Tiraamp tapha walakkaa xumuraa Ingland Arjeentinaan mo'amte irratti qeeqa dhiyeessuun ammas gaaffii kaase

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp, Ingilaand walakkaa xumura Waancaa Addunyaa keessatti Arjantiinaan 2-1 yoo mo'atamtu, haala taphaa ture irratti qeeqa cimaa dhiyeessan.
Namni ani golfii waliin taphadhe Haarii Keen duubatti deebisan jechuun tapha boqonnaan boodaa keessatti Haarii Keen ittisaa irratti akka taphatu taasifamuun dogoggora tarsiimoo leenjisaa Toomaas Tuukel ta'uu qeeqan.
Leenjisaan Ingilaand Toomaas Tuukel tapha boqonnaan boodaa irratti jijjiirama taphattootaa fi tarsiimoo taasise irratti Tiraampi qofa utuu hin taane ogeeyyii kubbaa miilaa fi deeggartoonnis qeeqa kaasaniiru.
Ingilaand Anthonii Gordoniin galchii jalqabaa galchitee dursaa turtus, Arjantiinaan Li'oonel Meesiin hoogganamtu galchii lama walitti aansuun galchuun mo'attee tapha xumuraa Ispeen waliin taphachuuf darbite.
BBC Ispoorti Kamisa darbe akka gabaasetti, taphattoonni ijoo muraasni akkaataa leenjisaan isaanii tapha boqonaan booda irratti akka taphatan isaan ajaje ilaalchisee gammadoo hin turre.
Tuukel dhuma taphaatti tarsiimoo ittisaa cimaa fayyadame. Garee isaa kan ittisaa shan qabuutti deebisee, taphattoota ittisa irratti xiyyeeffatan hedduu bakka buuse.
Tiraamp "Ingilaand taphataa guddaa tokko qabdi; ani isaa waliin Goolfii taphadheera. Innis Haarii Keeni, taphataa baay'ee ajaa'ibaati''
"Taphataa ittisaa yeroo isa godhan tarii dogongora hojjetan natti fakkaata. Waa'ee kubbaa miilaa maal beeka ree?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu yeroo isaan dursaa turan taphataa isaanii isa hundarra gaarii gara ittisaatti deebisan.
Nuti yeroo tokko tokko fuulduratti taphachuu qabna, mitii? Haa ta'u malee, ani leenjisummaa irratti murteessuuf utuu hun taane, murtoon sun na ajaa'ibe."jedhe.
Tuukel yeroo booda gaazexeessitoota waliin yeroo dubbatetti yaada Traamp irratti bal'inaan hin dubbanne; irra dibee irra darbe.
Tiraamp Jimaata darbe haasawa taasisan kun kan yeroo adabbiin Folaariin Balooguun adabame akka irra deebi'amee ilaalamu FIFA gaafate yaadachiiseera.
Taphataa sarara fuulduraa USA Folarin Balooguun, tapha Boosniyaa fi Herzegovina waliin taphatan irratti Tarik Muharemovic irratti dogoggora cimaa raawwachuun kaardii diimaa argate ture.
Kanaaf seeraan tapha marsaa 16 Beljiyeem waliin taphatamu irraa hafuu qaba ture.
Garuu FIFA murtoo nama hedduu ajaa'ibsiiseen adabbii tapha tokkoof kenname ji'oota 12f akka hojii irra hin oolle murteesse. Murtoon kun qeeqa bal'aa kaasera..
Traamp akkana jedhe:
"Waancaan Addunyaa kun dorgommii cimaa fi yeroo namni hin daganne hedduu qaba. Isa isaan nama gaarii sanaaf kaardii diimaa kennan yaadadhaa.
Sana booda ani Jiyaanii Infaantiinoo (Pirezidaantii FIFA) bilbile. 'Jiyaanii, yaada tokko qaba' jedheen. 'Namicha sana akka taphatu taasisi' hin jenne. Garuu komii koo dhiyeesseera.
