'Ani Musliima nan ajjeesinaa'- Ulaan Hormuuz cufamuun wanbadummaa galaanarraa Somaaliyaatti hammeesse

Ebla darbe guyyaa tokko akkuma salaatni galgalaa xumurameen Saantii Saaniyaa ergaa gabaabaa oduu aaga hin taane itti hime bilbilasheerratti argatte.
Yeroo waraanni Iraan hammaatetti dooniin Baha Gidduugalaa keessatti boba'aa geejibu abbaa warraasheetiin durfama ture.
Bitootessa 24/2018 A.L.I kaapteen Ashaarii Saamdikuun UAE irraa ka'e haleellaa naannoo Hulaa Hormuuz irratti raawwatame hamma xiqqoof miliqullee, boodarra garuu naannoo wanbadooti galaanarraa socho'an keessa seene.
Kaapteeniin abbaa ijoollee lamaa maatiisaa odola Indooneezhiyaa Sulaaweesii yeroo dubbisu akka hin yaaddoofneef yaala ture.
Boba'aa mootummaa akka fe'e himuun ''akka eeyyama Waaqaatti homtuu hin uumamu,'' jedhaan ture.
Gaafa Ebla 13 garuu ''dooniin koo wanbadoota galaanarraan haleellaan irratti raawwatamaa jira,'' sagalee jedhe haadha warraasaatti hime.
Qarqara galaana Somaaliyaatti wanbadoonni kilaashinkooviifi meeshaa rookeettii ittiin dhukaasan hidhatan doonii gara Moqaadishoo yabalaa turte ''Merchant Tanker Honor 25,'' jedhamturratti haleellaa raawwatan. Hojjettoota doonichaa 17 fi boba'aa barmeela 18,500 fe'ame ture qabatan.
Butni galaanarraa milkaa'aa tahe kuni wanbadummaan maallaqani guddaan itti argamuufi humna guddaan dalagamu kan Gaanfa Afrikaaf yaaddoo ture deebi'ee ka'aa jiraachuu taatee agarsise ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Saantiin akka jettutti wanbadoonni galaanarraa kunnneen doonii abbaan warraashee oofu hamma yaabbatanitti abbaan warraashee eenyu akka tahan hin barre ture.
Ashaariin ''maaloo natti hin dhukaasiinaa ani Musliima,'' jechuun amantii tokko isaan taasisuun kadhateen. ''Isaan booda hojjettoonni dooniichaa iddoo tokkotti akka walitti qabaman ajajaman, bilbilootisaanii hundi jalaa fudhatame,'' jechuun Saatiin dubbatti.
Wanbadummaan galaanarraa qarqara galaana Somaaliyaatti adeemu waggootaaf badee ture tasagabbii dhabuun waraana Iraaniin booda deebi'aa waan jiru fakkaata.
Hidhattoonni kunneen doonii 'Honor 25' qabachuun booda ammoo torbee lama keessatti doonii simintoo fe'e ''Merchant Vessel Sward,'' akkasumas doonii UAE biraa boba'aa fe'e 'Yureekaa' jedhamanis qabateaniiru.
Wanbadoonni kunneen doonii erga buutaniin booda naannoo gariin of bulchituufi wanbadoonni danuun keessa akka jiran amanamu Puutilaand geessu.
Humni galaanaa idil addunyaa yaaddoo akkasii erga dhaabsisee waggootiin kudhan darbanillee amma yeroo jalqabaaf wanbadooti Somaaliyaarraa akka tahan shakkaman markaboota daldalaafi hojjettoota isaanii butaniiru.
Hojjettoonni galaanarraa dooniiwwan kunneenirra turan Masrii, Hindii, Indooneezhiyaa, Paakistaaniifi Sooriyaa irraa kan deeman turan.
Humni Galaanaa Awurooppaa duula farra wanbadummaa galaanarraa hogganu, ''wanbadooti galaanarraa fi gareeleen kaan rakkoo Ulaa Hormuuzirra jiru akka carraa gaariitti ilaaluun dalagaa isaanii seeraan alaa lammata jalqabuuf taha,'' jedhe.
Wanbadoonni galaanarraa Somaaliyaa deebi'uun imalli galaanarraa addunyaa ''akkaan hamaa'' akka tahu Yunivarsiitii Paanteeyoon Ateensitti Piroofeesarri gagaaraa akkasumas UN'tti damee dhimma yakkaa hordofu kan gorsan Soofiyaa Galaanii dubbatu.
