Gaafii ijoo uumamawwan addunyaa biraa /aliens/ ilalchisee ka'uufi deebii kennaman

Uumamawwan addunyaa biroo

Madda suuraa, ©Lorenzo Ranieri Tenti

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Yeroo gara yerootti saayintistoonni yaada lafa irra jiraannuun alatti lubbu qabeeyyiin yookiin uumamawwan biroo jiraachuu malu jedhuutti abdii godhachaa jiru. Dhalli namaa dhimma gaafii waggootaaf ture kanaaf deebii argachuutti jiraa?

Barbaachi jireenya lafaan alaafi uumamawwan addunyaa biraaf taasifamu yeroo kamiyyuu caalaa yeroo ammaatti saffisaan dabalaa jira.

Jabanni kunis jabana gaafii yeroo dheeraa 'uumamawwan lubbuu qaban lafaan alatti iddoo biroo jiruu?' jedhu deebisuuf abdiin irra kaayamedha.

Dameen saayinsii uumamaa dhimma kana qoratus Astirobaayoloojii kan jedhamu yemmuu ta'u, baayoloojii, keemistirii, saayinsii pilaanetotaafi astironoomii ofkeessatti kan hammatedha.

Lubbu qabeeyyiin baay'een gaalaaksii Milkii Weey keessatti argaman akkuma baakteeriyaa lafarraa seelii qeenxee kan qaban akka ta'an amanama.

Garuummoo addunyaawwan tokko tokko lubbuu qabeeyyii walxaxoo ta'an kan akka biqilootaafi bineensotaa jiraachisuu kan danda'anidha.

Guddinni gama dameewwan garagaraa sadiin waggoota darban keessa mul'atanis addunyaa irra jiraannuun ala lubbu qabeeyyiin biroo jiraachuusaanii gama baruutiin astirobaayolojistootatti abdii horeera.

Fakkii uumama addunyaa biraa jedhaman

Madda suuraa, Getty Images

Dameeleen ijoo sadeen astirobaayolojistootatti abdii horan kun maali?

1. Ekistiriimoofaayiloota (Extremophiles)

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hanguma waa'ee lubbuu qabeeyyii xixxiqqoo dacheerraa (micro-organisms) baraa deemnu dandeettii dandamannaa lubbuusaanii ajaa'ibsiifachaa deemna.

Lubbu qabeeyyiin haala jiraachuuf baay'ee rakkisaa ta'e keessa jiraatanfi ekistiriimofaayiloota (extremophiles) jedhaman iddoowwan jireenyaaf mijatoo hintaane keessa dandamatanii jiraatu.

Lubbu qabeeyyiin kunneen hulaawwan bishaan danfaa lafa keessaa itti bahu, tabbawwan cabbii akkaan qorraa ta'an, bishaan volkaanoo asiida'aa, qola lafaa akkasumas iddoowwan raadiyeeshiniin olaanaa itti jiru keessatti argamaniiru.

Kanaaf lubbu qabeeyyiin kunneen astirobaayolojistoonni haalawwan ulfaatoo lubbu qabeeyyiin dandamatanii jiraachuu danda'an akka baranfi pilaaneetiiwwanfi addeessawwan kamirratti lubbu qabeeyyiin jiraachuu akka danda'an akka baraniif carraa uumaniiru.

2. Eeksopilaaneetota

Bara 1992 dura pilaaneetonni jiraachuunsaanii beekamu kunneen sirna aduu keenya keessatti argaman qofa turan.

Sana booda garuu qorannoon teeleskooppiitti fayyadamuun taasifamaniin adduunyaawwan garagaraa 5,400 akkuma lafti aduu naannoftu isaanillee urjiiwwan garagaraa akka naanna'an irra gahameera. Pilaaneetonni kunneenis pilaaneetota sirna aduun alaa yookiin eeksopilaaneetota jedhamuun beekamu.

Eeksopilaaneetonni saayintistoonni jalqabarra argatan baay'eensaanii pilaaneetota gaasiirraa hojjetamanfi urjiileesaaniitti akkaan siiquun naanna'an turan.

Booda keessa garuu eeksopilaaneetonni xixxiqqoon urjiiwwansaaniirraa fagaatanii jiran argamaniiru.

Gosoonni eeksopilaaneetotaa qalbii astirobaayolojistootaa hawwatanis eeksopilaaneetota xixxiqqoo, dhagaafi amala lafaa kan qaban, urjiiwwansaaniirraa fageenya sirriirratti kan argamanfi teempireecharrisaanii bishaan akka jiraatu kunneen dandeesisudha.

