Paayiletiin jeettii waraanaa US sa'aatii 50'f gaarreen Iraan keessatti danqame waan isa mudate hima

Madda suuraa, CBS
Balaliisaan jeettii waraanaa US xayyaarri waraanaa inni keessa ture ji'a Eblaa darbe Iraan keessatti haleelamee caccabe waa'ee mudannoosaa yeroo jalqabaaf miidiyaatti dubbateera.
Koloneelli Humna Qilleensaa US nageenyasaaf jecha maqaansaa dhokfame kun ergama waraanaa "Dude 44 Bravo" jedhamu bahachuuf ture waahilasaa tokko walin jeettii waraanaa ammayyaa F-15E jedhamtu yaabbatanii halkan walakkaa kan bobba'an.
Jeettiin kun namoota lama kan qabattu yemmuu taatu, balaliisaan jeettichaa Aalfaa, qondaalli sirna meeshaa waraanaa teessoo gara duubaarra taa'ee turemmoo Biraavoo ture.
Qondaalli sirna meeshaa waraanaa paaraashuutiinsaa misaa'ela Iraan gateettiirraa dhukaafamuun haleelame Biraavoon sa'aawwan 50'f gaarreen Iraan keessatti danqamuuf dirqame.
"Al tokko ol jedhee yemmuun ilaalu paaraashuutiin hinjiru, wanta baay'ee sodaachisaa jireenyakoo keessatti arge ture" kan jedhu Biraavoon, "Yaa Waaqa akka fedha keetii yaa ta'u. Yoon kanarraa hafe garuu gargaarsi na barbaachisa" jedhee uumaasaa kadhachuusaa hima.
Saffisa sa'aa tokkotti kilomeetira 113-161 ta'uun samiirraa gara lafaatti furguuggamee kan kufe qondaalli kun, dugdi, irreefi gateettiinsaa cabeera.
Haala kana keessa ta'ees gargaarsi kan qaqqabeef guyyoota lama booda ture. Muddannoosaa kanas "raajii bara ammaa" jechuun ibseera.
Ergama 'Dude 44' Iraan keessaa, maaltu uumame?
Waraanni Iraan erga eegalee hanga ammaatti waraanni US balalliiwwan ergama waraanaa 13,000 taasisuusaa humna waraanaa US Baha Giddugaleessaa kan hogganan Admiiraal Biraad Kuuppar.
Ergamni 'Dude 44'f kennamee tures halkan Ebla 2, 2026 dhiyeenya gaarreen naannoo kibba magaalaa Isfaahaan argamanitti haleellaa akka raawwatuuf ture. Iddoon kun dhiyeenya iddoo Iraan omisha niwukilaraa sadarkaa olaanaan gabbate itti olkaawwattettis argama.
Admiiraal Kuuppar akka himanitti kaayyoon ergama 'Dude 44' dhaabbilee indaastirii sagantaa dirooniifi misaa'elaa Iraaniin walqabatanirratti haleellaa raawwachuu ture.
Haa ta'u malee jeettiin waraanaa F-15E gatiinshee doolaara miliyoona 30 ta'efi Aalfaafi Biraavoon keessa turan misaa'ela gateettiirra kaa'amee dhukaafamufi gatii doolaara kuma 100 qabun rukkutamte.
Aalfaafi Biraavoon akkamiin lubbuun hafan
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Haalli wayita misaa'elli Iraan jeettii waraanaa keessa turan haleelu "akka waan baabura meeshaa fe'uun rukkutamuuti" jechuun Biraavoon ibsa.
Ergasiis innifi Aalfaan jeettittii oolchuuf tattaaffii cimaa gochuusaanii kan himu Biraavoon, jettittiin baraaramuu akka hindandeenye yemmuu baran keessaa utaalanii bahu hima.
Jeettittii keessaa utaalee erga bahee booda kan baraarame Aalfaan gara hojii idileessaatti deebi'uun Humna Qilleensaa US'f jeettii balaliisaa jira.
Haa ta'u malee paaraashuutiinsaas kan miidhame Biraavoon iddoo Aalfaan itti qubatee kilomeetiroota 8 fagaatee lafa dhahe.
"Miidhameen ture, haa ta'u malee wantoota numudatan akka dandamannufi irra aannu leenjineerra" kan jedhu Biraavoon, "osuman miidhamee jiruu iddoon itti qubadherraa hatattamaan gara iddoo biraa socho'e" jedha.
Halkaniin iddoo inni hinbeekne kan qubate Biraavoon, hanguma bari'aa deemu naannoo itti ture baruusaa hima.
"Iddoo itti turre sululawwan gammoojiifi halayyaawwan dhagaa ajaa'ibsiisoo ta'antu jira. Anis sululawwan kunneen keessaa isa tokko keessattin of arge" jedha.
Sana boodas iddoon nageenyasaaf gaarii ta'e gara tabbaatti olbahuu akka ta'e kan himu Biraavoon, gara fiixee tabba dheerina meetira 2,100 ta'u qabutti bahe.
"Kaka'umsa dhabuun haalli Televiziyoona Iraan irratti mul'attu akka uumamuuf gonkumaa heeyyamuu hinqabdu" jechuunis hima.

