Keeniyaan gaaffii Raastafariyaanoonni 'gaanjaa' dhimma amantiif fayyadamuu kuffiifte

Abukaatoon Raastafariiyaanotaa Keeniyaa murtii kana irratti ol’iyyannoo akka dhiyeeffatan ibse

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Abukaatoon Raastafariiyaanotaa Keeniyaa murtii kana irratti ol'iyyannoo akka dhiyeeffatan ibse
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Manni Murtii Keeniyaa fayyadama Kaannabiisii kaayyoo amantiitiif hayyamuu Raastaafariyaanoonni dhiyeessan kuffise

Gareen Rastafariyaan (gariin kan Mooti Itoophiyaa durii Hayilasillaasetti amanan) baala sammuu adoochu kan kaannabiis jedhamu dhimma amantii isaanii keessatti akka itti fayyadaman seerri akka hayyamamuuf gaaffi dhiyeessa turan.

Raastaafariyaanoonni dhorkaan kaanaabis xuuxuu mirga bilisummaa amantii heera mootummaatiin mirkanaa'e sarba jechuun falmaniiru.

Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa garuu gaafii isaanii kana kuffiseera.

Dhaddacha Manni Murtii Olaanaa kana kan dursan Daanyaan Bahati Muwamuye , seerotni Keeniyaa kaannabiisi oomishuu, qabachuu fi fayyadamuu dhorka. Addatti mirgi heera mootummaa Rastafariyaanotaaf ykn dhimma amantiif hayyamu hin jiru jechuun murteessite.

Daanyaan mana murtii kun ragaan Rastafariyaanonni dhiyeessan kaannabiisiin amantii isaanii keessatti dirqama bu'uuraa ta'uu isaa mirkaneessuuf gahaa akka hin taane ibse.

Haa ta'u malee, dhimma kaannabiisii irratti mariin bal'aan biyyaalessaa gaggeeffamee murtii tokkorra akka gahuu qabu hubachiiste.

Dhiibbaan Keeniyaatti kaanaabis seera qabeessa gochuuf taasifamaa jiru itti fufee jira. Haa ta'uu malee Murtiin kun falmii seeraa waggoota jahaaf Rastafariyaanonni gaggeessaa turan irratti dhiibbaa guddaa geessisera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Rastafariyaanotni kaannabiisiin sirna amantii isaanii keessatti iddoo guddaa qaba jedhan.

Kanaaf, hordoftoonni isaanii mana dhuunfaa fi iddoowwan waaqeffannaa keessatti kaannabiisitti akka fayyadaman hayyamni addaa akka kennamu gaafatan.

Leelliftoonni tokko tokko kaanaabis misoomsuu fi gurguruun carraa hojii uuma, gibira galii akka dabalu, akkasumas industirii fi eegumsa fayyaa ni deeggara jechuun falmu.

Mootummaan Keeniyaa gaaffii kana mormeera. Akka mootummaan jedhutti, yoo amantiif jechuun kaannabiisi irratti addaan baafamni seeraa taasifame, seeran farra qorichoota sammuu hadoochan irratti hojii hojjechuun ni rakkisa jedhe.

Mootummaan dabalataan, kun karaa seeraan alaa kaannabiisiin akka daddarbuuf balbala banuu danda'a jechuun falme.

Labsiin to'annoo qoricha sammuu namaa hadoochuu Keeniyaa kaanaabis fayyadamuun yakka taasisa. AbukaatoonRastafariyaanotaa, murtii kana irratti ol iyyannoo akka dhiyeessan beeksise.

"Keeniyaan biyya Rastafariyaanota qofa rakkistu ta'uu hin qabdu. Murtii kana jijjiirsisuuf hanga dhumaatti ni falmanna; kabajaa fi ulfina Rastafariyaanota Keeniyaa deebisuuf hojii keenya itti fufna," jedhe.

Seerri keeniyaa maal jedha?

Raastaafariyaanoonni kaanaabis xuuxuu dhorkuun mirga bilisummaa amantii isaanii sarba.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Raastaafariyaanoonni kaanaabis xuuxuu dhorkuun mirga bilisummaa amantii isaanii sarba.

Namni kaanaabis qabate argame kamiyyuu hanga waggaa shanii fi hidhaa hanga doolaara 800 ni adabama.

Kaanaabis oomishuuf adabbii maallaqaa hanga doolaara 1,900 fi hidhaa hanga waggaa 20 ta'a.

Daldala namaa fi yakkoonni kanaan walqabatan biroo adabbii dabalataa kan qaban ta'uun ibsameera.

Raas Tafariyaanonni iyyata kana keessatti kaanaabis amantii isaaniif qulqulluu ta'uu ibsuun hordoftoonni hidhamuu sodaa malee yeroo tajaajila amantaatti akka itti misoomsan fi akka itti fayyadaman dhaamaniiru.

Iyyattoonni kunneen gurgurtaan jumlaa kaanaabis kan hin hayyamamnee fi mana dhuunfaa fi iddoowwan waaqeffannaa amantiif hayyamni daangeffame kennamuu akka qabu falmaniiru.

Haa ta'u malee manni murtichaa gaaffii isaanii kuffisee, Amaniif kaanaabis hayyamuun hojiirra oolmaa seera qoricha sammuu namaa hadoochu ni miidha, daldala kaanaabis seeraan alaatif karaa bana jedhe

Dhimmi kun gaaffii Raas Teferiyaanotaa qofa akka hin turre eerameera.

Baay'inni Rastafariyaanotaa Keeniyaa keessatti sirriitti kan hin beekamne ta'us, sochiin isaanii keessumaa dargaggoota biratti babal'achaa jiraachuun ni himama.