Loltootni Ertiraa, Tigraay galuun gara Maqaleetti socho'aa akka jiran jiraattotni himan

Madda suuraa, Reuters
Jiraattonni naannawa magaalaa Adigiraat humnoonni waraanaa Ertiraa magaalaa Adigraat darbuun gara daandii kallattii Maqaleetti socho'aa jiraachuu himan.
BBC'n jiraattoota naannawa Adigiraat fi Idaagaa Hamus akka dubbisetti loltoonni uffata waraana Ertiraa uffatan konkolaattota hedduun daandii gara Maqaletti geessu qabatanii socha'aa jiru.
Dhimma kana irratti BBC'n mootummaa Itoophiyaarraa odeeffannoo dabalataa argacguuf yaalaa jira.
Ministerri Komunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa Aadde Innaatalem Mallasee humnoonni Eertiraa daangaa Itoophiyaa seenan ''hatattamaan bahuu akka qaban'' Bloomberg'tti himaniiru.
Qondaalli Olaanaan Itoophiyaa, dhiyeenya Komishinera Komishinii Aannisaa Nuukilera Itoophiyaa tahuun muudaman Dr Abrahaam Belaay waraanni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seennan addabbiin Itoophiyaarraa kennamu hamaa ta'uu akeekkachisan.
Eertiraan gochaa ishee kanaaf ''dachaan gatii baasti'' jedhan.
Akka jiraatan tokko BBCtti himanitti loltootni Ertiraa konkolaattoota fe'uumsaa gara 40 ta'uun fe'amanii daandii gara Maqalee gessuurraa qajeelaniiru.
''Har'a ganama wantin arge konkolaattotni loltoota Ertira fe'an 40 ol ta'an naannoo Idaagaa Hamus jedhamuurra agara daandii Maqaleetti wayita seenaniidha.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Konkolaataan alattis lafoon daandii gara Maqalee geessurra imalaa turan.'' jedhan.
Itti dabaluunis Loltoota Ertiraa ta'uu kaniin bare huccuu waraanaa uffatanii jiraniini jedhu.
''Huccuun uffatan waan adii qaba. Lakkoofsi gabatee konkolaataas 'Eri' jedha. Kan Humnoota Ertiraati. Akka Siinoo ta'ee kan nama fe'uudha. Isaaniin adda baase.''
Amma dura isaaniin argee hin beeku asitti. Yeroo duraaf seenan. Dhihoo kanan naannoo Zaalaambasaaa bakka Faaxii jedhamurraa as siiqanii bakka Qarsoo'er jedhamutti dahoo jalqabaa hojjetanii gara kanatti socho'aa akka jiran dhagaheera jechuun himan.
''Har'a ganama kanadha gara Idaagaa Hamus qajeelan. Konkolaattotni kun 40 olidha. Tokkoon tokkoon isaanii loltuu 50-100 baatu jedheen tilmaama. Kan konkolaataa malee lafoonis seenan baayyeedha.''
Jiraatan biraa BBC'n dubbises yaaduma kana deeggaru.
Maddi oduu Faransaay AFP'n jirattootaa magaalaa Addigiraatii fi qondaalota waabeffachuunis akka gabaasetti, loltoonni Ertiraa magaalaa Addigiraat fi naannawa ishee keessatti guyyoota afuriif mul'ataniiru.
Jiraataan naannawa Adigiraat tokko akka AFP'tti himetti, loltootni uffata waraana Ertiraa uffatan daandii guddaa qabatanii gara giddu gala Tigraayitti socho'aa turuu himan.
Kanaanis jiraattootni naannichaa yaaddoo keessa galaniiru.
Namoota ijaan argan keessaa namni tokkos humnoonni Eertiraa konkolaattota fe'uumsaa fayyadamuun, meeshaalee waraanaa gurguddaa qabatanii gara Idaagaa Haamuus kan Addigiraat irraa gara kibbaatti kiiloo meetira 20 fagaattee argamtutti deemaa turuu himeera.
Gabaasni kun kan dhufe yeroo walitti bu'iinsi Tigraay keessatti Fulbaana 23 irraa eegalee hammaachaa jiruu fi sodaan lolli kun gara walitti bu'iinsa bal'aa Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti babal'achuu danda'a jedhu dabalaa jirutti.
Humnoonni mootummaa Federaalaa Onkoloolessa 4,2026 magaalaa Maqalee deebisanii to'atan.
