Waliigalteewwan nagaa Afrikaa shan waraana dhaabuu hanqatan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii akka ibsutti waliigalteen nagaa waliigaltee lola ykn waraana dhaabuuf waliigaltee ifatti taasifamu dha. Kunis gareelee gidduutti otoo mariin siyaasaa adeemsifamu yeroof dhukaasa dhaabuu fa'i dabalata.

Waliigalteen gareelee ykn biyyoota wal lolan gidduutti mallattaa'uu akka kaayyefate nagaa buusuurraa hanqatee, qajeelfamni waliigaltee cabee carraan lolli deebi'ee itti ka'uu hedduudha.

Qorannoowwan yeroo garaagaraatti taasifaman akka agarsiisanitti waliigalteewwan nagaa akka addunyaatti mallatteeffaman keessaa dhibbeentaa 40 kan tahan otoo hin milkaa'in hafu.

Waliigaltee nagaa ijoo gareelee ykn biyyoota Afrikaa wal lolan gidduutti mallatta'ani garuu lola deebi'uurra hin deebisne shan haa ilaallu.

Waliigaltee Aruushaa- Ruwaandaa (1993)

Ruwaandaan Onkololessa bara 1990 Addi Sabboonaa Ruwaandaa (RPF) kaaba-baha biyyattii qabachuun booda waraanni waliinii Ruwaandaa jalqabe.

Gareen fincilaa yeroosii RPF pireezidantii ammaa biyyattii Pool Kaagameen hogganamu jalqabarratti mo'amus hamma walakkeessa bara 1992tti mootummaa loluu itti fufe.

Pireezidantiin mootummaa biyyattii yeroosii Juveenaal Haabyaariimaanaa mormiin itti hammaannaan RPF fi gareelee mormitootaa kaan waliin marii jalqabuufi dhumarratti waliigaltee mallatteessuuf dirqame.

Haalli kuni garee mormituu hidhataa RPF'f injifannoo yoo tahu mootummaa irratti immoo dhiibbaa uume.

Waliigalteen Aruushaa Taanzaaniyaatti kan mallatteefame waraana waliinii mootummaa saba Hutuun hogganamuu fi fincilaa saba Tuutsiin geggeefamu dhaabuufi ture. Kanamalees mootuummaafi RPF dabalatee mormitoota gidduutti aangoon akka qoodamu gochuuf ture.

Waliigalteen nagaa kuni guutummaatti hojiirra waan hin oolleef kaayyoon nagaa buusuu otoo hin milkaa'in hafe.

Gareeleen mormitootaa CDR waliigaltichatti otoo hin dabalamiin hafuu, mootummaa fi RPF waliigaltee mallatteessanillee aangoo walii qooduu fi loltoota isaanii walitti makuu irratti wal amanuu hin dandeenye.

Hawaasni idila addunyaa deeggarsa kennuun dhabuunis sababa biraa waliigaltichi akka cabu sababa tahe.

Bara 1994 xayyaarri Pireezidant Haabyaariimaanaan ittiin imalaa turan misaayelaaan haleelamuun booda lola ka'een duguuggaan sanyii saba Tuutsii 800,000 akka raawwatuuf sababa tahe.

Waliigaltee Sudaaniifi Sudaan Kibbaa - 2005

Waliigalteen nagaa kuni Amajji 5, 2005 Waraana Waliinii Sudaan Lammataa waggaa 22 adeemeefi namoota miiliyoonaan lakkaa'aman galaafate dhaabuuf mootummaa Sudaan Kaartuum qubate fi Warraqsa/Waraana Bilisummaa Uummata Sudaan gidduutti mallatteeffame Naayiroobii Keeniyaatti mallatteeffame.

Waliigalticha pireezidantii ittaanaa Sudaan yeroosii Alii Osmaan Xahaa fi hogganaa SPLMA Joohn Gaaraang'tu mallatteeffame.

Mootummaan Kaartuum jirus tahe SPLA waraanaan humni isaanii laafee waan ture.

SPLA naannoo biyyattii gara kibbaa qabatus Kaartumiin fudhachuu hin dandeenye, mootummaan Kaartumis haleellaa 9/11 dhiibbaan Ameerikaa waan itti hammaateef garee SPLA mo'achuu hin dandeenye.

Jaarsummaa IGAD, US,UK fi Noorweeyiin qaamoti wal lolan kuni waliigalteerra gahan. Waliigalteen kuni waggaa jahaaf bulchiinsi kibbaa of akka danda'u, galiin gurgurtaa boba'aa qixxee akka qoodamu akkasumas Sudaan Kibbaa walabummaa akka argattu kan jedhu fa'a dabalata.

