Tiraamp Hormuuz yeroo dhihootti hin banamu taanaan 'haleellaa cimaatu' Iraan mudata jechuun dhaadate

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Ulaan Hormuuz yeroo dhihootti hin banamu taanaan haleellaa hamaan Iraan mudata jechuun dhaadateera. Tiraamp akeekkachiisa kana kennuu dura gatiin boba'aa gadi bu'uu ture. Qataar ammoo mariin nagaa US fi Iraan haala gaariin deemaa jiraachuu ibsiteetti.

Guduunfaa

  • Tiraamp Hormuuz yeroo dhihootti hin banamu taanaan 'haleellaa cimaatu' Iraan mudata jedhe
  • Qataar mariin US fi Iraan haala abdachiisaarra jiraachuu ibsite
  • Omaan fi Iraan dhimma bulchiinsa Ulaa Hormuuz irratti waliigalteetti dhihaataniiru
  • Gamtaan Awurooppaa daangaarratti eegumsi cimaan akka taasifamu waamicha dhiheesse
  • Gamtichi kana kan dhaame erga godaantonni kumaatamaan lakkaa'aman gara daangaa Ispeen seenuun, hedduun lubbuu dhabaniiti
  • Heerri Itoophiyaa amma jiru adeemsa maalii keessa darbee qophaa'e?
  • Waliigalteen Ulaa Hormuuz banuuf dandeessisu Roobii akka mallattaa'u qondaalli US ibse
  • Odeessaalee keenya karaa Marsariitii (Website), YouTube, Facebook, WhatsApp argachuu dandeessu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Naayijeeriyaan loltootasheef mindaa %80 dabaluuf murteessite

    Loltoota Naayijeeriyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Boolaa Tinuubuu mindaan loltoota biyyattii %80 akka dabalamuuf ajaja dabarsan.

    Daballiin mindaa kun ji'a tokko keessatti si'a lammaffaaf kan taasifame yoo ta'u, humni waraanaa biyyattii humnoota yaaddoo nageenyaa ta'an loluurratti milkaa'ina guddaa argamsiisaniif "galafeechuufi" jedhan Pirezidaant Boolaan.

    Ji'a Adoolessaa keessa Ministeerri Ittisaa biyyaattii loltoota gulantaa gadiirra jiraniif daballii taasisee ture.

    Dabalataan amma daballiin mindaa %80 akka taasifamu pirezidaantiin biyyattii ajaja dabarsaniiru.

    Pirezidaant Boolaa Tinuubuu loltoota biyyattiif mindaa dabaluunsaanii, yaaddoo hidhattoonnifi 'baandawwan' nama butuun yakka garaa garaa raawwatan dura dhaabbachuuf hamilee loltootaa kakaasufi jedhame.

    Biyyattii keessatti yaaddoo hidhattoonni garaa garaa uumaa jiran dura xiqqeessuuf, Pirezidaant Boolaa Tinuubuu ji'a darbe loltoonni dabalataa 28,000 akka leenji'an ajajuun kutaan waraanaa haaran afur akka ijaaramus ajajanii ture.

  2. Tiktookarri beekamaan tamsaasa kallattiirra osoo jiruu ajjeefame

    Siizaar Gestelam

    Madda suuraa, nstagram/César Gastélum

    Meeksikootti namni miidiyaa hawaasaa irratti dhiibbaa uumuun beekamu tamsaasa kallattiirra osoo jiruu rasaasan rukutamee ajjeefame.

    Siizar Gastelam TikTok irratti qabiyyee hojjachuun kan beekamu yoo ta'u, hiriyootasaa lama wajjin osoo mana nyaataa cinaatti viidiyoo waraabaa tamsaasa kallattiira jiruu rasaasan dhahamee ajjeefamuu ibse poolisiin.

    Namni kun TikTok irratti hordoftoota walakkaa miliyeenaa ol kan qabu yoo ta'u, viidiyoowwan qoosaa fa'aa hojjachuun beekama.

    Meeksikoo keessatti kanneen qabiyyee miidiyaa hawaasaa hojjattan tamsaasa kallattiirra osoo jiranuu ajjeefamuun kun kan jalqabaa miti.

