Haati warraa duraanii obboleessa bulchaa Dubaayi hidhamte jirti-Abukaatoo

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Haati warraa duraanii obboleessa bulchaa Dubaayi to'annoo seeraa jala akka jirtu himame.

Sababni ammoo ijoollee ishee dubaraa sadii ilaalchisee abbaa warraa ishee duraanii waliin wal dhabdeen isaanii waan hammaateefi.

Abukaatoon Uummataa Dubaayi BBCti akka himetti, abbaa ijoollee ishee sadanii himate jennaan Zeenab Javadilii hidhamte.

Abbaan warraa ishee duraanii Sheek Saayiid bin Maaktuum bin Rashiid Al Maktuum jedhama.

Erga Kibxataa maatii ishee fi hiriyyoonni ishee eessa akka jirtu dhabanii barbaadaa turan.

Guyyoota lamaan darbaniif Javadilii fi ijoolleen ishee essa akka jiran ilaalchisee odeeffannoo homaa hin arganne.

Haati warraa obboleessa bulchaa Dubaay kun ji'ootaa lamaaf manaa bahaa hin turre.

Sodaan ishee ammoo humni nageenyaa yoo na argatan ijoollee koo narraa fudhachuun anammoo to'annoo jala oolchu jette.

Akka Abukaatoo Uummataa Dubaayitti, abbaan warraa ishee duraanii yeroo akka daawwatuuf manni murtii eeyyameefiitti ijoollee dhoksitee fudhattee deemteetti.

Waggaa darbe ijoolleekoo na jalaa buttee badde jechuun poolisiitti himateera.

Kun kan tahe erga ijoolleen yeroo adda addaatti takka haadha bira takka abbaa biratti fudhatamaa turaniiti. Lameen isaanii ijoolleekoo na jalaa buttee jechuun wal himataa turan.

Kana dura Ispoortii jimaanstikiin sadarkaa idil-addunyaatti kan beekamtu Javaadiliin yakka oonlaayiniin himatamuu dandeessi. Kunis bara darbe waa'ee wlaitti bu'insichaa kallattiin waan dabarsiteefi.

Yeroo falmaa mirga namoomaa Biriitenii fi ogeessa seeraa isheef falmaa ture Deevid Haay jedhmutti dubbatte akkas jette:

Carraa isa dhumaa ijoollkoo wlaiin jiraachuu qabau ishee kana qofa akka taate nan beeka ture. Akka deebi'ee isaan hin argine akka na godhan nan beeka. Carraa dhumaa akka tahe waanan beekuuf tamsaasa kallattii baneen gargaarsaaf iyyadhe'' jette.

Abukaatoon abbaa warraa ishee duraanii ammoo mana murtiitti ijoollee ishee ilaalchisee barsiisuuyyuu hin dandeessu, hoteela keessa waan jiraattuuf bakka isaaniif mijataa hin taane keessa jiraachaa jiru, kanaaf fayyaa isaanii balaarra buusa jedhan.

Kamisa Abukaatoon Uummataa Dubaay dhimmi kun ammayyuu qoratamaa jiraachuu fi adeemsa seeraa irra jiraachuu hime.

''Akka adeemsa seeraa fi fayyaa ijoollee eeguu danda'uun tarkaanfii seeraa madaalu fudhanna.''

Abukaatoon ishee ammoo UAEti bilbiluun Javadiliin akka abukaatoo ishee argitu eeyyamamuufii akka qabu gaafate.

In response, Haigh called on the UAE to immediately grant Javadli access to her Maatii ishee akka argitu fi gadhiifamtee mana ishee Dubaayitti akka deebitu gaafate.