''Yaadoo warri Huutii Galaana Diimaarratti qaban akkasumas Ulaan Hormuuz cufamuurraan rakkoo naannichatti mudatu waliin yoo ida'amu galaana Arabiyaa irraa hamma Gaanfa Afrikaatti naannoo jiru sochoosuun balaa guddaa qabaata,'' jechuun yaaddoo dhufuu malu ibsu.
''Kuni dhimma kaffaltii inshuraansii fi baasii imala doonii gatii dabaluuf booda gatii oomishaa fi bittuu irratti dhiibbaa geessisa,'' jedhaniiru.
Somaaliyaatti wanbadummaan galaanarraa akkamiin jalqabe?

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Qarqarri galaanaa Somaaliyaa akkaan dheeraa taheefi wanbadummaan galaanarraa dhimmoota gargar hin baane kan tahan bara 2000 keessa ture.
Yeroos namoonni biyya alaa qurxummii qabatan lammiilee biyyattiif yaaddoo tahanii ture. Gareeleen yakkaa carraa kana fayyadaman bidiruuwwan qabachuun gadhiisuudhaafa qarshii gaafachuu jalqabuun hawaasarraas deeggarsa argataa turan.
Haleellaan wanbadoota galaanarraa raawwatu kuni sadarkaa olaanaarra kan gahe bara 2011 ture. Bara kana taateen wanbadummaa galaanarraa 237 galmaa'uu Waajirri Geejiba Galaanarraa Addunyaa ni hima.
Amajji bara 2011 wanbadoonni galaanarraa Somaaliyaa dooniiwwan 32 tahaniifi namoota 736 al tokkotti qabatanii akka ture dhaabbatichi hima.
Namoota qabaman kunneen qarshiin kaffalama taanaan galiin argamu akkaan guddaa dha. Akka Baankiin Addunyaa jedhutti bara 2005 hanga 2012tti qarshii doolaara miiliyoona 413 namoota gadhiisisuuf kaffalameera.
Taateen kuni sadarkaa olaanaarra yeroo gahetti diinagdee addunyaarratti kisaaraa doolaara biiliyoona 15 tahu dhaqqabsiiseeras jedha.
Umar Mahaammuud garee ''International Crisis Group'' jedhamu keessattu dhimma Somaaliyaa fi Gaanfa Afrikaa xiinxalu. Akka isaan jedhanitti wanbadoonni galaanarraa durumaanuu hin badne.
Gochaa isaanii akka dhaaban kan godhe ''eegdonni galaanarraa tarkaanfii humnaa fudhataa turanidha,'' jedhu.
Gama biraan garuu ''sababaooti wanbadummaan galaanarraa akka jiran godhan ammallee akkuma jiraniin jiru,'' jedhu.
Huutii waliin hidhata qabuu?
Wanbadummaan galaanarraa deebi'aa akka jiru mallattoon kan mul'ate waggaa sadii dura eegdonni galaanarraa Awurooppaa xiyyeeffannoo isaanii gara haleellaa warri Huutii raawwatanitti yeroo gargalchani dha.
Yeroo ammaa kana wanbadummaa galaana irratti raawwatuun Somaaliyaan biyya akka addunyaatti sadarkaa duraarra jirtu miti. Biyyi sadarkaa duraarra jirtu biyya saamichi muraasni itti raawwatamu kan qabdu Singaapooridha.
Humnooti nageenya eegsisan sababa waraana Iraaniin yerootti muddama keessa seenan waan taheef wanbadoonni galaanarraa haleellaa akka haaraatti jalqabaniiru.
Dhaabbanni UK Maritime Trade Oppireshion jedhamu haala qarqara galaanaa Somaaliyaatti mudataa jiru yaaddoo ''olaanaa'' kan jedhu jalatti ramadeera.
Balaan kuni gara kaabaa gara Galoo-galaanaa Edeenitti waan bal'achaa jiru fakkaata. Kunis warra Huutiifi wanbadoota galaanarraa gidduu tumsi jiraachuu hin oolu yaaddoo jedhu kaaseera.
Dooniin 'MT Yureekaa' jedhamu Bitootessa 24 buufata doonii to'annoo mootummaa Yaman jala jiru Qaanaa jedhamutti sibiila doonii utubu gatee erga dhukaasni irratti banameen booda gara Somaaliyaa geeffameera.
Dooniin kuni garee Huutii Iraaniin deeggaramuufi naannoo kaaba Yaman to'atuun dooniiwwan afur butaman keessaa isa tokko dha.
Sana'aatti qindeessaa wiirtuu qorannoo Center for Sttrategic Studies kan tahan Yaaziid al Jadawi ''taatwweean kunneen wanbadummaa galaanarraa baaqqee irra adeemsa qindaa'aa fi bal'aa tahuu akka danda'u mallattoon agarsiisu jira,'' jedhu.