    Bara darbees dubartiin ganna 23 Valeeriyaa Maarkuweez jedhamtu, mana miidhaginaashee keessatti TikTok irratti kallattiin osoo vidiiyoon haasa'aa jirtuu rasaasaan rukutamtee ajjeefamte.

    Ajjeechaa miilanaa kanaan wal-qabatee poolisiin hanga ammaa shakkamtoota hin to'anne jedhame.

  3. US fi Iraan "marii gaarii gaarii gaggeessaa jiru" jedhe Tiraamp

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp bulchiinsi isaa Iraan waliin marii gaggeessaa akka jiru ibse.

    Maddi oduu Rooyitars akka gabaasetti, Kibxata biyyoonni lamaanuu marii guyyaa guutuu gaggeessaa oolan.

    Tiraamp "Iraan waliin marii baay'ee gaarii gaggeessaa jirra" jechuun waraana ji'a shan ture waliigalteen xumuruu akka danda'u akeekuusaa dubbate.

    Biyyoonni lamaan mariitti deebi'uu hordofee Ulaan Hormuuz banamuurratti waliigalteen ni taasifama abdii jedhuun gatiin boba'aa addunyaa yoo gadi bu'u, gabaan istookii biyyoota Eshiyaa ol ka'eera.

    USfi Iraan marii gaarii gochaa jiraachuusaanii Tiraamp kan dubbate, turtii miidiyaa Fox News waliin taasiseen yoo ta'u, Iraan yeroo dhiyootti Ulaa Hormuuzis akka bantu beeksise.

    "Guyyaa guutuu mariyataa turan," jechuun Ulaan Hormuuz "yeroo dhiyootti banama" jedhe.

    Iraan marii kanaan waliigalteerri hin geessu 'qiyaamaa itti buusna' jedhe.

    "Ammas marii kanarraa yoo boodatti deebi'an, haleellaa guddaa irratti raawwanna," jedhe.

  4. 'El Nino'n namoota dabalataa miliyoona 49 beela hamaaf saaxiluu danda'a' - UN

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, 'El Nino'n namoota dabalataa miliyoona 49 beela hamaaf saaxiluu danda'a'

    Jijjiiramni qilleensaaEl Nino hamaan kutaalee addunyaa saaxilamoo ta'anitti dhuma bara kanaatti namoota dabalataa miliyoona 49 beela hamaaf saaxiluu danda'a jedha Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP).

    Ejensii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan ta'e WFP akka jedhetti carraan taateen El-Nino baay'ee hamaan mudachuu 81% yoo ta'u, ho'iinsi bara 1982 as sadarkaa mul'atee hin beeknetti olka'uu danda'a, kun immoo taatee akka malee ho'uu garba paasifikii haala qilleensaa addunyaarratti dhiibbaa uumuun, Kibba Afrikaatti hongee hordofsiisu dha.

    Taateen kun Eeshiyaatti taatee moonsuun tursiisuu (rooba waqtiisaa eeggatee tursiisuu) yoo ta'u, bakka kaanittimmoo rooba waqtiisaa hin eegganne hordofsiisa.

    "Taateewwan kunneen asiin dura beela babal'aa hordodfisiisanii jiru," jedhan Sagantaa Nyaataa Addunyaatti daayireektarri Wabii Nyaataa fi Xiinxala sirna nyaataa Jean-Martin Bauer.

    Akkaataa xiinxala biyyoota 45 taatee El-Niinoo'f saaxilamoo ta'aniitti, WFP akka raageti baay'inni namoota hanqina wabii nyaataa muddaaf saaxilamuu danda'anii miliyoona 49'n ol ka'uu danda'a. Kun walumatti baay'ina nmaoota saaxilamanii miliyoona 274'n gaha. Kun baay'ina namoota durumaa hanqina wabii nyaataa qabanii 22%'n dabala jechuu dha.

    Ameerikaa Giddugaleessaa fi Afrikaa Kibbaa kutaalee akka malee El-Niinoo'n rukutamuu danda'ani. Baay'inni namoota rakkina wabii nyaataaf saaxilamanii Ameerikaa Giddugaleessaatti 83%'n Afrikaa Kibbaatti immoo 75%'n dabaluu danda'a jedha WFP.