Eeksopilaaneetonni kunneen uumamni irra jiraachuu kan danda'anidha. Teeleskooppiiwwan ammayyaa'oon gara fulduraatti hojjetamanis eeksopilaaneetota kunneenirra mallattooleen lubbuu jiraachuusaa sakatta'uu akka danda'an abdatama. Mallattoolee kunneen keessaa tokkommoo ooksijiiniin adeemsa footosinteesisiin uumame jiraachuusaati.

3. Abuuraa sirna aduu roobootii fayyadamuun taasifamu

Waggoota kurna muraasa darban keessatti guddinnifi fooyya'insi gama damee roobotiksiifi meeshaalee saayinsiin mul'atan dandeettii qorannoowwan hawaa guddisaa jiru.

Haaluma kanaan xayyaar-samiin pilaaneetii Maarsii naanna'e, kan Maarsiirra qubate, konkolaataan roobootii dachii Maarsiirra deemuun samuudawwan garagaraa walitti qabe akkasumas xayyaar-samiiwwan pilaaneetota akka Juuppitar fi Saatanii akkasumas addeessawwan isaaniirraa ragaa walitti qaban ni jiru.

Hanguma dhalli namaa teekinoloojiiwwanitti fayyadamee addunyaawwan kunneen daawwatummoo waa'ee naannoo pilaaneetota kunneenii, adeemsawwan uumamaa mul'atan akkasumas seenaa pilaaneetota kunneenii baraa jira.

Qorannoowwan xayyaar-samiiwwan akkasumas teeleskooppii akka Haabil (Hubble) fayyadamuun taasifamanis pilaaneetonnifi addeessawwan garagaraa kan sirna aduu keessatti argaman lubbu qabeeyyii jiraachisuu akka danda'an akeekaniiru.

Uumamawwan dachiin alaa silikooniirraa kan uumaman ta'innaa?

Lubbuqabeeyyiin lafarra jiran hunduu jiraachuuf bishaan dhangala'aa barbaadu. Sababnisaas bishaan keemikaalota bulbuluun walnyaatinsa baayokeemistirii waan deeggaruufi.

Kana malees lubbu qabeeyyiin dachiirra jiran molakiyuulota walxaxoo ta'anfi atoomiiwwan kaarbooniirraa kan ijaaramanidha.

Garuummoo lubbu qabeeyyiin addunyaawwan dachiin alarra jiran tarii elementii biraarraa kan ijaaraman ta'uu danda'uu?

Elementiin silikoonii amala keemikaalawaa kaarbooniin walfakkaatan baay'ee qaba. Garuummoo kaarboonii waliin yemmuu madaalamu silikooniin hidhata keemikaalaa jabaafi yeroo dheeraaf turufi molakiyuloota walxaxoo uumuurratti akka kaarbooniitti cimaa miti.

Suuraawwan uumama addunyaa biroo jedhaman

Madda suuraa, © Getty Images

Sirna aduu keessatti uumamawwan dachiin alaa (aliens) eessafaa jiraachuu danda'u?

1. Viinasii (Bakkalcha)

Yeroo ammaa dachiin Viinasii atimoosferii kaarbon-daayoksaayidii yabbuu pilaaneetichi qabu hoo'a ukkaamsee qabachuusaarraa kan ka'e akka malee hoo'aadha. Kanaafis dachiin Viinasii jireenya lubbuqabeeyyiif mijataa miti.

Haa ta'u malee saayintistoonni Viinasiin dur akkuma lafaa qilleensa mijataa qabdi turte ta'a jedhanii yaadu. Adeemsa keessa garuu lubbu qabeeyyiin baay'ee xixxiqqoo ta'an gara atimoosferiisaatti ol baqachuun jiraachaa akka turan tilmaamu.

Atimoosferiin pilaanetii kanaa olka'iinsa kilomeetira 50-60 gidduutti qabbanaa'aa waan ta'eef haalli lubbuqabeeyyiin garagaraa duumessa keessa jiraachuu danda'an jiraachuu akka malu ogeeyyiin himu. Gama biraatiin garuu duumeessawwan Viinasii asiidii cimaa kan qaban ta'usaatiin carraan lubbu qabeeyyiin achi keessatti dandamatanii jiraachuu gadi aanaa akka ta'e kan kaasanis jiru.

2. Maarsii

Dachiin Maarsii yeroo ammaa gammoojjii gogaa akka malee qorrufi carallaa altiravaayoleetii aduutiif saaxilame ta'us naannoo waggoota biliyoona 3.8 dura garuu hoo'aafi jiidhaa akka ture yaadama.

