Yeroo waraana Iraan, Paakistaan jeettota waraanaa fi loltoota kumaatama Sa'udiif ergiteetti- Maddeen

Xiyyaarota waraanaa Paakistaan gara Sa'uditi ergitee deegaraa turte

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaarota waraanaa Paakistaan gara Sa'uditi ergitee deegaraa turte
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Paakistaan waliigaltee waraanaa Sa'ud Arabiyaa waliin qabduuf jecha yeroo Iraan Saawudii irratti haleellaa gaggeessaa turte loltoota 8,000, garee xiyyaarota waraanaa fi sirna ittisa qilleensaa gara Saudi Arabiyaatti bobbaasuu himame.

Paakistaan Ameerikaa fi Iraan araarsuuf akkuma hojjettu michuu ishee Sa'udii tiksuuf ammoo humna guddaa bobbaasuu ishee Rooyitaris gabaaseera.

Waa'een bobba'iinsa kanaa yeroo jalqabaatiif gabaafame. Qondaalota nageenyaa sadii fi maddeen mootummaa lamaas odeeffannicha mirkaneessaniiru.

Isaanis humni kun humna guddaa tahuu himuun yoo Sa'udi Arabiyaa irra weerarri biraa ga'ee fi yaaddoo guddaa jala galte biyyicha deeggaruuf akka tahe himan.

Waraanni Paakistaanii fi Biiroon miiidyaa mootummaa Sa'ud Arabiyaa dhimma kana akka mirkaneessaniif gaafatamanii deebii hin kennine.

Waliigalteen waraanaa guutuun biyyoota lamaan gidduutti bara darbe mallattaa'e.

Waa'een waliigaltichaa icciitii tahus garuu biyyoonni lameen yeroo waraanaa humna guutuun wal cina dhaabbachuuf waliigalaniiru.

Ministirri Ittisaa Paakistaan Kawajaa Asiif kana dura sa'ud Arabiyaa dibaabee nuukileeraa isaanii jalatti akka eegan himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka maddeen jedhanitti Paakistaan jeettota waraanaa 16 tahan gara Sa'ud Arabiyaatti bobbaaste. Keessumaa jeettota waraanaa JF-17 jedhamaniifi Chaayinaa wlaiin hojjetaman akka tahan himame.

Jeettonni kunneen jalqaba ji'a Eblaa keessa gara Sa'ud Arabiyaatti ergaman. Maddeen nageenya alama akka jedhanitti Paakistaan diroonota hedduus gara Sa'ud Arabiyaatti ergiteetti.

Maddeen shanan isaaniiyyuu akak jedhanitti loltoonni bobbaafaman gara 8,000 tahu. Yoo barbaachisaa tahe ni dabalama jedhameeti hagi kun jalqaqaba kan ergaman. Akkasumas sirni ittisa qilleensaa Chaayinaa HQ-9 jedhamanis Paakistaan irraa ergamaniiruuf.

Meeshaaleen waraanaa kunneen kan isaan socho'anii fi hojjetan ogeessotuma Paakistaaniin yoo tahu, baasii siaa ammoo sa'ud Arabiyaatu danda'a.

Irra caalaan loltootaa fi humna qillensaa paakistaan gara Sa'ud Arabiyaatti ergaman gorsaa fi leenjiis kan kennan turan.

Maddeen lama Rooyitarsi lama odeeffannoo biyyoonni lamaan wla jijjiiran argineerra jedhan. Sababa bobbii waraanaa kanas akak argan himaniiru.

Maddeen sadan tika irraa tahan akka jedhanitti humni waraanaa Paalistan boba'an Sa'udii ittisuuf yoo tahu biyyichuma keessa buufachuun turan.

Qondaalli mootummaa tokko icciitii waliigaltee waraanaa biyyoota lamaanii argeera jedhe ammoo yoo barbaachisaa tahe Paakistaan yeroo biyyattiin balaarra buute loltoota daangaa Sa'ud Arabiyaa kabachiisan hanga 80,000 bobbaasuuf waliigalteetti.

Maddeen biroo lamaan ammoo waliigaltichaa Paakistaan dooniiwwan waraanaa ishee akka ergituuf hammata jedhan.

Rooyitasi gabaasa isaa keessatti dooniiwan waraanaa kunneen Sa'udii gahuu isaanii hin mirkaneeffanne jedhe.

Loltoota haga kana, humna ittisa qilleensarraa hagas erguu jechuun paakistaan shaakalaa fi gorsa kennuun ol akka tahe gabaasichi eere.

Rooyitasri gabaasa isaa kana duraan yeroo Iraan buufata aannisaa Sa'udii haleeluun lammiin sa'udii tokko ajjeefame jeettota waraanaa garas erguu ibseera.

Saa'udiin haleellaa kanaaf haaloo baati jedhamees sodaatamee ture.

Kun hunduu kan tahe osoo Paakistaan jaarsummaan Iraanii fi Ameerikaa gidduu hin galiin duradha. Amma biyyoonni lameen gargaarsa Paakistaaniin waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahanii torban jaha darbeera.

Paakistaan ammas qaamolee lamaan walitti fiduun akka waliigalaniif hojjechaa jirti.

Saa'ud Arabiyaan haleellaa isheerra gahe haloo bahachuuf ergasii haleellaa adda addaa Iraan irratti raawwachuu booda kana Rooyirasi gabaaseera.

Yeroo Paakistaan raafama dinagdee keessa galtu Sa'ud Arabiyaan maallaqaaan gargaaraa turte. Paakistaan ammoo deeggarsa waraanaa Sa'udiin barbaadde kennitiifi.