu kan biyya isaa keessatti gufuun itti baayyataa tureera.

Guyyaa Dilbataa Waxabajji 26 bara 2016 Niiwu Jarsii Istaadiyeemii MetLife jedhamu keessatti Mesiin dubbii dubbii biyyasaa Arjentiinaa mogolee buuse tokko dubbate eture.

Mesiin yeroo sana umuriin isaa waggaa 29 guyyaa lama darbee waancaa Koppaa Ameerikaa Chiilii waliin turerratti peenaaliitii dhabuun biyyi isaa mo'ame. Taatee sana hordofee Mesiin kubbaa miilaa na gaha jedhee murteessee ture.

Taphoota 113 irratti erga biyya isaaf hirmaateedha kun. Akka itti hin deebine dubbate. Sammuu isaa keessatti deebiyee akka uffata garee biyyaalessaa arjentiinaa akka hin uffannetti urteessee ture.

"Anaaf amma garee biyyaalessaaf [taphachuun] na gaha. Waanan gochuu danda'u hunda godheera. Shaampiyoona ta'uu dhabuun qalbii nama cabsa," jedhe.

Dhukkubbiin namatti dhaga'amu ni beekama. Arjeniinaan Waancaa Addunyaa 2014, akkasumas Koppaa Ameerikaa 2007, 2015 akkasumas kan 2016 dhumarra geessee dhabde. Taphataan addunyaarratti mootuu kubbaa miilaa jedhame injifannoo biyyaaf hunda caalaa barbaachisaa ta'erratti kufe.

"Waanan hunda caalaa barbaadudha, garuu argachuu hin dandeenye, kanaaf ni gaha jedheen yaada," jedhe Mesiin imimmaan dhaanquu ija isaa keessaa roobu to'achuuf yaadaa.

Seenaan Mesii garuu dhumarra gahee dhabuun akka boo'etti hin hafne. Isaafis ta'e biyya isaa Arjentiinaaf carraa lamaffaatu yaadame.

Achirraa kaasee waggoota 10 itti aanan keessatti seenaa kubbaa miilaa addunyaa keessatti waan haaraa galmeesse.

Ol aantummaa kubbaa miilaa waggoota kudhanii addunyaarratti yoomiyyu hin deebinetu hojjetame.

Bara 2016 soorama akka ba'u erga ibsee booda Mesiin biyya isaatiif taphoota 94 taphatee goolii 70 Arjentiinaaf lakkoofsiseera. Waancaawwan gurguddoo afuris injifateera.

Erga soorama kka ba'u labsee booda deebiyee waggoota 10 keessatti bu'aa inni buuseefi injifannoo inni galmeessa seenaa kubbaa miilaa Arjentiinaarra darbee akka addunyaattillee haaraa ta'ee galmaa'eera.

'Dandeettii gaggeessuuti isa hanqata'

 Diyaagoo Maraadoon fi Liyooneel Mesii wal hammatanii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Diego Maradona and Lionel Messi both won one World Cup with Argentina
Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Waggaa 10 dura Mesiin biyya isaaf taphachuu akka dhaabe ibsuu isaa hordofee taphataa lammii biyya isaa seenaa kubbaa miilaa keessatti gurra guddaa qabu akkuma Mesii lakkoofsa 10 uffatu Diyaagoo Maraadoonaa irraa qeeqni jabaan isa mudatee ture dubbii kolfaa ta'e.

"Inni nama gaariidha, garuu nameenyaa hin qabu," jechuun qeeqe Diyaagoo Maraadoonaa soorama bahuu isaa torban tokko dursee.

"Dandeettii gaggeessaa ta'uuti isa hanqata."

Yeroo sanatti Maraadoonaa fi isa wal bira qabanii dorgomsiisaa turan. Mesiin garuu yeroo sanatti Laa Liigaa si'a saddet, Shaampiyoons Liigii afur Baarseloonaa waliin mo'atee, si'a shaniif ammoo badhaasa kubbaa miila guddicha addunyaa Ballon d'Or injifateera. Kun hunduu osoo umuriin isaa waggaa 30 hin guutiinidha.

Milkaa'inni Maraadoonaa garuu kan Mesiitti gonkumaa hin dhiyaatu. Yeroo sanatti milkaa'inni Mesiin sadarkaa idil-addunyaarratti galmeesse Olompikii bara 2008 irratti warqee mo'achuu qofa ture. Maraadoonaan garuu bara 1986 bifa qophaadhuma isaa jechuun danda'amuun Waancaa Addunyaa Arjentiinaaf argamsiiseera.

Amma gareen Arjentiinaa akka addaatti Mesiirratti ijaaramuun, Waancaa Addunyaa lamaan darban irratti uffannaa fi maqaan Mesii bakka yoomiyyu hin qaqqabamne qabateera. Deeggartoonni biyyattiis sadarkaa amantaatti bifa jechuun danda'amuun hanga isa waaqeffachuurra gahaniiru. Kun qeeqa jabaa waggaa 10 isa mudateen boodadha.

Jireenya Ijoollummaa

Mesiin uffata garee Arjentiinaa lakkoofsa 10 uffatee

Madda suuraa, Getty Images

Umurii isaa waggaa 13'n garee guddattootaa Baarseloonaa umurii 14 gadii galuun taphoota 14 irratti galchii 21 lakkoofsise.

Baarseloonaan taphataa raajii argine jechuun yeroo umuriin isaa waggaa 16 guutu garee taphattootaa ga'eessotaa [senior] galchuun tapha michummaa irratti taphachiisan.

Mootii kubba miilaa adunyaa ammaa, akka bakkalcha barii fuula deeggartoota isaa ibse, Liyonel Andires Meesii.

Magaalaa Roozaariyoo, Arjentiinaatti A.LAtti 1987 dhalate. Kilaba magaalichatti beekamu Newell Old Boys jedhamu umurii isaa waggaa saddetiin galuun daa'ima xiqqaan dandeettii kubba ajaa'ibsiisaa agarsiise.

Haatahu malee, hakiimonni qorannoo gaggeessuun hanqina hormoonii hojjaan isaa akka hin guddanne godhu (quucara isa taasisu) akka qabu maatii isaatti himan.

Dandeettii kubbaa miilaa addaa qabaatee quucara ta'uun isaa akkam nama yaaddessaa? Keessumaa maatii isaaf ulfaataa ture.

Abbaan isaa Horjee fi harmeen isaa Sisiliyaan hoormoonii hojjaa dheeressu lilmoon kennamu akka argatu gochuuf murteessan.

Garuu ji'aan doolaara dhibbaan tilmamamu kaffaluu hin dandeenye. Maatiin isaa hojjetoota warshaa sibiilaa yoo tahan, cinatti ammoo hojii qulqulleesummaa irratti qacaramanii hojjetu ture.

Dandeettiin Mesii garuu ija kileboota gurguddaa Garba Atileentik gama jiraniyyu harkisuun Baarseloonaan ariifatee harkasaa galfate.

Daa'ima waggaa 13 waan tureef maatiin isaa walumaan gara Ispeenitti imalan. Kilebichi baasii yaalii isaa danda'uun hoormanii hojjaan isaa akka dabalu taasisu argataa ture.