KALLATTIIN, US Tehraan dabalatee bakkeewwan Iraan heddurratti haleellaa gaggeessuu beeksiste

Humni Waraanaa US Iraanirratti haleellaa cimaa gaggeessuu beeksise; Tiraamp ammoo Iraan "adaba yoo godhatte isheef wayya" jechuun akeekkachiise.

Guduunfaa

Tehraan dabalatee bakkeewwan Iraan heddurratti haleellaa gaggeessuu beeksiste

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Humni waraanaa US haleellaa haaraa Iraanirratti gaggeessuu beeksise

    Xayyaara waraanaa

    Madda suuraa, Getty

    US haleellaa haaraa Iraan bakkeewwan garaagaraa irratti xiyyeeffachuun gaggeessuu beeksiste.

    Gama biraan ammoo Tiraamp "Iraan adaba yoo godhatte isheef wayya" jechuun akeekkachiise.

    Ajaji Giddugaleessaa US bu'uuraalee waraanaa Iraan haleeluu ibse. "Dandeettiwwan waraanaa Iraan kanneen imala dooniwwan daldalaa Ulaa Hormuuz irratti taasisan danqan" irratti haleellaa raawwachuu ibse.

    Iraan gamasheen, buufataalee waraanaa US Bahagiddu galaa keessa jiran, keessumaa Bahreenifi Kuweet jiran haleeluu beeksifte.

    Af-yaa'ii paarlaamaa Iraanifi biyyattii bakka bu'uun US waliin mariyataa kan turan Mohaammad Ghalibaaf, miidiyaa biyyattii akka himanitti, Tehraan kana booda waliigaltee US waliin waliif galte sababni kabajjuuf hin jiru.

    Iraan torbee dhufu mariitti hin deebitu taanan bu'uuraalee misoomaashee kanneen akka buufataalee humna ibsaafi riqichawwan gurguddaa irratti haleellaa gaggeessuuf Tiraamp itti dhaadatee ture.

    Biyyoonni lamaanuu walitti aansuun guyyaa shanaffaaf haleellaa walirratti gaggeessaa jiru.

  2. Akkam bultan!

    Tamsaasa keenya eegallee jirra!

    US haleellaa Iraanirratti gaggeessitu ittuma fuftee jirti. Tehraanis deebii kennuu hin dhiifne.

    Odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa karaa marsariitii, facebook, Youtube, TikTok, fi WhatsApp BBC Afaan Oromoo hordofaa.

    Dhiyaadhaa!