Humni waraanaa US haleellaa haaraa Iraanirratti gaggeessuu beeksise
US haleellaa haaraa Iraan bakkeewwan garaagaraa irratti xiyyeeffachuun gaggeessuu beeksiste.
Gama biraan ammoo Tiraamp "Iraan adaba yoo godhatte isheef wayya" jechuun akeekkachiise.
Ajaji Giddugaleessaa US bu'uuraalee waraanaa Iraan haleeluu ibse. "Dandeettiwwan waraanaa Iraan kanneen imala dooniwwan daldalaa Ulaa Hormuuz irratti taasisan danqan" irratti haleellaa raawwachuu ibse.
Iraan gamasheen, buufataalee waraanaa US Bahagiddu galaa keessa jiran, keessumaa Bahreenifi Kuweet jiran haleeluu beeksifte.
Af-yaa'ii paarlaamaa Iraanifi biyyattii bakka bu'uun US waliin mariyataa kan turan Mohaammad Ghalibaaf, miidiyaa biyyattii akka himanitti, Tehraan kana booda waliigaltee US waliin waliif galte sababni kabajjuuf hin jiru.
Iraan torbee dhufu mariitti hin deebitu taanan bu'uuraalee misoomaashee kanneen akka buufataalee humna ibsaafi riqichawwan gurguddaa irratti haleellaa gaggeessuuf Tiraamp itti dhaadatee ture.
Biyyoonni lamaanuu walitti aansuun guyyaa shanaffaaf haleellaa walirratti gaggeessaa jiru.