Indiyaatti carraa hojii haaraa ''dubartoota ulfeessuu'' jedhuun kan gowwoomfaman maal himu?

Namoonni maallaqa argachuuf jedhanii carraa hojii dubartoota daa'imman hin qabne ulfeessuu jedhuun guwwoomfamaniiru jedha poolisiin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni hedduun maallaqa argachuuf jedhanii carraa hojii 'dubartoota daa'imman hin qabne ulfeessuu' jedhuun guwwoomfamaniiru jedha poolisiin
Maxxanfame

Kumaatamaan kan lakkaa'aman akkamiin akka guwoomfaman dubbachuu ni qaana'u. Mangash Kumaar garuu yoo maqaan koo jijjiirame rakkoo hin qabu jedhe. Maqaan kun isa jijjiiramedha.

Hanna karaa interneetii gaggeeffamuun nama guddoo guwwoomfamedha.

Indiyaa keessa dubartoonni tujaara ta'an garuu ulfaa'uu hin dandeenye hedduudha. Dhiira isaan ulfeessu barbaadu.

Namni tokko dubartii ulfeessee yoo milkaa'e maallaqa biyyattii ruuppii miiliyoona walakkaa argata kan jedhu ''beeksisi carraa hojii haaraa'' bal'inaan miidiyaa hawaasummaarratti gadhiifama.

Kun lammiilee Indiyaa hiyyeeyyii ta'an hedduu hawwateera, guwwoomseeras.

Kanneen keessaa tokko kan ta'e ga'eessi biyya Indiyaa Kumaar waan isa mudate akkanaan ibsa.

''Kaaba Indiyaa bulchiinsa Biihaar jedhamtun jiraadha. Guyyaa tokko viidiyoo tokkon arge. Irrattin cuqaase, nan bane,'' jedha.

Viidiyocha banee teessoo isaa erga barreeffamaan ibsee booda ''daqiiqaa 10 keessatti bilbilli kiyya waame. Eenyu jedhee yoon gaafadhu 'maqaan koo Saandiip Saar' naan jedhe. Kubbaaniyyaa Mumbaayi keessa jiru tokkoofin hojjedha. Dubartii tokkotu jirti. Yoo ulfeessite ruuppii miiliyoona walakkaa siif kaffalti naan jedhe,'' jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Galmaa'uuf ruuppii 799 akka barbaachisu naaf ibse kan jedhu Kumaar, ''ruuppii miiliyoona walakkaa jechuun miindaa koo waggaa sadiiti. Maafan carraakoo hin yaalun jedhe. Garuu dubartiin kun maallaqa kana kan siif kaffaltu erga ulfaa'uunshee mirkanaa'ee booda naan jedhe,'' jedha.

Kumaar gaa'ela mataasaa qaba, abbaa ijoollee lamaati. Garuu maallaqichi baayyee isa hawwate. Sanarratti dabalataan hiyyeessa.

Taatee kana booda namni carraa hojii dhiyeessuuf kun torbanoota sadiif irra deddeebiin bilbilaafii akka ture hima Kumaar.

''Sanadoota garaagaraa erga. Irratti mallatteessuu qabda naan jedha. Ragaa mana murtii baasuuf ruuppii 2,550, maallaqa eeggachiistuu ruuppii 4,500, nagahee gibiraa ruuppii miiliyoona walakkaa argachuuf deemuuf ammoo ruuppii 7998 akkan kaffalu na gaafate,'' jedha Kumaar.

Nagahee kaffaltii fi ragaalee manamurtii naaf erga kan jedhu Kumaar, ''sanadoota irratti maqaa, mallattoo fi suuraan isaa kan uffata poolisiin jiru guuteera,'' jedhe.

Sanada mallattaa'ee Kumaariif ergame

Sanadi inni ijoon ''waraqaa ragaa dhaloota daa'imaa,'' kan jedhu yoo ta'u, jalatti ammoo ''mirkaneessa ulfaa,'' unka jedhu qaba jechuun haala ture sirriitti ibsa Kumaar.

BBCn waraqaalee Kumaar ibsu kunneen ilaaleera. Tokkorratti namoonni waraqaa kana hojjetan, mallattoo gaazexeessituu Ameerikaa Oopiraa Wiinfiree jedhamtuu fakkeessanii ibsanii mallatteessaniiru.

Kumaar waan isa mudate seenessuu ittuma fufe.

''Guyyoota itti aanan keessatti suraa dubartoota saddeetii naaf erge. Kanneen keessaa kam ulfeessuu barbaadda jedhee na gaafate. Dubartiin an filadhu magaalaa an jiraadhu dhuftee hoteela qabattee akka naaf bilbiltu natti hime,'' jedha.

