Guyyaa jalqaba Meesii fi Yamaal osoo hin eegamiin wal arganii fi raajii Waancaa Addunyaa

Madda suuraa, Joan Monfort
Seenaa kubba miilaa keessatti taphataa cimaa yeroo kamiiyyuu jedhamee kan waamamu Liyonel Meesii fi Baarseloonaatti dhaaltuu gonfoo isaa kan tahe Lamiin Yaamaal Dilbata dhufu xumura Waancaa Addunyaaf wal falmatu.
Liyonel Meesiin amma umuriin isaa waggaa 39. Yamaal 19. Cichoominaan taphataa gahumsa olaanaan waggoota haga kana taphateefi taphataa ol adeemaa gatii jabeessa tahe Yamaal gidduutti falmiin taasifamu haalaan eegama.
Yeroo bara 2007 Meesiin Baarseloonaaf dhaabbiin hiriiree taphatu Yamaal daa'ima ji'a shanii ture. Yeroos Meesiin umuriin isaa wagggaa 20 ture.
Lameenuu ji'uma tokko keessa dhalatan. Yeroo Meesiin Lamiin Yaamaalii fi maatii isaa arge namni suuraa kaasee kaa'e Joyaan Monfort jedhama.
Suuraan kun bara 2024 yeroo Yamaal Ispeen Waancaa Awurooppaa akka mo'attu gargaare gara miidiyaatti bahe.
Abbaan Yamaal ''Jalqabbii lejendoota lameenii'' jedhee itti barreessuun suuraa tokko maxxanse.
Suuricha irratti Meesiin osoo seequu daa'ima xiqqaa booda faana miila isaa hordofuun taphataa cimaa addunyaa tahuuf deemu qaama dhiqaa ture. Maal qaama dhiqa kubba miilaan cuupaa ture yoo jedhame wayya.
Moonfoort namni suuraa isaanii kaase ''dhugaadha, kun imala dinqiiti'' jechuun BBC Ispoortitti hime.
''Osoo itti hin yaadiin waan sammuunkee ol yaade tokko waliin tasa yoo walitti dhufte waanuma ajaa'ibaati. Osoo fiilmii keessatti barreessitee waanuma tahu hin fakkaatu,'' jedhe.
'Meesiin daa'imicha waan godhu wallaale'
Suuraan kun karaa kutaa uffannaa Istaadiyeemii Baarseloonaatti geessu irratti kaafame.
Maatiin Lamiin Yaamaal dorgommii tokko mo'atanii badhaasaaf achi jiru. Abbaan isaa Morookootti dhalate, Muunir Naasrooy fi haadha isaa Ikkuwaatooriyaal Giinii taate Sheeyilaa Ebaanaati.
Ijoollummaatti maatii isaanii waliin gara Ispeen Baarseloonaatti deemuun achitti wal baran.
Lamiin Yamaal ilma isaanii hangafaati. Akkuma inni dhalateen lotarii badhaasa Tiishartii Baarseloonaa gaazexaan Kaataalaan ispoonsera Tiishartii Baarseloonaa kan tahe UNICEF'f waliin tahuun qopheesse kutan.
Namni badhaasicha mo'ate suuraa pirofeeshinaalaa tahe ijoollee isaanii wlaiin tahuun taphataa beekamaa baarseloonaa waliin ka'a.
Lamiin Yamaal warra mo'atan keessaati. Guyyaa badhaasa isaanii fudhachuuf deeman akka suuraa waliin ka'aniif kan isaan dhaqabe Liyonel Meesii ture.
Badhaasni inni bara baraan yaadatan isa kana. Injifannoo dachaadha.

