'Mootii kubba miilaa tahuusaa mirkaneesse' - Meesiin akkamiin abjuu Ingilaand dukkaneesse?

Madda suuraa, Getty Images
Waancaa Addunyaa 2026 kana irratti taphoota shan taphataa cimaa tahuun badhaafame. Rikardii galchii Waancaa Addunyaa 16 waggoota dheeraaf ture cabsuun 21 irra gaheera.
Galchii lakkoofsisuudhaan taphattoota hundumaa dursaa jira. Biyya isaa Arjeentiinaa walitti aansee yeroo lammaffaaf xumura Waancaa Addunyaaf dhaqabsiise.
Liyonel Meesiin tapha Ingilaand waliin taasisan irrattis kubba mijeessee kennuun injifannoon akka bahan shoora olaanaa taphate. Ingilaandi waggaa 60 booda tilmaama waancaa mo'achuu dadneessi ejdhutti bishaan naqe.
Inumaayyuu wal dhabdee siyaasaa Arjeentiinaa fi Ingilaand gidduu waggoota dheeraa ture irratti biyya isaa injifannoon galche.
''Galchi Harka Waaqaa'' jedhamuun kan beekamtuu fi Maraadoonaan Waancaa Addunyaa irratti Ingilaandi irratti 1986 lakkoofsise haloo bahachuuf garee Ingilaandi qophii godheef ammas madaa biraa itti kaase.
Ingilaand waraana Fooklaand bara 1982 mo'atte malee kubba miilaan Arjeentiinaa mo'achuu hin dandeenye.
1986 yeroo Maraadoonaan harkaan galchii lakkoofsisee Ingilaandi kufte sana Arjeentiinaan waancaa mo'atte.
Akka carraa tahee taphichi Meksikootti gaggeeffame. Bara kanas Meksiikoon warra qopheessan keessaa ishee toko. Tahus, taphni kaleessaa Ameerikaatti gaggeeffame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkuma bara sanaa galchii 2-1'n xumurame.
Waggaa afur dura yeroo Kaataaritti waancaa addunyaa mo'atan kun Meesiif isa dhumaati jedhamaa ture. Waancicha mo'achuun isaa ammoo amma abjuu isaa waan milkeesseef soorama baha jedhame.
Isa qofa osoo hin taane yeroo umuriin isaa waggaa 31 Raashiyaatti Waancaa Addunyaa irratti hirmaatee osoo hin milkaa'iin hafe waayillan isaallee garee biyyaalessaa irraa soorama baha jedhanii eeganii ture.
Leenjisaan isaanii Liyonel Iskaaloonii amansiisuun gara garee biyyaalessaatti deebisuun kunoo waggaa saddet boodallee galchii Waancaa Addunyaan dursuu qofa osoo hin taane biyya isaa tapha xumuraa waancaaf dabarse.
Amma Arjeentiinaan Ispeen waliinmorkatti. Ispeen biyya Meesiin keessatti guddateefi irra caalaa kubba miilaa itti taphatee dabarsedha.
Seenaa kubba miilaa keessatti taphataan akka meesii hin jiru. Kana caalaa maal gochuu akka qabu naaf hin galu. Irra caalaan lammiilee Ispeen isa jaalatu,'' jedhe leenjisaan Arjeentiinaa Iskaalooniin.
Xiinxalaan kubba miilaa Maayikaa Riichaard, ''Isaan Meesii qabu. Taphataa cimaa yeroo kamiiyyuu 'GOAT' qabu'' jedhe.
Nuyi Beeliingihaam ykn haarii Keen eegaa turre. Garuu Meesiitu akka urjii bahee mu;a'te. Kanaaf mootii kubba miilaati isa jenna jedhe.
Meesiin kana dura garee Ingilaand morkatee hin beeku. Osoo akkasumatti hafeera tahee hawwii deeggartoota Ingilaand ture.
Erga Aantoonii Goordon goolii galchee booda Arjeentiinaan gahumsa ajaa'ibaa agarsiisan.
Ingilaand taphattoota jijjiiruun ittisatti deebi'an. Garuu kun hanga dhumaatti hin hojjenne.
Daqiiqota 37 goolii Ingilaand booda Arjentiinaan kubba %88 qabachuun taphatan.
Meesiin ammoo sarara duraa irraa gara cinaatti bahuun isa duruu ittiin beekamu hojjechuutti ka'e. Kubba taphattoota sarara duraaf erguun galchii lammaffaaf waan gudddaa hojjete.
Meesii gara cinaa fuulduraa irra taphachiisuun nuuf furtuu guddaa ture'' jedhe karra eegaan isaanii Emiliyaanoo Maartinez.
Kubba lamaan galchii taate Meesiitu sarara kana irraan mijeessee kenne.
Meesiin yeroo sagal kubba kommokuun taphattoota Ingilaand darbuun kubba galchii taate lama bareechee kenne.
Taphattoonni Ingilaand hundi isaanii si'a torba qofa kommokanii darban.
Sarara rukuttaa peenaaliitii xumuraa Ingilaand keessatti Meesiin kubba si'a torba tuqeera.
Taphattoonni Ingilaandi hundi isaanii walitti ida'amuun hanga kan Meesii kan Arjeentiinaa keessa hin galle.
Haarii keen yeroo dheeraaf Meesiin akka balaa hin dhaqabsiifne ittisnee ture. Akkuma taphaan cimaa addunyaa tokko godhu Meesiin waan addaa uume. Taphataa cimaa addunyaa kan taheef sababa guutuu waliini'' jedhe.
Meesiin rikardii galchii Waancaa Addunyaa goolii 21'n qabateera. Arjeentiinaaf galchii 125 galche keessaa 21 erga umuriin isaa 35 darbee kan galmeessedha.
Bara 2022 yeroo waancaa Addunyaa mo'atan galchii torba lakkoofsise. Barana saddet irra gaheera. Kubba afur mijeessee kenne.
Kubba mijeessee kennuunis dorgommii kana irratti tokkoffaa tahuun xumuruu danda'a. Kan isatti aanee jiru Maayikil Oolisee yoo tahu, inni ammoo biyya isaa Faransaay waliin keessaa galaniiru.
Meesiin yeroo bara 2016 Waancaa Kooppaa Ameerikaa dhabu garee biyyaalessaa irraa akka soorama bahus himee ture.
Bara 2014 ammoo Waancaa Addunyaa Jarmaniin mo'amuun dhabe. Abdii kutannaa kana keessaa bahuun Waancaa Kooppaa Ameerikaa lama mo'ate.
Waancaa Addunyaa milkeesse. Baranas xumuraaf dhaqabeera.