Dhumarratti waan ta'e baay'ee gaarii ture. Falmiin hin uumamne. Beljiyeem taphicha mo'atte; gareen keenyas taphattoota isaa hunda qaba ture. Amma yoo yaadde murtoo gaarii biraa dabarte; garuu namni si galateeffatu hin jiru."
Tiraamp Pirezidaantii FIFA Jiyaanii Infaantiinoo galateeffachuun Waancaan Addunyaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoo keessatti gaggeeffamaa jiru "taatee ispoortii milkaa'aa, tarii seenaa addunyaa keessatti isa guddaa" jedhee ibse.
Jiyaanii Infaantiinoo gamasaaniin Waancaan Addunyaa kun waan eegame caalaa milkaa'uu isaa dubbate.
"Abjuun Ameerikaa, Kabajamaa Pirezidaantiin, dhugoomeera. Addunyaa Ameerikaa keessatti walitti fidneerra.
Kun Waancaa Addunyaa yeroo hundumaa caalu qofa miti; taatee namoomaa, hawaasummaa fi aadaa ilmaan namaa keessaa isa guddaa dha. Nuti hundi qaama isaa waan taaneef baay'een si galateeffadha, Kabajamaa Pirezidaantii."jedhe.
Dubbiin Tiraamp falmii Balooguun irratti
Traamp murtii FIFA adabbii Folarin Balogun irratti dabarseef Jiyaanii Infaantiinoo galateeffachuun isaa falmii Waancaa Addunyaa kana keessatti qeeqa guddaa ture irra deebi'ee akka hammaatu taasisa.
Infaantiinoon yeroo darbe dhiibbaan Traamp murtii Balogun jijjiiruuf sababa hin turre jedhee ture. Akkasumas Koreen Adabbii FIFA qaama mootummaa irraa walaba ta'uu ibseera.
Garuu dubbiin Traamp yeroo ammaa dubbate shakkii namoonni hedduun qaban caalaatti jabeessuu danda'a. Namoonni tokko tokko FIFA siyaasaan dhiibbaa irra ga'ee amanamummaa dorgommii laaffise jechuun yaadu.
Tiraampii fi Jiyaanii Infaantiinoon 'Trump Tower' keessatti wal galateeffachuun isaanii hariiroon isaanii cimaa ta'uu agarsiisa. Qeeqtonni ammoo hariiroon kun FIFA siyaasaa irraa walaba ta'uu irratti gaaffii kaasa jedhu.
Tiraampii fi Infaantiinoon tikkeettiin Waancaa Addunyaa hedduu gurguramuu fi namoonni baay'een televiiziyoona irratti hordofuun milkaa'ina guddaa ta'uu ibsu.
Dorgommichi bal'inaan qophaa'uun isaa taphawwan hawwataa hedduu uumeera. Daawwattoonni hedduunis istaadiyoomotaa fi qophii nageenyaa dinqisiifataniiru.
Haa ta'u malee, baasii guddaan deeggartoonni baasan FIFA maallaqa baay'ee argachuun barbaachisaa turee? jechuun gaaffii kaasaa jira.
Yeroo boqonnaa dheeressuun, yeroo bishaan dhuguu dabaluu fi gara fuulduraatti biyyoota hirmaatan gara 64tti dabaluuf yaaduunis aadaa kubbaa miilaa jijjiiraa jira jechuun namoonni hedduun qeequ.
Rakkooleen viizaa jalqaba dorgommii irratti mudatanis Waancaan Addunyaa kun hirmaachisummaa guutuu qaba jechuun dubbatamu irratti gaaffii kaasera
Jiyaanii Infaantiinoo qeeqa hedduu keessa jiraatus, FIFA waggaa kana galii seenaa keessaa isa guddaa, jechuun doolaara biiliyoona sagalii argachuuf akka danda'u tilmaamama.
Biyyoonni hedduun maallaqa kana kubbaa miilaa isaanii guddisuuf waan fayyadaman, Infaantiinoon deeggarsa bal'aa qabaachuun filannoo bara dhufu irra deebi'ee injifachuu akka danda'u xiinxaltoonni ni tilmaamu.