Waliigalteen kuni Sudaan Kibbaa bara 2011tti walabummaa ishee akka argattu haa godhuyyuu malee dhimmi bu'uura misooma boba'aa Heegliig daangaa Sudaan fi Sudaan Kibbaa Abee keessatti argamu akkatti bulu ifatti waan waliigalame hin turre.

Koomishiniin Daangaa Abee bara 2005 argama daangaa bu'uuraalee misoomaa boba'aa Heegliig irratti murtoon dabarse gama mootummaan Kaartuum jiruun fudhatama hin arganne.

Waliigaltichi bulchiinsa daangaa Abee murteessuuf sagaleen akka kennamu qajeelchus kuni otoo hin tahiin hafeera, kaffaltiin geejjiba boba'aa irrattis biyyoota lameen gidduu waliigalteen hin taasifamne ture.

Sababa kanaan bara 2012 Sudaan Kibbaa yeroo gabaabaaf Heegliig yeroo to'attu Sudaan naannoo kibbaa haleeluu jalqabde.

Kanaanis Sudaan Kibbaa dhiyeessii boba'aa yeroof cuftee turte. Sudaan Kibbaa bara 2011tti walabummaashee waliigaltee kana jalatti labsattus ''caasaa mootummaa aangoo qooduuf gargaaru'' waan hin ijaarreef Pireezidant Saalvaa Kiir fi Pireezidantii Ittaanaa Riik Maashaar gidduu muddamni hammaachuun bara 2013 Sudaan Kibbaa waraana waliinii waggaa shanii geggeessuun namoonni 400,000tti siqan lubbuu dhaban.

Daangaan Abee nagaa eegsiftoota UN jala kan jiru yoo tahu, eenyu bulcha kan jedhurratti ammallee murtoon dhumaa hin kaa'amne

Bara 2018 Maashaar fi Kiir lola dhaabuuf waliigaltee mallatteessuun mootummaa aangoo qooddatu bara 2020tti hundeessan.

Tahus hidhannoo hiikkachuun hojiirra otoo hin ooliin hafee filannoon irra deddeebiin dabarafamaa dhufee hamma bara 2026tti hin geggeeffamiin jira.

Waliigaltee Lusaakaa - Rippaabliika Demookiraatawaa Koongoo -1999

Adoolessa 10, 1999 magaalaa guddoo Zaambiyaa Lusaakaatti waliigalteen mallatteeffame kuni Waraana Koongoo Lammataa dhaabuuf kan kaayyeefate ture.

Waliigalteen humnoota alaa jahaafi gareelee hidhattootaa sadii waraana waggaa tokkoof adeeme irratti hirmaataniin mallattaa'e, dhukaasa dhaabuu, loltooti alaa Koongoo keessaa bahuu fi humni nagaa UN bobbaafamuu qajeelfama jedhu of keessaa qaba.

Lola kanaan Angoolaa, Naamiibiyaafi Zimbaabween mootummaa Rippaabliika Demookiraatawaa Koongoo Looreen Kaabilaan geggeefamu deeggaru ture, Yugaanadaafi Ruwaandaan daangaa isaanii eegsifachuuf finciltoota mootummaa lolan garaagaraa lama deeggaraa turan.

Bara 2000 Pireezidant Kaabilaan Waliigalteen Lusaakaa walabummaa Koongoo hin kabajne jechuun fudhatama dhabsiisan.

Waliigaltichi mariin biyyaalessaa finciltoota dabalatee hunda hirmaachise akka taasifamu ajajus, pireezidantichi waliigalticha busheessuun paarlaamaa ce'umsaa ofumaan dhaaban.

Kanneen waliigaltee kana mallatteessan dhukaasa akka dhaaban waliigalanillee lolli hamma bara 2003 itti fufe.

Finciltoonni M23 Ruwaandaan deeggaraman haleellaa banuun magaalawwan Goomaafi Bukaavuu qabachuu itti fufaniiru.

Tattaaffii nagaan buusuu hamma har'aatti itti fufee jira. Bara 2026 bakka buutonni mootummaa fi M23 nagaa buusuuf Siwiizarlaanditti mariitti turan.

Tahus Riippaabliikni Demookiraatawaa Koongoo har'allee tasgabbii hin qabdu.

Waliigaltee Aljeers -Maalii -2015

Waliigalteen nagaa kuni mootummaa Maalii fi finciltoota saba Tuwaareeg gidduu lola waggaa dheeraaf adeeme dhaabuuf mallattaa'e.

Sabooti Tuwaareeg jedhaman naannoo kaaba biyyattii qubatanii kan jiran yoo tahu faayidaa naannoon kibbaa argaturraa qollifatamneerra jechuun walabummaaf lolaa turan.

Waliigaltee kanaan mootummaan naannoo kaabaa finciltoonni kuni qabatan of akka dand'u eeyyame. Haa tahu malee waliigalteen kuni waggaa sagaliin booda bara 2024 diigameera.