Pilaaneetii kanarra haroowwan, sululawwan laggeeni akkasumas garbi guddaan heemisfeera kaabaa uwwisee akka turan ragaaleen mul'isu.

Kana malees molakiyulonni orgaanikii lubbu qabeeyyiin irraa hojjetaman dachii Maarsiirra akka turanfi tarii pilaaneetiin tun lubbu qabeeyyii mataashee qabaachuu akka maltes himama.

Haa ta'u malee maayikiroobiiwwan dachii Maarsiirra jiraachaa yoo turaniiyyuu ammatti dachii pilaaneetichaarra jiraachuu hindanda'an. Kanaafis iddoon maayikiroobiiwwan kun jiraachuuf carraa qabaachuu danda'an keessoo lafaa pilaaneetii kanaa qofadha.

3. Iyurooppaa

Iyurooppaan addeessawwan gurguddoo pilaaneetii Juppitara marsan keessaa isa tokkodha. Dachiin addeessa kanaa cabbii qorraan kan uwwifame ta'us jala isaatti garba gadi fagoo bishaaniin guutametu jira. Bishaan garba kanaas dambalii sababa harkisa lafaan (gravity) uumamurraan kan ka'e hoo'aadha.

Adeemsi kunis dachii garba kanaarratti hulaawwan bishaan hoo'aan keessaa burqu, kan jireenya lubbu qabeeyyiif mijataa ta'e uumuu danda'a.

Garuu addeessa Iyurooppaa akkaan abuuruuf cabbii dachiisaa haguugee jiru hagam yabbuudha kan jedhu gaafii ijoodha. Kana malees xayyaar samii cabbii kana keessa darbee garba adeessichaa keessa seenuun jiraachuu lubbu qabeeyyii qorachuu danda'u hojjechuun ni danda'amaa kan jedhus gaafii biraati.

4. Inseledas (Enceldaus)

Inseledas addeessa pilaaneetii Saatarnii yemmuu ta'u Iyurooppaa waliin walfakkeenya baay'ee qaba. Addeessi kun dachii qorraa, cabbiin uwwifamefi garba bishaan dhangala'aan guutame qaba.

Bantii kibbaa addeessa kanaarratti bishaan golgaa cabbii uruun gara dachiitti dhangala'u kan mul'ate yemmuu ta'u, bishaan kunis soogiddaa'aa akka ta'e barameera.

Garbi addeessa Inseledas kun alkaalaayinii akka ta'e yaadamus, jireenya dandamachiisuu kan danda'u akka ta'e amanama.

5. Taayitaan

Taayitaaniin addeessa guddaa Saatarniirra naanna'u yemmuu ta'u, addeessa sirna aduu atimosfeerii yabbuu molakiyulota kaarboonii heddu ofkeessatti qabatedha.

Bantii kaabaa addeessa kanaarratti haroowwan gurguddoon kan argaman yemmuu ta'u, haroowwan kun bishaaniin osoo hintaanee dhangala'aa iteenii fi miiteeniin (ethane fi methane) kan guutamanidha.

Kanaafuu lubbuqabeeyyiin bishaan osoo hintaanee iteenii bu'uura godhatan jiraatinnaa kan jedhu gaafii hanga ammaatti deebii hinarganne yemmuu ta'u, addeessi Taayitaan jedhamu kun garuu addunyaa walxaxaa lubbu qabeeyyii baayokeemistiriinsaanii kunneen lafarra jiraataniin adda ta'e qaban qabaachuu danda'a jedhamee yaadama.

Uumamawwan dachiin alaa (aliens) qaxalee ta'innaa?

Astirobaayoloojiin irra jireessaan lubbu qabeeyyiin seelii qeenxee sirna aduu keessa jiraachuusaanii barbaaduufi qorachuurratti xiyyeeffata.

Haa ta'u malee gaalaksii keessa lubbu qabeeyyiin baay'ee walxaxoo ta'an kunneen akka biqilootaa, bineensotaa akkasuma uumamawwan baay'ee qaxalee ta'an jiraatinnaa?

Gaalaksiin umrii dheeraa kan lakkoofsise ta'uusaan walqabatee waggoota miliyoonaan lakka'amu dura uumamni qaxalee ta'e kutaalee gaalaaksii garagaraa keessa faca'eeras ta'uu danda'a.

Haa ta'u malee waggoota 60 darban keessa yeroo garagaraatti saayintistoonni dambaliiwwan raadiyoo dhaggeeffachuuf yaalaafi ijaarsawwan tekinoloojii barbaadaa turanis hanga ammaatti garuu uumamawwan dachiin alaa qaxalee ta'an jiraachuusaaniif ragaan argame hinjiru.