Volkaanoon Indooneezhiyaatti mudate balalii imaltoota 170,000 danqe

Ibsa waa'ee viidiyoo, Watch: Lava fountain and ash cloud as Indonesia volcano erupts
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Volkaanoo Indooneezhiyaatti mudateen qondaaloti biyyattii buufataaleen daandii qilleensaa saddeet yeroof hojii akka dhaaban ajajuun booda imaltoonni 170,000 danqamanii jiru.

Buufati Xiyyaaraa Jaakaartaa Sooyekaarnoo Dilbata ganama cufamuun kan jalqabaa yoo tahu kunis daaraan volkaanoo naannoo Anaak Kaarakaataawu irraa dhufu naannoo buufatichaatti qilleensarratti mul'achuun booda dha.

Ministeerri geejibaa buufatni xiyyaaraa hamma Wiixata ganama sa'atii 03:00 cufamee waan turuuf balaliiwwan 1,558 boodatti harkifatu jedheera.

Voolkaanoon kuni Jimaata waaree booda dhohuu kan jalqabe yoo tahu walitti fufiinsaan sochii lafaa uumaa, laavaan yaa'aa fi sagaleen dhuka'uu naannichatti dhagahamaa ture.

Dilbata ganama volkaanoon al lama mudachuu qondaaloti himaniiru.

Volkaanoo socho'aa

Madda suuraa, EPA

Ministeerri geejibaa akka jedhetti hojiin balalii ijoo kan danqame kan Singaapoor deemuuf fi dhufu dha. Balaliiwwan biroo Dohaa, Sidnii fi Kuwaalaa Luumpuur deemanis danqamaniiru.

Ministarri geejjibaa Duudii Puurwaagaandii buufataalee xayyaaraa kana yeroof cufuun kan murtaa'e daaraan volkaanoo kanaa gara lixa magaalaa Jaavaa dhufaa jiraachuun baramuun booda dha.

Daandileen xiyyaaraa kaffaltii imaltoonni balaliif baasanii garuu jalaa haqamee hojiin qarshii isaanii deebisuu akka saffisuuf gaafataniiru.

Kana malees balaliiwwan kana booda raawwataniif ammoo odeeffannoo yeroodhaan akka kennaniifi buufata xayyaaraatti namni baay'achuu akka hanqisan gaafateera.

Dhaabbanni meetiroolojii Indooneezhiyaa akka jedhetti daaraa volaakaanoo kanarraa bahu hamma meetira 6,000 kara baha Jaavaan tamsa'uufi gama lixaan ammoo hamma meetira 15,000 yaa'uu ibseera.

Imaltoota buufata xiyyaaraa Jaakartaatti danqamanii jiran

Madda suuraa, Getty Images

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Qondaaloti biyyattii akka jedhanitti volkaanoo kanaan walqabatee akeekkachisni sunaamiin uumamuu danda'a jedhu akka hin jirre himaniiru.

Ministeerri fayyaa gama biraan jiraattonni iddoo volkaanoon kuni uumame jiran mana akka hin baaneefi maaskii fuulatti haguuggachuun ija, gogaafi qaamolee hargansuu isaanii akka eeggatan akeekkachiiseera.

Akka gaazexaan biyya keessaa Koompaas jedhamu ibsetti barattoonni iji isaan hoqsiisuun booda manneen barumsaa gaafa Sambataa cufamaniiru, namoonni quruxummii kiyyeessanis akkasuma sababa aara volkaanoo kanaan iji isaan dhukkubuu himan.

Volkaanoon Anaak Karaakaatawuu jedhamu hiiktisaa Ilmoo Karaakaatowaa jechuu yoo tahu jalqaba jaarraa darbe irratti galaana keessaa dhohuun booda volkaanoo kuni ammallee sochiitti jira.

Voolkaanoodhumti kuni bara 2018 Sunaamii uumuun namoonni 400 ol du'anii, kaan ammoo qe'eerraa buqqa'aniiru akkasumas kumaatamni madaa'aniiru.

Dhakaa caccabaa volkaanoo kanaa meetira 70 hanga 90 dheeraturraa jige saayintistonni argatanii ture.

Volkaanoofi kirkira lafaa naannoo Garba Paasifikitti kan uumamu yoo tahu fiixee Kibba Ameerikaa irraa ka'ee hamma Neew Ziilaanditti km40,000 adeemuu danda'a.

Kirkirri lafaa harka 90 tahu fi volkaanoon socho'aa harka 75 naannoo kanarraa mudata.