Wallo Kibbaatti haleellaa konkolaataa irratti raawwatameen namootni shan ajjeefaman

Hidhataa qawwee qabate

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Naannoo Amaaraa Godina Wallo Kibbaa aanaa Lagaambootti haleellaa konkolaataa deddeebisa Uummataa irratti raawwatameen yoo xiqqaate namootni shan ajjeefamuu angaa'aan godinichaa fi maddeen Hospitaalaa BBC'tti himan.

Hogganaan nageenyaa Godinichaa Komishinar Zallaqaa Allabbaachoo, imaltoota konkolaaticha keessa turan keessaa namootni sadi haleellaa sanaan battala lubbuun darbuu BBCtti himan.

Hojjetaaa Hospitaala Aqaastaa nageenya isaatiif jecha maqaan isaa akka hin caqafamne gaafate maddi biraa, namoota miidhamanii gara Hospitaalichaa dhufan shaniin alatti namni tokko ammoo erga lubbuun darbee booda hospitaalicha dhufuu himan.

Komishinarichi 'Finxaaleyyii' jechuun kan ibsan hidhattootni faannoo naannichatti namoota nagaa irraan miidhaa geessisaa jiraachuu dubbatan.

Aanga'aan kuni sababa ajjeechaa kanaa yoo ibsan 'Jibba uummata irraa qabani' erga jedhaniin booda 'Hawaasa naannichaa shororkeessuuf gocha raawwataniidha' jechuun itti dabalan.

Haleellaan kuni Roobii ganama sa'aatii 1:30 hanga 2:00 gidduutti raawwatamuu kan himan hogganaan nageenyaa godinichaa, konkolaataan minibaasii jedhamuun beekamu kuni Gannatee irraa gara Aqaastaa imalaa turuu eeru.

Minibaasiin kuni imalarra osoo jiruu haleellaan erga irratti banameen booda namootni sadii battala yoo du'an, namootni shan ammoo miidhaan irra gahuun hospitaala seenuu qondaalli nageenyaa kuni BBCtti himaniiru.

Erga Hospitaaala gahanii namootni nama lubbuun kan darbe waan ta'eef lakkoofsi namoota sababa haleellaa kanaatiin du'anii gara shaniitti guddateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Imaltoonni du'anis ta'ee madaahan haleellaan kan irra gahe rasaasaan ta'uu fi yeroo qaamoleen nageenya mootummaa naannicha gahanitti kanneen haleellaa kana raawwatan bakkichaa miliquu himan.

Erga haleellaa kanaatiin booda garuu daandicharra sochiin idilee itti fufee jiraachuus eeran.

Maddi hospitaala Aqastaa BBC'tti dubbatan, kanneen miidhaman keessaa namni tokko ammayyuu hospitaalichatti yaala argachaa jiraachuu himan.

"Amma Nubiratti kan yaala argachaa jiru nama ganna 48 tokkodha. Garaa isaatirra rasaasaan dhahame" jedhan

Miidhamtoonni kaan yaalaargatanii kan bahan yoo taa'u kaan ammoo yaala fooyya'aadhaaf gara Hospitaaala Daseetti ergamuus dubbatan.

Waa'ee haleellaa kanaa irraatti BBC'n hidhattoota Faannoo naanicha keessa socho'an irraa deebii argachuuf yaaliin irra deddeebiin taasise hin milkoofne.

Naannoo Amaaraatti waraaanni hidhattootaa fi qaamolee nageenya mootummaa gidduutti deemu amma waggaa sadii caalaa jira.

Dhaabbileen mirga namoomaaa sababa walwaraansa naannicha keessatti deemaa jiru kanaatiin ajjeechaan murtii malee, miidhaan lammiilee nagaa irra gahu, hidhaan seera malee fi yakki gudeeddii, mancaatii fi saamichi qabeenyaa akka raawwatamaa jiru ibsu.

Kana malees rakkoo nageenyaa naannicha keessa jiru Kanaan walqabate yeroo addaa addaatti konkolaattotaa fi imaltoota irratti haleellaan yoo gahu nidhagahama.