    Balaa El Niinoo Itoophiyaaf yaaddo tahe dubbisuuf;

  5. Kaalifoorniyaatti namni meeshaa waraanaa hidhachuun naannoo kileba golfii Tiraampitti argame to'atame

    Kileba Golfii Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Kileba Golfii Tiraamp

    Qondaalonni Kaalifoorniyaa namicha hidhatee naannoo kileba golfii Doonaald Tiraampitti argame to'atan.

    Namni Jiinaayin Teelee jedhamu shugguxii fi rasaasa seeraan alaa hidhatee naannoo kileba Tiraamp Tiraamp Naashinaal Golfi Koorsi jedhamutti argame.

    Akka jedhametti namni kun dirree kileba golfii Tiraamp keessa deemuun suuraa kaasaa, viiidiyoo waraabaa ture.

    ''Haala eegumsaa fi nageenya naannichaa qorataa kan jiru fakkaata'' jedhe manni murtii.

    Namni kun kan to'atame Sanbata darbe. Tiraamp ammoo afeerraa irbaataa Kaalifoorniyaatti qopheessuun har'a paartii Rippabilikaaniif galii walitti qaba.

    Shakkamaan meeshaa waraanaa qabachuun seeraan dhorkaa tahe waliin naannichatti argamuu qondaalonni himan.

    Kan inni to'atame ammoo erga qaamni nageenyaa uffata siiviliin turan sochii nama kanaa arguun gabaasa godhaniiti.

    Poolisoonni yeroo to'annoo jala isa oolchan magaazana rasaasa 16 qabatuu fi shugguxii rasaasni afaan buufame argan.

    Namni kun naannoo El Segundo jedhamutti yakka saamichaan shakkamee barbaadamaa ture. Poolisiin erga to'atees durumaanuu akka barbaadamaa ture adda baase.

  6. Gareen oppireetaroota misaayelootaa Kooriyaa Kaabaa Lixa Raashiyaatti bobbaafaman

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Misaayela Kooriyaa Kaabaa

    Gareen oppireetaroota misaayelootaa Kooriyaa Kaabaa Lixa Raashiyaatti bobbaafaman.

    Gareen kun misaayeloota baalistikii 120 fi laawuncharoota jahaa waliin Yukireenirratti haleellaa raawwachuuf bobbaafamuu qondaalli caasaa tika waraanaa Yukireen tokko hime.

    Yukireen hanqina meeshaalee ittisa haleellaa qilleensaa ol ka'iinsa olaanaa qabdi. Raashiyaan immoo hanqina kana fayyadamuun misaayeloota baalistikii hedduu fayyadamaa turteerti. Isaan kunneen qolachuuf baay'ee rakkisoo dha.

    Raashiyaan bara 2023 kaasee misaayeloota baalistikii Kooriyaa Kaabaa hedduu Yukireen irratti furgugsiteerti. Fayyadamni misaayeloota humnoota Kooriyaa Kaabaa kun tumsa waraanaa Mooskoo fi Piyoongiyaangi babala'chuu agarsiisa.

    Daarektoreetiin Muummee TikaaYukireenAndrii Cherniak Raashiyaan garee misaayelootaa Kooriyaa Kaabaa namoota 90 hammate naannoo Lixa Raashiyaa Voronezh, Birgeedii ishee 112ffaarra qubsiisuuf karoora qabdi jedhan.

    Piyoongyaang humna haaraa misaayelootaa 40 KN-23 fi KN-24 fi loltoota Raashiyaaf ergiteerti, garuu ramaddiin bobbiifi baay'inni isaanii sadarkaa qondaalota olaanootti ji'a itti aanu murtaaya jedhan.

    Raashiyaan gareen misaayeloota baalistikii 120 fi laawuncharoota jahaa Kooriyaa Kaabaa akka bobbaafaman eegdi jedhan.

    Oppireeshinii misaayelaa keessatti gaheen loltoota Kooriyaa kanneenii maal ta'uu akka danda'u ifa miti.