Madda suuraa, Getty Images
Deebii angawoota US
Ministira Waraanaa US kan ta'an Pit Hegset halkan keessa ture jeettiin waraanaa biyyasaanii rukkutamee caccabuusaa kan dhagahan.
Battalumattis nageenyummaa balaliistota jeettichaafi wanta uumame Iraan beekuushee gaafachuun gara tarkaanfii itti aanutti seenuusaanii Pit Hegset himu.
"Lubbuun yaa jiraatanis yaa dhiisanis dhaqnee isaan fidna" jechuunis dubbatan.
Haata'u malee, suuraawwanfi viidiyoowwan jeettii caccabee miidiyaalee Iraaniin tamsa'uun cinatti viidiyoowwanfi suuraawwan wayita gareewwan hidhatan balaliistota jeetichaa barbaadan agarsiisanis qoodamuu eegalan.
Akka maddeen waraana US'tti Iraanonni iddoo Biraavoon itti turerraa fageenya meetira dhibba muraasa qaqqabanii turan.
"Waqtii yeroo walin morkii keessa seenee turretti" waraanni US sochii Iraanonni naannichatti taasisaa turan itti dhiyeenyaan hordofaa ture jechuun Admiiraal Kuuppar himaniiru.
Hojii baraaraa walxaxaa
Jeettiin waraanaa US, Iraan keessatti erga caccabe sa'aatiiwwan jaha booda ture US duula baraaraa guyyaa keessa adeemsifteen balaliisaa xayyaarichaa (Aalfaa) kan baraarte.
Duula baraarsaa guyyaa keessa adeemsifame kanaan helikoptaroonni waraanaa US dhukaasa humnootii Iraan keessummeessaniiru.
"Seennee hanga baanuutti lola qawweetu ture" kan jedhan Hegset, "garuu Aalfaa baraaranii deebi'aniiru" jedhan.
Haa ta'u malee humni balaliistota jeettichaa baraaruuf bobba'e Biraavoo argachuu hindandeenye ture.
Haa ta'u malee wayita dukkanaa'u Biraavoon ergaa "Waaqayyo Gaariidha" jedhu gara manaatti erge. Dabalataan miidhamuusaa, garuummoo socho'uu akka danda'u waraana US beeksise.
Garuummoo yeroo sanatti isa baraaruuf haalli mijataan waan hinturreef Biraavoon sa'aawwan dabalataa 24'f achuma gaarreen Iraan keessa akka turu murteessuussaanii Ministirri Waraanaa US, Pet Hegset himu.
Biraavoon bishaanfi midhaan malee, bubbeefi qorra gaarreen gammoojjii Iraan dandamatee guyyaa dabalataa tokkoof ture.
Yeroo kanatti Ejansiin Basaasaa Ameerikaa /CIA/ duulawwan humnootii Iraan Biraavoo barbaadaa turan dogongorsan gaggeessuun cinati tekinoloojii icciittin eegametti fayyadamuun iddoo Biraavoon itti ture adda baafate.
Baraarsa Biraavoof karaa banuufis xayyaaronni waraanaafi dirooniiwwan US, Humnoota Eegumsa Warraaqsaa Iraan dhiyeenya iddoo Biraavoon itti dhokatee turetti argaman haleelan. Sana boodas Biraavoo baraaruuf hojiin eegalame.
Haaluma kanaan miseensonni waraana Ameerikaa 90 ol ta'an waggoota 46 booda yeroo jalqabaaf dachii Iraanirra qubatan. Namoonni dhibbaan lakka'aman qilleensarraa kan turan yemmuu ta'u, kumaatamaan kan lakka'aman immoo ergama baraarsaa kana deeggaruun gahee bahataniiru.
Humni US Biraavoo baraaruuf bobba'e xayyaarawwan barbaachafi baraaruu gurguddaa lamaan gammoojjii Iraan keessa qubatan. Sana boodas helikoptaroota xixxiqqoo lama gara Biraavootti ergan.
"Guyyoota gurguddoo jireenyakoo keessaa isa tokko"
Gammoojjii Iraan keessa tabba tokkorratti guyyoota lamaaf haala rakkisaa keessa kan ture Biraavoon, namoota isa baraaruuf dhufan yemmuu argutti "Guyyoota gurguddoo jireenyakoo keessaa isa tokko" jechuun dubbate.
Haa ta'u malee Biraavoon namoota isa baraaruu dhufaniin erga walargee booda rakkoon biraa uumame. Goommaan xayyaarota gurguddoo Biraavoo baraaruu dhufanii cirracha gammoojiitti rakkachuusaaniin xayyaaronni lamaan balali'uu dadhaban.
Booda garuu gareen Humna Qilleensaa Ameerikaa icciittiin hojjetu iddicha qaqqabuun hundi isaanii iddichaa kaafaman.
Itti aansuunis tekinoloojiinshee harka Iraan akka hinseenneef jecha US xayyaarota lafatti rakkatanii hafan lamaan kan tokkon tokkonsaanii doolaara miliyoona 100 baasanfi helikoptaroota xixxiqqoo Biraavoo baraaran barbadeessiteerti.



