Maallaqi waadaa galameef yoom akka harka isaa ga'u yoo gaafatu, nahageen ruuppii kuma 512 fi 400 ofirraa qabu akka itti ergame hime.

Ta'us maallaqichi hin gadhiifamne. ''Kan gadhiifamuu danda'u ergan gibira galii kiyyaa kaffalee qofa akka ta'e natti hime,'' jedhe.

Gibirri kun meeqa jedhee yoo gaafatu, kuma 12 fi 600 jedhaniin.

''Baayyeen aare, ofin nyaadhe. Maallaqa hin qabu. Maallaqan ji'aan argadhu isiniif kaffalee of harkaa fixeera jedheen itti hime,'' jedhe.

Saandiip Saar garuu gibira kana malee kaffaltiin miiliyoona walakkaa jedhame kun akka naaf hin kaffalamne mirkaneessee natti hime jedhe Kumaar.

''Yoo gibira galii hin kaffalle rakkoo keessa galta jedhee na sodaachise.''

Ruuppiin miiliyoona walakkaa haala kanaan qabamee jiru baankii kiyarratti akka argamuu fi poolisiin akka to'annoo jala na oolchuu danda'u natti hime.

''Galii miliqsuun himatamuun danda'a jedheen guddoo sodaadhe. Sodaa fi rifannaa hamaarraa kan ka'e bilbilakoo guyyaa 10niif cufeen dhokadhee mana taa'e,'' jedhe guwwoomfamaan kun.

Kumaar akka BBCtti dubbatetti yeroo hamma kanaa taateen adda addaa isa mudate akka guwwoomfamaa jiru homaa hin shakkine.

Sabanbi isaa namni kun waraaqaa eenyummaa dhuunfaasaa dabalatee ragaalee eenyummaasaa ibsan hunda ergaafii ture.

Miseensa poolisii Indiyaa akka ta'es itti himeera. Akkawuntii WhatsApp isaarrammoo dubartii daa'ima baattetu jirti. Kun hundi walitti dabalamuun isa amansiisan.

Ogeessi saayibarii Paavaan Duugaal akka jedhutti Indiyaa keessatti namni hedduun duuchaamatti wal amana, kun rakkoo guddaa uumaa jira. Haalli kun nama hedduu biratti mudata jedhe.

Haata'u malee yaadi ''Carraa hojii dhiirota dubartoota ulfeessaniif,'' jechuun eegalame kun bifa nama hedduu dogoggorsuu danda'uun hojjetama jedha.

Dhiirota hedduu gowwoomsuu akka danda'u amana Duugaal.

''Waan haaraa qabatanii as ba'an,'' jechuun haalli akkasii kanaan duras akka ture hima.

''Dubartii waliin raftee miiliyoona walakkaa argatta yoo jedhamte akkamiin didda?'' jedha.

Kumaariif namni isa guwwoomse kun ammallee ni bilbilaaf.

''Guyyaa tokko bilbilee dubartiin ulfaa'uu barbaaddu tokko gara kubbaaniyyaa keenyaa dhufaa jirti. Guyyuu bilbilti naan jedhe,'' jedhe Kumaar.

Alana ammoo gibira galii ruuppii 3,000 yoo kaffalte ruuppiin kuma 90 battaluma karaa baankii siif gala naan jedhe jedhe.

Kumaar amma dabaree isaa Saandiip Saariif deddeebi'ee bilbila. Garuu maal buusa! Bilbila irraa hin kaasu.

''Maal akkan godhu hin beeku. Mindaa koo ji'aa nyaatameera. Maallaqan maatii kiyyaaf ergu hin qabu. Haati manaa koo baayyee mufattee naan ooddeetti. Mootummaan guwwoomsitoota kunneen bakkasaan dhokatanii baasee adabbii yakkasaanii madaaluu itti muruu qaba,'' jechuun gaabbiin dubbata.

Poolisiin namoota shakke saddeet hidheera, bilbila sagalii fi pirintarii tokko irraa fuudheera, kanneen hafan 18 ammoo barbaadaa jira

Qondaalli poolisii Kaayilaan Anaand namoonni dhibba hedduutti lakkaa'aman maallaqa argachuuf jecha gocha gowwoomsitoota kunneeniin miidhamaniiru jedhan.

Hanga ammaatti poolisiin namoota shakke saddeet hidheera, bilbila sagalii fi pirintarii tokko irraa fuudheera, kanneen hafan 18 ammoo barbaadaa jira.

Garuu namoota miidhaman argachuun rakkisaadha jedhan qondaalli kun.

''Gareen gowwoomsitootaa kunneen waggaa tokko oliif hojii kanarra turan. Namoota dhibbaan lakkaa'aman gowwoomsaniiru. Kanneen miidhaman garuu waan qaana'aniif as ba'anii hin dubbatan,'' jedhan.