  7. Raashiyaan misaayeloota baalistikiitiin Kiyiiv keessatti namoota 14 ajjeeftee 22 immoo madeessite

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Raashiyaan misaayeloota baalistikiitiin Kiyiiv keessatti namoota 14 ajjeeftee 22 immoo madeessite

    Raashiyaan haleellaa misaayeloota baalistikii fi diroonii Yukireen magaalaa Kiyiiv keessatti namoota 14 ajjeeftee 22 immoo madeessuu aangawoonni himan.

    Haleellaan kun haleellaa hamaa bara kana keessa Kiyiiv keessatti lubbuu hedduu balleesse kan jalqabaati jedhameera.

    Haleellaa Roobii halkan walakkaa raawwatame kana, hoggnaaan waraanaa Kiyiiv Timuur Kaachenkoo, "Diinni irra deebiin haleellaa hamaa kutaa bulchiinsa Kiyiiv irratti raawwachaa" jira jechuun ibsan.

    Magaalaa Kiyiivii fi qaraqara isheetti akeekkachiifni haleellawwan qilleensaa, danbalii haleellaa misaayelootaa sa'aatii tokkoof ture kana akeekkachiisu dhagahamaa ture. Haleellaan kun manneen jireenyaa fi man-kuusaawwan mancaasuu hogganaaan waraanaa Kiyiiv himan.

    Kaachenkoon bulchiinsa Booriyspiil keessatti namoonni sagal, Buchaa keessatti namoonni afur, Faastiv keessatti namni tokko ajjeefamuu ibsan.

    Gama Raashiyaatiin yaadni kenname tokko hin jiru.

    Kantiibaan magaalaa Kiyiiv Vitaalii Kiliitschkoo haleella akana hordofee namoonni jijjigaa gamoowwanii jalatti akka hin hafne yaaddoon jiraachuu ibsan.

    Yaada Telegiraamii isaaniirratti kennaniin namoonni afur akka malee madaawuu ibsan.

    "Diinni irra deebiin ta'e jedhee namoota nagaa fi bu'uuraalee misoomaarratti haleellaa raawwachaa jira" jedhan hogganaan waraanaa Kiyiiv.

    Raashiyaan torbaanota dhiyoo haleellaa Kiyiiv irratti raawwattu kan hammeessite yoo ta'u, Yukireenis buufataalee anniisaa Raashiyaa dabalatee haleellaa dhaabbilee uummataa irratti raawwattu cimsiteerti.

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -
  8. Qataar jaarsummaan US fi Iraan bu'aa gaarii argamsiisaa jiraachuu ibsite

    Doonii Ulaa Hormuuz irra jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Qataar tattaaffiin jaarsummaa US fi Iraan gidduutti waraanni akka dhaabbatuuf taasifamaa jiru bu'aa buusaa jiraachuu ibsite.

    Qataar kana ibsuu booda gatiin boba'aa addunyaa saffisaan hir'ateera.

    Tiraamp Wiixata darbe Iraan waliin mariin eegalamuu ibsee, ''Iraan sanada bareedaa mallatteessuuf carraan dhumaa qabdu amma,'' jedhee ture.

    Aanga'oonni Iraan garuu Ameerikaa waliin marii gaggeessaa akka hin jirre ibsaniiru.

    Iraan dhimma Ulaa Hormuuz irratti Omaan waliin mari'ataa jiraachuu ibsuun, torbee kana ammoo mariin kamiyyuu akka hin jirre himte.

  9. Iraan yoo Ulaa Hormuuz hin banne 'haleellaa laalessaatu' ishee eeggata jedhan Tiraamp

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, 'Iraan yoo Ulaa Hormuuz hin banne 'haleellaa laalessaatu' ishee eeggata'

    Iraan wayita boba'aa gadi bu'ee jiru kanatti yoo Ulaa Hormuuz hin banne 'haleellaa laalessaatu' ishee eeggata jedhan Tiraamp.

    Donaald Tiraamp 'dhiyootti dafee Ulaan Hormuuz ni banama' ykn 'Iraan haleellaa laalessaatu ishee mudata' jedhan.

    Waliigaltee biyyoota lamaanii ilaalchisee abdiin uumamnaan gatiin boba'aa torbee sadi keessatti isa daran sadarkaa olaanaan gadi bu'e.

