KALLATTIIN, Raashiyaan battala MM duraanii UK fi aanga'oonni olaanoo Awurooppaa biroo achii ba'an buufata baaburaa Yukireen haleelte

Dirooniin Raashiyaa battaluma Ministirri Muummee duraanii UK Booris Joonsan fi aanga'oonni Awurooppaa biroo achi keessaa ba'anitti buufata baaburaa Yukireen haleele.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Huutiin Baab El-Mandab to'achuu hordofee gatiin boba'aa $3'n dabale

    Wiirtuu gabaa boba'aa addunyaa

    Madda suuraa, .Image source,

    Gabaasni hidhattoonni Huutii Baab EL-mandab to'achuufi daangaa Sa'ud Arabiyaa keessatti haleellaa gaggeessan jedhu dhaga'amuu hordofee gatiin boba'aa gabaa idil-addunyaarratti dolaara sadii oliin dabale.

    Jikiti boba'aa Bireent gatiin barmeela tokkoo Wixata ganama $108.20 gatii ta'een kan gurgurame yoo ta'u, kun ammoo gatii duraan turerratti $3.60 dabaluu agarsiisa.

    Dabaluun gatii kun kan dhufe akkuma torban darbee walitti bu'insi haaraan Iran fi Ameerikaa gidduutti mul'atee miti.

    Haleellaa Huutiin bu'uura misoomaa boba'aa Sa'ud Arabiyaa irratti raawwateen Riyaad oppereeshinii boba'aa karaa toora "East-West" dabarsiitu dhaabuushee hordofeeti.

  2. Raashiyaan battala MM duraanii UK fi aanga'oonni olaanoo Awurooppaa biroo achii ba'an buufata baaburaa Yukireen haleelte

    MM duraanii UK Boorsi Joonsan

    Madda suuraa, Global Images Ukraine via Getty Images

    Dirooniin Raashiyaa battaluma Ministirri Muummee duraanii UK Booris Joonsan fi aanga'oonni Awurooppaa biroo achi keessaa ba'anitti buufata baaburaa Yukireen haleele.

    Haleellaa diroonii buufata baaburaa Yukireen Yaahodiin jedhamu keessatti raawwatameen motorri baaburaa rukkutamus lubbuun darbuun gabaafame kan hin jirre yoo ta'u, imaltoonni hunduu achi keessaa baafamuu aanga'oonni Yukireen himaniiru.

    Joonsan fi gorsitoonni nageenyaa olaanoo Awurooppaa konferensii Kiiv keessatti gaggeeffamaa ture irratti hirmaachaa turaniin yeroo deebiyanitti baabura biraatiin toora haleellaa kun itti raawwatame keessa darban.

    Raashiyaan "bu'uuraaleen baaburaa" lixa Yukireen keessa jiru haleeluu himtus, kampaniin baaburaa mootummaa Yukireen garuu "qiyyaafannaan diroonii kanaa baabura dippilomaatonni keessa turan ta'uu danda'a" jedhan.

    Baabura karaa buufata Yaahoodiin darbaa ture biroo keessa kan ture hoganaan duraanii CIA Daavid Patiraahus, taateen kun "rifaasisaadha" jedhe.

    Gaaffiisi deebii New York Times waliin taasiseen Daavid Patiraahus, "kun gochu gaggeessaan bulguu ta'e lammilee nagaa Yukireen shororkeessuuf raawwatudha," jedhe.