US laawoncharii Iraan Odola Laraak jiru haleelte
Humni US laawoncharoota Iraan lama Odola Laraak irra jiru haleeluu aanga'oonni biyyattii himan. Kun ammoo erga dhuma Adoolessaa as haleellaa Ameerikaan Iraan irratti gaggeessite isa jalqabaati jedhameera.
Humnoonni Eegumsa Warraaqsaa Rippablika Islaamaa Iraan (IRCG) osoo rookkeettii kara Ulaa Hormuuzitti dhukaasuuf qophaa'anii argamaniiru," jechuun US keessatti michuu BBC kan ta'e CBS dubbi himaa Ajajaa Giddugaleessaa US Tiim Awukiins waabeffachuun gabaaseera.
IRGC Dilbata haleellaan US gaggeessite kun namoota lama ajjeesuun lama biroo madeessuu isaa himuun, "deebii haaloo ba'uu akka kennu" dhaadateera.
IRGC gara boodaarra buufata waraanaa US Yordaanos keessa jirurratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuu miidiyaan mootummaa Iraan gabaaseera.
BBC'n yaada akka kennuuf Ajajaa Giddugaleessaa US gaafateera.