    Pirezdant Tiraamp dubbii kana Fox News irratti kan dubbatan Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoo fi Ministirri Maallaqaa Iskoot Beeseent marii Iraanii fi US irratti jijjiiramoonni mul'chuu dhufuu isaatiin torbee kana keessa carraan imala dooniiwwan daldalaa bakkatti deebi'uu ni jiraata jedhanii booda.

    Gatiin boba'aa jikitaa Bireent, kan ka'umsa gatii boba'aa addunyaa ta'e, 5%niin gadi bu'ee dolaara 80tti gurguramaa jira. Kun oduun danqaa dhiyeessii boba'aa salphachuu dhagahamuu booda waan mul'ate.

    Garuu milkii dhabuun marii nagaa biyyoota lamaan jidduutti mudate gabaa boba'aa tasgabbii dhorkeera.

    "Marii gaariitti jirra," jedhan Tiraamp daawwannaa isaanii Kaalifoorniyaarratti, Iraan waraana kana xumuruuf waliigaltee raawwachuu feeti jedhan.

    Ajajni Giddugaleessaa US (CentCom) "seensi Ulaa Hormuuz gama kibbaa bilisa ta'uu fi dooniiwwan daldalaa gama qaama bishaanii addunyaa imaluu fedhaniif banaa ta'uu" beeksise.

    Kibxata US Lixa Teksaas keessatti gatiin boba'aa jikitaa Bireent 5%'niin gadi bu'ee dolaara 76 gaheera.

    Ruubiyoon marii Iraanii fi Omaan gidduutti godhamaa jiru jijjiirama agarsiisaa jiraachuu eeran. Kanaanis dooniiwwan hedduun ulaa kana keessa darbaa jiraachuu dubbatan.

  10. Gaazatti sirni awwaalcha namoota 112 haleellaa Israa'eliin du'aniif taasifame

    Sirna awwaalchaa Gaazatti gageeffame
    Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni heddduun sirna awwaalchamaatii Abu Shaariyaafi Hasaniyaa jedhamuun beekamanii Gaazatti gaggeeffame irratti argamaniiru.

    Gaazatti sirni awwaalchaa namoota haleellaa Israa'eliin du'an 112 bakka tokkotti raawwate.

    Namoonni kunneen waggaa lama dura bara 2023 haleellaa Israa'el gamoo mana jireenyaa irratti raawwattee turteen kan ajjeefaman yoo ta'u, sirni awwaalcha isaanii har'a bakka tokkotti iddoo namoonni baay'een argamanitti gaggeeffame.

    Reeffi maatiifi firoota walitti dhiyoo tokkoo barbaacha torban lamaaf godhameen dhiyeenya jijjiga gamoo jalaa argame.

    Reeffi namoota kanneenii magaalaa Gaazaa keessatti tarree galfamee alaabaa Filisxeemin uwwifamee erga agarsiifamee boodadha sirni awwaalchaa kan gaggeeffame.

    Sirni awwaalchaa kunis Gaazaa keessatti sirna awwaalchaa guddaa namoota hedduuf bakka tokkotti taasifame jedhame.

    Namoonni du'an kunneen hedduunsaanii dubartootafi daa'immaniidha. Dubartoota 40, ijoollee 38 fi qaama miidhamtoonni 7 kanneen du'an keessaa ta'uutu ibsame.

    Namoonni 112 kunneen naannoo mana jireenyaa tokko kan jiraataniifi firoota dhiyoo maatii Abu Shariyaafi Hasaniyaa jedhamuun beekamaniidha.

  11. Hidhattooti Huutii buufata xayyaaraa Saawudii haleeluu ibsan

    Konkolaataa hidhattoota baatu

    Madda suuraa, Reuters

    Huutiin Yaman buufata xayyaaraa Saawudii Arabiyaa irratti haleellaa raawwachuu ibse.

    Dubbi himaan Huutii Yaahiyaa Saaree akka ibsetti, Kibxata har'aa buufata xayyaaraa Kibba Saawudii Araabiyaatti argamurratti haleellaan diroonii gaggeeffame.