Bara 2020-2021 keessa gareen fonqolcha mootummaan aangoo qabate waliigaltee nagaa Aljeers finciltoota Tuwaareeg waliin mallattaa'e diigeera.

Gareen kuni humnoota Faransaayiifi nagaa eegsiftoota UN biyyattii keessaa akka bahan ajajuun garee waraanaa Raashiyaa Waaginar Giruup jedhamu waliin walooma uumeera.

Ibsi garee kanaa akka jedhutti Waliigaltee Aljeers warri mallatteessan kaan dirqama isaan hin bahannee, akkasumas biyya jaarsummaa teesse Aljeeriyaa ''gochaa diinummaa'' raawwatti jechuun waligalticha diige.

Kanaanis garee waraanaa aangoo qabateefi finciltoota gara kaaba gidduu muddamni deebi'a yaaddoon jedhu dabaleera.

Waliigaltee Piriitooriyaa- Itoophiyaa 2022

Bara 2020 hanga 2022 mootummaa federlaa fi TPLF gidduu waraannii taasifame namoota 600,000 siqan galaafachuun booda bara 2022 Waliigaltee Nagaa Piriitoriyaa jaarsummaa Gamtaa Afrikaan, Afrikaa Kibbaatti mallatteeffameen goolabame.

Waliigalteen kuni qaamolee lamaan gidduutti dhukaasni akka dhaabbatu godhus dhimmooti siyaasaa ijoo garuu hin furre.

Waggaa shan booda muddamni mootummaa federaalaafi TPLF hammaachuun gareelee mormitootaa walooma uummatan torba dabalatee Naannoo Tigraayitti torbee sadii dura waraanni akka haaraatti jalqabeera.

Waliigalteen kuni akka diigamu sababoota otoo hin furamniin boriif bulaa dhufan keessaa tokko dhimma lixa Tigraayi ilaallata.

Humnooti TPLF lixa Tigraayi daangaa Naannoo Amaaraarra jiru jalqabbii waraana Tigraayi bara 2020-2022 adeemeen humnoota Amaaraa mootummaa federaalaa waliin lolaa turniin to'annoo isaanii jalaa bahe.

Dhalattoonni Naannoo Amaaraa baayyeen bara 1991yeroo TPLF aangootti dhufe daangaa akka haaraatti sararameen iddoon kuni Tigraayi jala galuutti gammadoo hin turre.

Waraana waggaa shan dura taasifame kanaan humnooti Amaaraa iddoo kana waan to'ataniif dhalattoonni Tigraayi qe'eerraa buqqa'an gariin kaampiiwwan Tigraayitti yoo baqatan kaan ammoo gara Finfinneetti godaananiiru.

Humnooti TPLF lixni Tigraayi deebisanii fudhachuufi namoonni achii buqqa'an garasitti akka deebi'an barbaadu. Mootummaan immoo daangaan kuni refarandamiidhaan murtaa'uu qaba jedha.

Waliigaltee Piriitooriyaan booda mootummaaf danqaa guddaa kan ture hidhattoota naannichaa hiikkachiisuu dha. TPLF meeshaalee waraanaa muraasa qofa Gamtaa Afrikaaf kennee meeshaalee kaan dhoksateera jedha mootummaan.

Kana malees gamni lamaanuu Tigraay akkamiin buluu qabdi kan jedhurrattis wal dhabaa turan. Akkaatuma waliigalteen Ministarri Mummee Abiy Ahimad bulchiinsa yeroo Tigraayiif hogganaa muudan.

Caamsaa 2026 Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa torbaffaa adeemsifamuun dura ministarri mummee biyyattii waldhabdee TPLF gidduutti uumamu akka furamu dhiibbaa MM Abiy gochaa turan.

Sababa sodaa nageenyaan Naannoo Tigraayitti filannoon otoo hin adeemsifamiin hafe jennaan TPLF mana maree Tigraay waraana dura ture deebisuun bulchiinsa yeroo Abiy fudhatama dhabsiise.

Haala kanaan hojjettoonni mootummaa mindaan adda cituu dabalatee diinagdeen naannichaa bututaa adeeme.

Torbee lama dura Waliigalteen Piriitooriyaa cabee naannichatti lolli akka haaraatti jalqabe.

Tigraayitti lolli deebi'ee jalqabuun guyyaa lama dura TPLF fi WBO dabalatee gareeleen hidhatan torba mootummaa Itoophiyaa kuffisuuf akka walooman beeksisan.

Gamtaa Afrikaa dabalatee hawaasni idil-addunyaa lolli akka haaraatti jalqabe dhaabbatee qaamoti wal lolan mariitti akka deebi'aniifi waamicha dhiyeessaniiru.