Madda suuraa, Joan Monfort
"Hamma hiriyaankoo tokko bara 2024 naa bilbilee suuraan sun Lamiin yamaalidha. Abbaan isaa maxxanseera jedhee natti himutti hin beeku ture'' jedhe Liyonel Meesiin.
''Meesiin nama alatti dubbachuu jaalatu miti. Ija laafessadha, ni qaana'a. Gara kutaa uffannaa akkuma dhufeen daa'ima xiqqaa kaan waliin suuraa akka ka'u taasifame.
Inumaayyuu ijoollee hechuuf ulfaata. Daa;ima baay'ee xiqqaadha. Yeroo kana waan godhu wallaalee fuulli meesii jijjiirame,'' jedhe Monfort.
''Dargaggeessa akka Meesiif ulfaataa ture. garuu Lamiin baay'ee gammadaa ture. Daa'imni xiqqaan kun i kolfa, ni seeqa. Haati siaa Sheeyilaan nu gargaarte. Isheenii yeroo sana shamarree turte. Maatii baay'ee harka qalleeyyii turan. Garuu isaan waliin hojjechuun akkam namatti tola seetan.
Meesiin hojii akkasii irrattis pirofeeshinaalummaa isaa waan eeggatuuf adeemsa keessa itti bare. Hojii tola ooltummaati'' jedhe namni suuraa isaan kaase kun.

Madda suuraa, Joan Monfort
'Oolmaa maatiikoo deebisuu hin danda'u'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo guyyaa dhaloota isaa waggaa 19ffaa kabajatu Meesiin galchii 11 lakkoofsisee Laaligaa fi Shaampiyoonsi Liigiis mo'ateera.
Lamiin Yamaal Wiixata dhufu waggaa 19 taha. Inni immoo galchii 56 lakkoofsisee Laaligaa sadii, Kooppaa Del Reey tokko fi waancaa Awurooppaa mo'ateera.
Maqaan Yamaal ittiin beekamu Lamiin Yamaal Naarooy Ebaanaati. Maqaa abbaa isaafi harmee isaa irraa kennameef.
Inni garuu warra jalqabaa lamaaniin waamama. Baarseloonaan yeroo inni dhalate maatii isaaf gargaarsa kennaa ture.
Abbaan isaa maqaa hiriyyoota isaa lamaaniin ilma isaa moggaasuuf waadaa galee akka ture miidiyaaleen Ispeen gabaasaa turan.
Yeroo maallaqa dhabanii rakkatan hiriyyoota isaan gargaaranidha.
Araboota birratti maqaan Lamiin jedhamu dhiiraa beekamaadha. Hiikni isaas amanamaa akak jechuuti. Yamaal ammoo kanuma Jamaal isa jedhu irraa dhufedha.
Hiikni isaas miidhagaa jechuudha. Dhuguma lamiin Yamaal kubbas jireenyas nama miidhagsee, bareechee jiraachaa jirudha.
Baarseloonaa irraa maayilii 20 kan fagaattu ganda Rokaafondaa jedhamtu keessatti dhalatee guddate.
Naannichatti maneen jireenyaa bara 1960 keessa godaantota Ispeen keessaa qubachiisuuf jecha ijaaraman.
Wari achi turan gara bakka biraatti jireenya fooyya'aa barbaacha yeroo deeman kaan ammoo 1990 keessa garas imalan.
Lamiin Yamaal yeroo goolii galchee gammachuu isa aibsatu 3-0-4 agarsiisa. Kun kodii poostaa Rokaafoondaati.
Waan haatikoo fi abbaankoo naaf oolan ani daa'imman ijoolleekoo hin taaneef ooluu hin danda'u'' jedhe Yamaal. ''Yoo maalalq ahin qabdi tahe ijoolleenkee akka kubba taphatan gargaaruu hin dandeessu. Kun oolmaa isaan anaaf oolanii fi tasumaa isaaniif deebisuu hin dandeenyedha'' jedhe.
"Ani deeggaraa Baarseloonaati. Meesiin osoo yeroo lammaffaaf Waancaa Addunyaa mo'atee kubba dhaabe waan bareedaadha jedheen yaada.
Ammoo isaaf mala'' jedhe.
Lamiin Yamaal Waancaa Addunyaaf tahe kaan mo'achuuf yeroo dheeraa qaba. Garuu ispeen haala gaariin xumura waancaa addunyaa kanaaf geesse jedhe Monforti.

Madda suuraa, Getty Images















