Gaaliibaaf marii Ameerikaa waliin taasifamaa jiru ilaalchisee qabxiiwwan sadii kaa'aniiru.
Inni jalqabaa: "Waliigaltee irra kan gahamu haasaadhaan osoo hin taane, misaayiloota keenyaani. Haala mariiwwan sana keessatti nuti gochaa turres kana kan ibsuu dha" jedhan.
Qabxiin isaanii lammaffaan immoo, marii sana keessatti wal-amantaa dhabuu gama lamaan gidduu jiru kaasuun: "Wabii fi jechoota hin amannu; madaallii tokkichi gocha dha. Gamni sun waan irraa eegamu utuu hin raawwatin tarkaanfiin kamiyyuu hin fudhatamu" jechuun, tarkaanfiin jalqabaa gama Ameerikaatiin ta'uu akka qabu akeekan.
Torban kana keessa hogganaan garee kanaa kan biraan sadarkaa hoggansaa olaanaarra ture Mohammad Oodeeh haleellaa Israa'eeliin haadha warraa fi ijoollee isaa lama waliin ajjeefameera.
Kana malees, ajajaan muummee Birgeedii Qasam kan garee waraanaa Falasxiin, Iiz Al-diin Al-Hadaad, torbanoota dura haleellaa raawwatameen ajjeefameera.
Mana aanga’aa duraanii CIA keessatti amooleen warqee dolaara miliyoona 40 baasu argame
Dhimma kana Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp ammatti kan
hin mirkaneessine yoo yoo ta’u, miidiyaan Iraan ammoo waliigalteen kun ammallee
hin xumuramne jechaa jiru.