Dubartiin UStti summii ajjeesu si'a lama waraanamtee du'arraa hafte dubbatte

Madda suuraa, Maatii isheerraa
Ameerikaatti dubartiin murtoo du'aa irratti darbee guyyaan ajjeefamtu geenyaan summii ajjeesu lilmoodhaan yeroo lama waraanamtee lubbuun hafte mana yaalaatti of baruu abukaattonni ishee dubbatan.
Yaalii ajjeechaa isheerratti godhame irraa ooltee mana yaalaatti erga yaalamtee of baruu fi dubbachaa jiraachuu himan.
Kiristaa Paayik jedhamti. Umuriin ishee waggaa 50. Hospitaalatti harki ishee akkuma walitti hidhametti, achuma siree hospitaalaa irratti gadi hidhamuun yaalamaa turtee amma of baruu himan abukaattonni ishee.
Garuu akka yaaliin ajjeechaa ishee irratti raawwatee akkas taate hin yaadattu jedhan.
Dubartiin kun umurii ishee waggaa 18 yeroo ture jaalallee ishee ajjeesuun himatamtee duuti itti murame.
Kun bara 1995 yoo tahu, amma umuriin ishees waggaa 50 guute.
Fulbaana 30 irbaata ishee dhumaa nyaattee akka ajjeefamtu itti himame. Nyaata didde.
Booda summii ittiin ajjeesan yeroo ishee waraanan of wallaaltee garuu lubbuun keessaa hin baane. Sanuu yeroo lama waraanan. Namni summii ajjeesu kana lilmoon waraanamee lubbuudhaan hafeeru hin jiru.
Isheen nama jalqabaati. Haati jaalalleeshee duraanii ajjeeste jedhamtee akka isheen ajjeefamtuuf dhiibbaa gochaa turte.
Kiristaa Paayik waan du'uu diddeef mana yaalaa geeffamtee yaala argachaa turte.