    Yaahiyaa Saaree fuula X gubbaatti gubbaatti, haleellichi qiyyaafannoo yaadame rukutuu beeksise.

    Mootummaan Saaduwii Aabiyaa haleellaa Huutii Yaman gaggeessuu himatu ilaalchisee hanga ammaa homaa hin dubbanne.

    Dirooniin Saawidii daangaa Yaman seenurraa kan ka'e haaloo bahuuf buufata xayyaaraa Saawudii haleeluu ibse Huutiin.

    Gara fuulduraattis, "qilleensa Yaman sarbame hundaaf deebii madaalawaa ni kennina" jechuun barreesse Yaahiiyaan.

  12. Yukireen kaleessa man-kuusaa Raashiyaa sadi yoo haleeltu, nama shan immoo ajjeefte

    -

    Madda suuraa, Handout

    Ibsa waa'ee suuraa, Yukireen kaleessa mankuusaa Raashiyaa sadi yoo haleeltu, nama shan immoo ajjeefte

    Yukireen kaleessa mankuusaa Raashiyaa sadi yoo haleeltu, nama shan immoo ajjeesuu aangawoonni beeksisan.

    Haleellaan Yukireen man-kuusaawwan sadi irratti raawwatame kun halkan dirooniidhaan yoo ta'u, suuqiin daldalaa oonlaayinii (wildberries) tokkos rukutamuun namoonni shan ajjeefamuu aangawaan naannichaa himuu Rooytarsi gabaase.

    Suuqiiwwan uffataa akkasii irra deddeebiin qiyyaafannoo haleellaa Yukireen turan.

    Yukireen haleellaawwan kanneen qaama waraana mana tokko tokkoon maatii Raashiyaa seensisuu jettiin.

    Man-kuusaan Seeyint Piitarsberg cinaa ture ibiddi itti qabatee ture. Balaan lubbuu namaarra gahe garuu hin turre.

    Kaaba lixa Mooskoo kutaa bulchiinsa Yver keessattis akkanuma suuqiin uffataa haleellaa dirooniin manca'uu bulchaan naannichaa Naataalii Korolyoonv ibsan. Haleellaa kanaan namni miidhame hin turre.

    Kutaa bulchiinsa Mooskoo kan uummanni miliyoona 22 keessa jiraatu keessatti haleellaa magaalaa Chekhoov irratti haleellaan diroonii raawwatame man-kuusaa tokko haleeluun namoota shan ajjeesuu bulchaan kutaa Mooskoo Andiree Vorobyoov himan. Namoonni 10 dabalataa madaawan jedhan.

    Kiyiiv haleellaawwan itti fufteen hojiiwwan suuqii daldalaa oonlaayinii (Retaillor Wildberries) adda kutte.

    Hojigaggeessaan kaampaanii daldala oonlaayinii kanaa Tatyana Kim gochaa Yukireen kana gochaa shororkeessummaa jechuun ibsan.

    Haleellawwan Yukireen kunneen Adoolessa 18 kaasee itti fufanii jiru.

  13. Loltuun Raashiyaa Kiriimiyaa keessatti loltuu gita isaa tokkoo fi namoota nagaa sadi ajjeese

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Raashiyaa

    Loltuun Raashiyaa Kiriimiyaa keessatti loltuu gita isaa tokko yoo ajjeesu, tokko immoo madeesse. Hidhannoo isaa naanneffachun immoo namoota nagaa sadi ajjeesuu. Namoonni nagaa sadi immoo madaawuu isaanii Bulchaan bulchiinsa Sevaastooppol Mikaa'el Raazvoozhaayeh himan. Loltun haleellaa kana raawwate to'atamuu himeera bulchaan kun.

    Akeekni haleellaa raawwatamee maal akka ta'e hin beekamne. "Haalaa fi sababoonni taatee kanaa qoratamaa jiru," jedhan Raazvoozhaayeh, uummanni tasgabbiin akka taa'uu fi odeesssa qabatamaa hin taanerraa akka of qusatu hubachiisan.

    Kiriimiyaan kutaa Galoogalaanaa Galaana Gurraachaa tarsiimawaa fi waraanaan dhuunfatamte yoo taatu, Raashiyaan bara 2014 Yukireenirraa dhuunfachuun of jala galchite.