''Qindoominni akkasii jiraachuun boodarra waan mirkanaa'u yoo tahe kanneen Iraan waliin hidhata qabaniif ykn warra Huutiif qarshii qofa osoo hin taane bu'aa tarsiimoo carraa argamsiisuu qaba,'' jechuun hubachiisu.
Yaaddoon imala galaanarraa irratti mudatu Yamanirra darbee bal'achuu, humna galaanaa Ameerikaan naannicharratti qabdu wal-xaxaa gochuufi dhiibbaa buufata galaanaa Iraan irratti qabu hir'isuun fa'a faayidaa argamsiisuu eeraniiru.
''Daandii galaanaa akka addunyaatti murteessaa tahan keessaa tokko taheen qaawwi nageenyaa akkasumas rakkoo hamaaf carraan saaxilamuu jiraachuu mallattoon agarsiisu jira,'' jedhaniiru.

Mallattoo rakkoo hundee jabeeffate
Rakkoon Baha Gidduugalaa keessatti mudate wanbadoota Somaaliyaaf carraa dalagaa isaanii raawwachuuf kennuun dabalataan sababa rakkoo kanaa hammeessaa jira.
''Wanbadummaan galaanarraa kan uumamu yeroo tasgabbiin hin jirre, nageenyi dhabamufi mootummaan dadhabaa rakkoo gadi fagoo yeroo qabaatu dha,'' jechuun Soofiyaa Galaaniin dubbatu.
Hongee, gargaarsi Ameerikaa adda cituu fi waraana waliin akkaan hammaate Somaaliyaatti namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman soorata gahaa hin qaban.
Waraanni Iraan ammoo biyya miya alaa galu irratti hirkattu irratti rakkoo uumeera. Haala kanaan gatiin miyootaa isa durii irraa addatti akkaan dabaleera.
Puuntilaand lafa walgahii wanbadoota galaanarraa taate keessatti ''namni baayyeen isa yaaduun caala haala hammaataarra gahuu wanbadoonni hidhatan lakkoofsi isaanii dabaluu,'' qondaaloti nageenyaa dubbatu.
Mootummaan Puuntilaand, ''wanbadummaa galaanarraa irratti duulli jabaan akka adeemsifamu,'' kan himu yoo tahu tarkaanfii kana xumuratti akka geessus himeera.

Madda suuraa, Reuters
Doonii butamee jiru
Dooniiwwan daandii galaanaa wanbadoonni irraa deemanirra darban ittisuuf qajeelfamoonni nageenyaa akka hordofan ni ajajamu.
Eegdota qacaruu dabalatee dooniiwwan kunneen irra yaabachuun rakkisaa akka tahu meeshaa taasisu akka qabaatan itti himama.
Kaapteen Ashaariin doonii MT Honor 25 yeroo qabatee deemu of eeggannoo kunneen tokkoyyuu hin taasifne ture.
Abbaan doonichaa nama Somaaliyaa Usmaan Shiree Quud ''yaaddoon irraa of eeggachuu qabna jennee yaadne homaa hin turre,'' jechuun BBCtti hime.
Yeroo ammaa kanaa dooniifi hojjettoonni akka gadhiifamaniif haasaan akka jalqabe abbaan doonii dubbataniiru.
Usmaan ''dargaggoonni maallaqa ittiin gadhiisifamu hin gaafanne. Kaayyoon keenya hokkora tokko malee mootummaan otoo gidduu hin galiin doonii kana karaa nagaan gadhiisiisuu dha,'' jedheera.
Yeroo ammaa kana lammiilee Indoonezhiyaa afur, Paakistaan 10, lammii Hindii tokko, lammii Siriilaankaa tokkoofi lammiin Maaayanmaar tokko biraan keessatti argamu. Taateen kuni biyyooti baayyee deebii akka kennan godhaniiru.
Mootummooti Masrii, Indoonezhiyaa fi Paakistaan hojjettoota doonichaa gadhiisisuuf tattaaffii gochaa jiraachuu beeksisaniiru.
Gamtaan Awurooppaa doonii butame kanarratti hordoffii itti fufee jira. Geejibni Galaanarraa UK haala amma jiruu namni miidhame hin jiru jedha.
Tahus wanbadummaan kuni hammaachuufi doonii qabame gadhiifamuufi dhiisuu isaarratti garuu odeeffannoon ifaa hin jiru jedheera.