Humnoonni TPLF fi gareewwan isaan waliin hiriiran utuu humnootni mootummaa magaalicha hin to'atin dura Maqalee keessaa ba'uu beeksisan.
Itoophiyaan Ertiraan humnoota mootummaa Federaalaa morman deeggeraa jirti jechuun himachaa turte.
Eertiraan garuu himannaa kana haaltee, walitti bu'iinsa haaraa keessatti hirmaachuu akkasumas TPLF deeggaruu ishee mormite.
Wayita waraana Tigraay kan bara 2020 hanga 2022 Lotootni Ertiraa gama mootummaa Itoophiyaa goruun garee TPLF lolaa turan. Yeroo sanattis sarbama mirga namoomaa hamaa jirattota irraan gahuun himatamaa turan.
Jiraatan BBC dubbise kunis, ''amma isaan deebi'anii magaala kanatti, naannoo kanatti ykn biyya keenyaatti badii raawwachuuf seenuu wayitan arguu ofii koo miirri natti dhagahame gaabbiifi aarii guddaadha'' jedhu.
Yaada kan koo qofa osoo hin taane namni naannoo kanaa xiqqaa guddaan isaan arguutti baayyee gaddeera. Miira amma dura ture waan beekaniif uummatichi aarii qaba. Miira akkasiitu jira jechuunis ibsan
Muddamni biyyoota lamaan gidduu jiru gama dippilomaasiitiinis hammaachaa jira. Itoophiyaan Onkoloolessa 1, 2026 Imbaasii ishee Asmaraa jiru cufuu fi dippilomaatota Eertiraa 10 biyya keessaa ariite.
Ertiraanis deebistee Imbaasii ishee Finfinnee jiru cufuu fi hariiroo dippilomaasii Itoophiyaa waliin qabdu addaan kutuu beeksifte.
Hariiroon biyyoota lamaan gidduu jiru erga waliigaltee Piriitooriyaatii hammataa kan deeme yoo ta'u, gaaffii ulaa galaanaa argachuu Itoophiyaa boodammoo gara wal himannaa fi atakarootti seene.
Itoophiyaan Ertiraan gareewwan hidhattootaa mootummaa Itoophiyaa morman deeggeraa jirti jechuun yoo himattu Ertiraan ammoo himannaa Itoophiyaa dhimma kessoo keessa seenuu jedhu irra deddeebiin haalaa turte.
Humnoonni Eertiraa waraana bara 2020–2022 Itoophiyaa keessatti mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti gaggeeffame keessatti, humnoota mootummaa Itoophiyaa waliin ta'uun lolan.
Ertiraan garuu qaama waliigaltee Piritooriyaa keessatti hin hirmaanne, achiis hariiroon biyyoota lamaanii rakkoo keessa gale.
Akka xinxaltootni jedhanitti muddamni naannawa gaanfa Afrikaatti dhalataa jiru gara walitti bu'iinsa naannawatti guddachuu akka danda'u yaaddoo qaban ibsaa jiru.
Ertiraa, Masrii, Sudaanii fi Somaaliyaa'n Onkololeessa 4, 2026 Masrii keessatti walga'uun akkataa nageenya naannawaa isaanii eegan irratti waligaltee taasisaniiru.
Rooyitersi maddoota nageenyaa Masrii lama wabeeffachuun, akka gabaasetti walitti bu'iinsi kun gara daangaa biyyoota ollaatti yoo babal'ate, biyyoonni afran hojii waraanaa fi basaasaa isaanii walitti qindeessuuf waliigalaniiru.
Ameerikaa Gamtaa Awurooppaa fi biyyootni kaanis muddamni naannawa kaaba Itoophiyaatti muudate gara walitti bu'iinsa Ertiraa fi Itoophiyaatti hin guddanne waamicha dhiyeessaniiru.
Gaaffiin Itoophiyaan Galaana Diimaatti ba'uu biyyoota ollaa biratti muddama uumus ammallee Itoophiyaan ijjannoo isheerraa duubatti hin jenne.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimed,sirna mootummaa haaraa erga hundeessanii boodas, Itoophiyaan ulaa galaanaa malee akka hin teenye cichanii dubbataniiru.
Kunis Asmaraa keessatti dhimma daangaa fi buufatawwan galaanaa Ertiraa irratti yaaddoo dabaleera.


