  14. Tiraamp mariin ammaa kun Iraan ''sanada bareedaa akka mallatteessituuf carraa dhumaati,'' jedhe

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Iraan waliin mariin eegalameera jechuun ejjennoosaatti cichee kan jiru Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp, mariin amma taasifamu Iraan ''sanada bareedaa mallatteessuuf carraa isa dhumaati,'' jedhe.

    Iraan gamasheen isa Tiraamp mariin Iraan wajjin waraana dhaabuurratti xiyyeeffate Wiixata kaleessaa eegala jechuun ibsee ture dhugaa akka hin taane ibsiteetti.

    Ulaa Hormuuz irratti imala eegalchiisuuf daandii yeroof adda ba'e fayyadamuu ilaalchisee, Iraan biyya waliin ulaa galaanaa kana qoodddattu, Omaan waliin marii eegaluu ibsiteetti.

    Iraan erga Tiraamp karoora haleellaa cimaa Iraan irratti raawwachuuf qabate haquun, Iraan waliin mariitti seenuuf akka jedhu ibsee booda.

    Tiraamp marii haaraa kanarratti eenyu akka hirmaatu akkasumas eessatti akka gaggeeffamu hin ibsine.

    Iraan garuu Ameerikaa waliin mariitti akka hin jirree fi mari'achuufis karoora akka hin qabne ibsite.

    Iraan marii kana keessatti hirmaannaa akka hin qabne ibsuun Pirezidant Tiraampiin mufachiiseera.

    Ergaa miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social jedhamurratti barreesse keessatti aanga'oonni Iraan ''namoota hin amanamne, sobdoota,'' jechuun arrabse.

    Turtii gaazexeessitoota Waayit Haawus waliin taasiseenis mariin haaraan gaggeeffamaa jira jechuun ejjennoosaatti ciche.

    ''Osoo mari'ataa hin jirru ta'ee 'mari'ataa hin jirrun' isiniin jedha. Amma garuu mari'ataa jirra,'' jedhe Tiraamp.

    Tiraamp haleellaa Iraan irratti karoorse haquun marii eegaluu kan murteesseef gaaffii Sa'uudii Arabiyaa fi biyyoota Arabaa kaaniin ta'uu ibse.

  15. Godaantotaan walqabatee taatee Ispeenitti mudate booda Gamtaan Awurooppaa eegumsi daangaa akka cimu akeekkachiise

    Godaantota daangaa ce'an

    Pirezidantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursula von der Leyen, erga torbee darbe godaantonni kumaatamaan lakkaa'aman Morookoo irraan gara daangaa Ispeen ce'anii booda, eegumsa daangaarratti biyyoonni Awurooppaa gamtaan tarkaanfii fudhachuu akka qaban waamicha dhiheessan.

    Ispeen godaantonni 69,500 ta'an gara Morookootti deebifamuu ibsite.

    Lakkoofsi godaantota balaa kanaan daangaa Ispeen keessatti du'anii 72, kan Morookoo keessatti du'an ammoo 11 ga'eera.

    Ministiroonni dhimma biyya keessaa biyyoota Gamtaa Awurooppaa dhimma kanarratti har'a mari'achuuf jedhu.

    Taateen Ispeen, Sewuutaatti mudate dhimma godaantotaa irratti hariiroo biyyoota Gamtaa Awurooppaa 27 danqeera.

    Xaaliyaaniin taatee Sewuutaa mudateef deebii kennuuf jecha waliigaltee imala daangaa malee biyyoota Awurooppaa- Schengen jedhamu kan Ispeen waliin qabdu yeroof haqxe.

    Waliigaltee kanaan yeroo ammaa namoonni miiliyoona 450 caalan fayyadamtoota. Biyyoonni Awurooppaa waliigaltee kana keessatti hammataman 27.

  16. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra.

    Odeessaalee biyya keessaa fi addunyaa karaa kanaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

    Odeessaalee keenya karaa Marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook keenyaas argachuu dandeessu.

    Tamsaasa kallattii armaan duraan odeeffannoo dhiheessaa turre asii argattu.