Hospitaalota 100 haleellaa saayibariin mudannaan waraqaafi kobbeen lolan

Bilbilli hospitaalaa dabaree, dabareedhaan iyyaa ture; haakaroonni netwoorkii kompiitara hospitaala faaluun lubbuu namootaa balaarra buusaa turan.
Wiirtuun nageenya saayibarii Buukaarast haakarooti sooftweerii fayyaa tokko Roomaaniyaa keessaa yeroo faalan waan godhan dhabanii ilaalaa turan.
Hogganaan Saayibarii Daan Siimpiyeen murtoo jabaafi filannoo biraa hin qabne dabarsuun irra ture.
Ajaji inni dabarses hospitaalonni 100 tahan battalatti intarneetii isaanii akka addaan kutanidha.
Haleellaan saayibarii hospitaalota Roomaaniyaa irratti bara 2024 raawwate addunyaarratti qiyyaafannoo sirna fayyaa isa hamaa jedhame ture, bara kana garuu taateen kuni baay'achaa dhufeera.
Akka FBI jedhutti yeroo ammaa dhaaboti fayyaa kanneen haleellaan saayibariin akkaan irratti xiyyeefatamu keessaati.
Hospitaalota 100 Roomaaniyaa keessatti intarneetiirraa adda kutuun haakarota kan dhaabe yoo tahu, haleellaan saaybarii kuni hangam badaa akka tahe baruufis yeroo biteeraafi.
Kana jechuun meeshaan intarneetiitti quunname hin jiru, imeeliifi marsariitii banuun hin danda'amu.
Dhukkubsattoota eeguuf jecha hojjettoonni fayyaa waraqaafi kobbee qabatanii hojii isaanii itti fufan. Tuutni IT fi wiirtuun saayibarii akkatti haakaronni kunneen seenan baruufi akkatti isaan dhaaban hubachuuf tattaafachaa turan.
Bara 2024 doktarooti fi narsooti guyyaa afur guutuu waraqaafi kobbeedhaan dhukkubsataa gargaaraa turan leellifamaniiru.
Akkaataa isaan itti deebii kennan akka addunyatti yeroo balaan mudatu akkatti deebiin kennamu irratti barumsa taheera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hakiimni baqaqsanii hodhuu Onaa Goodeeskuu yeroo haleellaan saayibarii mudatu Hospitaala Buzaawuutti hojiirra turte.
''Haala akkaan namatti hin tolle ture sababiinsaa kompiitara irra kan jiru maqaa dhukkubsattootaa qofa hin turre, dhukkubsataan hundi qorannoo laaboraatorii, raajii akkasumas qoricha ajajameef fa'itu jira. Sun hundi bade,''jetti.
Hakiimonniifi Narsooti sooftweerii Hippookireetis jedhamu fayyadamuun dhukkubsattoota galmeessu, qoricha ajaju, bu'aa qorannoo walitti daddabarsu.
Warri haleellaa saayibarii raawwatan sirna sooftweerii hospitaalota keessa jiru faaluun odeeffannoon waan hiika hin qabnetti akka geeddaramu sooftweerii BackMyData jedhamu fayyadamu.
Odeeffannoo kana deebisanii kennuudhaaf qarshii biitkooyiniin kaffalamu gaafatu.
Hojjettuu fayyaa daa'immani Piteestii jedhamtutu jalqaba rakkoon kuni akka mudataa jiru kan hubate
Gaafa Wiixataa ganama sirni sooftweerii Hippookireetis jedhamu hojjetaa akka hin jirre hospitaalichi bira gahe.
Intarneetiin cufamee otoo jiruu ogeeyyiin saayibarii kanneen sooftweerii Hippookiteetis tolchan waliin tahuun sirni hangamti akka faalame baruun haakaroota keessaa baasuu jalqaban.
Hakiimonni hojii isaanii itti fufuun hamma onlaayiniitti deebi'anitti dhukkubsattoota balaarraa tiksan.
''Sirni kuni deebi'ee akka hin suphamne gatii barreef mala ooflaayiin dhukkubsataa galmeessuu jalqabne,'' jedha hojjetaan Hospitaala Bukaarast.
''Bu'aa laaboraatoriin waraqaadhaan ergamaa ture. Egzeeliifi kaan fayyadamuun hojiin wal'aansaa akka hin dhaabbanne hojjetaa turre,'' jedhe.
''Namoonni otoo haadha keessan tahee akkas gootuu nuun jedhu, aarii isaanii ni hubanna garuu waan hunda ibsuu yaalle,'' jetti.
Haakaroonni kunneen doolaara 183,000 bitkooyiniidhaan gaafatan jennaan kaffaltii kana raawwachuu dhiisuuf murtoon biyyaalessaa drabe.
Hojjettoonni IT odeeffanno deebisuudhaaf akkaan tattaafataa turan guyyaa shaniin booda odeeffannoon hospitaalichaa deebi'ee namni otoo hin du'iin, miidhaan jabaas otoo hin qaqqabiin hojiin deebi'uu jalqabe.
Odeeffannoo waraqaa irratti barreefame gara onlaayinii deebisuun jalqabame garuu kan badee hafes jira.
Haleellaa saayibarii kana duuba eenyutu jira kan jedhu poolisiin ammallee odeeffannoo hin kennine.
Haa tahu malee waggaa darbe soofetweerii BackMyData tarkaanfii idila addunyaan akka haqamu taasifame.
Dhalttoonni Raashiyaa afur Rasshiyaan ala to'annoo jala oolanii qondaaloti biyyattii seera raawwachiiftuu biyyoota Lixaa waliin tumsa hin godhan.
Simpiyaan haleellaa saayibarii kuni eessattiyyuu mudachuu danda'a jedhe,
Nageenya saayibarii irratti kan hojjetu dhaabbati Bukaarest hospitaalonni yakkamtoota jeequmsa uumuun qarshii hojjechuu barbaadaniif hawwataa dha jedhe.












