Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan haleellaan loltoota ishee Sudaan Kibbaatti galafaafate akka qoratamu gaafatte
Imbasiin Itoophiyaa magaalaa guddoo Sudaan Kibbaa, Jubaa jiru aanga'oonni Sudaan Kibbaa haleellaa lubbuu nagaa eegsistoota [loltoota] Itoophiyaa lamaa galaafate gadi fageenyaan qorachuu akka qaban gaafate.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii haleellaa ''riphee loltummaa'' hidhattoonni Sudaan Kibbaa raawwataniin loltoonni Itoophiyaa ergama nagaa eegsisuurratti bobba'anii turan lama ajjeefamuu ibseera.
Haleellaa loltoota kunneen irratti qiyyaafate kanaan nagaa eegsistoota sadi dabalatee namoonni torba madaa'uun ibsameera.
Sudaan Kibbaatti miseensota Ergama Nagaa Eegsisuu UN (UNMISS) kan ta'an loltoonni Itoophiyaa kunneen haleellaan isaan ittiin ajjeefaman Wiixata kaleessaa, Hagayya 24, 2026 ture.
Imbasiin Itoophiyaa dhimma kana ilaalchisee ibsa gabaabaa Kibxata baaseen loltoota Itoophiyaa ''Koofiyyaa cuquliisa uffatan'' kanneen ergama nagaa eegsisuurratti bobba'anii turan irratti haleellaa raawwatame balaaleffateera.
Loltoonni Itoophiyaa ajjeefaman kunneen ''Sudaan Kibbaatti nagaa fi tasgabbiin akka mirkanaa'uuf tajaajilaa turuu fi kanaafis aarsaa kaffaluu,'' ibse.
''Imbasiin Itoophiyaa Jubaa jiru nagaa eegsistoota Itoophiyaa osoo bulchiinsa Jongileetti bobba'anii jiran ajjeefamaniif kabaja olaanaa qaba,'' jedha ibsi kun.
Maatii fi waahillan loltoota kunneeniif gadda itti dhagahame ibseera.
Imbaasichi ''aanga'oonni dhimmi ilaallatu saffisaan qorannoo gochuun kanneen gocha kana raawwatan seeraan akka gaafatan waamicha gochuu'' ibseera.
Loltoonni kunneen Bulchiinsa Joongilee naannawa ''Paajuut'' jedhamuun beekamu keessa osoo socho'aa jiranii ajjeefaman.
Loltoonni kunneen qaama duula ''rakkoo nageenyaa waggootaaf osoo hin furamin ture'' to'achuuf eegalamee ta'anii kan bobbaafaman ta'uu dubbii himaan UN Isteefan Duujaarik ibseera.
''Hidhattoota eenyummaansaanii hin beekamneen haleellaan raawwatameera. Haleellaan kun waan loltoota nagaa eegsistoota ta'an irratti xiyyeeffate fakkaata,'' jedhe.
Haleellaa kanaan ''nagaa eegsistoonni lama ajjeefamaniiru. Namoota torba irra ammoo miidhaan ga'eera. Loltoonni ajjeefaman lamaan kan Itoophiyaati,'' jedhe dubbi himaan UN kun.
Kanneen miidhaan irra ga'e keessaa nagaa eegsitoonni sadi lammummaansaanii hin ibsamne.
Kanneen miidhaman kaan garuu eeyummaansaanii ibsameera. Lama poolisoota Sudaan Kibbaa yoo ta'an lama ammoo siiviloota.
Barreessaa Olaanaan UN Antooniyoo Gutereez haleellaa kana balaaleffachuu dubbi himaan kun ibseera.
Guteerez taatee kanaan gaddi guddaan itti dhagahamuu ibsuun, maatii fi jaallattoota loltoota ajjeefamanii akkasumas uummataa fi mootummaa Itoophiyaaf jajjabina hawweera.
UNMISS gama isaan ibsa addatti baaseen ''haleellaa riphee loltummaa'' raawwatame balaaleffateera.
Nageenya naannawa kanaa eegsisuu fi yeroo balaa tasaa furmaata kennuuf hojii hojjetamu tumsuuf humnoota saffisoo (loltoota) ramaduu ibseera jaarmiyaan kun.
Sudaan Kibbaatti bakka bu'aa UN fi hoogganaa UNMISS kan ta'e Aniitaa Kiikii Geehoo ''haleellaa hamaan haala kanaan nagaa eegsistoota Sudaan Kibbaa irratti raawwatame madaala kamiinuu fudhatama hin qabu,'' jedhe.
UNMISS ibsa baase keessatti haleellaan nagaa eegsistoota UN irratti haala kanaan raawwatamu ''bu'uura seera idiladdunyaan yakka waraanaa'' ta'uu akka danda'u eereera.
Hoogganaan jaarmiyaa kanaa ''qaamoleen dhimmi kun ilaallatu kanneen yakka kana raawwatan akka seeratti dhihaatan qorannoo ariifachiisaa fi gadi fagoo akka gaggeessan dhaamsa koo dhiheesseera,'' jedhe.
Haleellaa loltoota Itoophiyaa ergama nagaa eegisuu irratti bobba'an irratti raawwatame ilaalchisee hanga yoonaa gama mootummaa Itoophiyaan wanti jedhame hin jiru.
Ragan UN akka mul'isutti kan ammaa dabalatee Amajjii as haleellaa hidhattoonni raawwataniin nagaa eegsistoonni Sudaan Kibbaa sagal ajjeefamaniiru.
Sudaan Kibbaa walabummaashee gonfachuu hordofee Adoolessa 2011, waggaa 15 dura kan hundaa'e UNMISS, lammiilee nagaa eeguu fi biyyattii keessatti hookkarri siyaasaa akka hin hammaanne gochuuf itti gaafatamummaa qaba.
Itoophiyaan ergama nagaa eegsisuu Sudaan Kibbaaf loltoota 1,300 ta'an gumaachuu ragaan UN bara 2017 baase ni mul'isa