'Iraan US hin amantu, yoo haqaan taate qofa mari'anna' -Abbaas Araagchii

Madda suuraa, Getty Images
Teehraan Ameerikaarraa "amantaa hin qabdu", Waashingtan faana kan mari'attu yoo "haqaan" taate qofa jedhan Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii. Araagchiin wayita mariin waraana Iraan ilaallatu dhaabbatee jirutti kana dubbatan.
Kanneen waraana Tehraanirratti bananiin ala, dooniiwwan daldalaa hunduu Ulaa Hormuuz keessa darbuu ni danda'u jedhan Kora ministiroota dhimma alaa biyyoota BRICS kan Hindii Niw Delhiirratti hirmaachaa jiran Araagchiin.
Dooniin darbuu feetu humna galaanaa keenya waliin qindaawuu qabdi jedhan.
Haalli imala Ulaa Hormuuz "baay'ee wal xaxaa ta'eera", jedhan. Iraan ulaa kana cufuutti milkaawuu himan.
Waashingtanii fi Tehraan ji'a tokkoo as erga dhukaasa dhaabuuf waliigalanii booda ammallee waliigalticha diiguuf waldhaansoo keessa jiru.
Marii jaarsummaa Paakistaaniin eegalame torbee darbe gareen lamaanuu marii diduu hordofee dhaabbateera.
"Ergaan wal dhiitu" Ameerikaa tamsaaftu akeeka qabatamaa Ameerikaan marii irratti qabdurratti akka of qusannu nu gochaa jira jedhan Abbaas Araagchii.
Paakistaan carraaqqii hin dhiifne haalatu ishee "rakkise" jedhan.






