Ulaa Hormuuz banuuf haaldureewwan ja'an Iraan Tiramp irraa eegdu maal fa'a?

Fakkii doonii duubaan alaabaa US fi Iraan mul'atu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Iraanis ta'e Omaan, waliin dubbiin Ulaa Hormuuz banuu irratti xiyyeeffate abdii akka qabuu fi imala dooniiwwaniitiif carraan banamuu jira jedhanii amanu.

Waliin dubbiin dhiheenya deemaa ture ammoo ulaa kana keessa karaa imalaa haaraa kan Iraanii fi Omaan irratti aangoo qabaatan mijeessuu irratti xiyyeeffate.

Garuu Iraan ulaa kana tajaajilaaf banuudhaan dura Ameerikaan kana guutuu qabdi jechuun haalduree toora naqatte.

Haaldureewwan Iraan keesse kunneen maali, Ameerikaan kana guutuu dandeessii?

Hormuz Danaa Ulaa Hormuuz

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbata Tamsaasaa IRIB jedhamurratti kan dubbatan dura taa'aan kaawunsilii nageenya biyyaalessaa Iraanii fi amma gorsaa gaggeessaa olaanaa Iraan kan ta'an Mohaammad Bager Zogaadir, Ameerikaan amalashee tolfachuu qabdi, fedhii nuti tarreesine kanas guutuu qabdi jechuun akeekkachiisan.

Amala tolfachuu jechuun kan isaan eeran ammoo kanneen armaan gadiiti.

1. Afaan kamiinuu Iraan doorsisuu fi qulqullummaa lammiileeshee arrabsuu irraa ofqusachuu

Iraan akka jettetti, Ameerikaan doorsisa Iraan irrattii taasistu dhaabuu fi waan akkanaa akka irra hin deebi'amnes waadaa seenuu qabdi. Kuni fedhii siyaasaa fi nageenyaati.

Hojiira oolmaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu ammaan duraa hanqina gama lamaanii qabaatulleen, fuula duraaf garuu haalli kana duraa akka irra hin deebi'amne mirkana ta'uun barbaada jetti Iraan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

2. Waraana Iraanii fi Michuuwwanshee akka Libaanos, Filisxeem, Yemenii fi Iraaq irraa hanga dhumaatti dhaabuu

Haaldureen Iraan kaa'atte biraan waraanni narraa haa dhaabbatuu qofa miti. Ana qofa osoo hin taane michootakoo akka Libaanos, Filisxeem,Yemenii Iraaq irrattis waraanni jiraachuu hin qabu jette.

Waliigalteen kana dura ji'a Waxabajjii keessa mallatteessan 'Waraanni Libaanos keessaas haa dhaabbaatu' kan jedhu ture. amma qaxanaa sana keessatti guutummaa tasgabbii waan feete fakkaata Iraan.

3. Ugurra imala dooniiwwanii irra jiru akka ka'uu fi humni waraanaa Ameerikaa bakkicha gadhiisee akka bahu

Waliigaltee Iraanii fi Ameerikaan Ji'a Waxabajjii darbe walii mallatteessan irratti Ameerikaan guyyoota 30 keessatti uggura dooniiwwanii akka kaastu kan jedhu ture. kuni garuu kallattiidhaan dhimma ulaa Hormuuz banuu waliin walabatu hin turre.

4. Waraana waggaa lamaan darbe Iraan irratti ta'een miidhaa gaheef beenyaan akka kanfalamuuf

Beenyaan kuni kan gaafatame waraana bara 2025 guyyoota 12'f turee fi waraana dhiheenyaatiin walitti.

Akkaataan kaffaltii beenyaa kanaa akkaataa waliigaltee ji'a Waxabajjii darbe irratti caqafameen yoo ta'e qaama waliigaltee xumuraa ta'ee dhumarratti murtaa'a kan jedhu ture. Iraan garuu amma dhimma beenyaa kana kallattiidhaan dhimma banamuu Ulaa hormuuz waliin walqabsiisaa jirti.

5. Qoqqobbiiwwan 'hamoo fi seeraan alaa uummata Iraan irraa kaasuu

Aara galfiin qoqqobbii irratti Iraaniif kenname waliigaltee xumuraa irrattis dhimma ilaalamu ta'a. kanaaf jecha Iraan amma bakka kanatti ajandaa haaraa gootee hin kaastu. Wanti haaraan kanarratti Iraan amma qabattee asbaate yoo jiraate aara galfii qoqqobbii kana banamuu Ulaa Hormuuzin walqabsiisuusheeti.

6. Qabeenya laammiilee Iraaan hatamanii fi akka hin sochoone dhorkaman haalduree tokko malee gadhiisuu

Haaldureen kunis haaraa miti. Dhimmi qabeenya Iraan biyya alaatti akka hin sochoone dhorkamee fi ittifamee Kanaan dura irratti mari'aatamee ture.

Akka iraan jettutti haaldureewwan ja'an kuni Ulaa hormuuz banamuudhaan duratti hojiitti akka hiikaman barbaaddi.

Xinxalaan BBC Baha Giddugaleessaa Sebastiyaan Usher, haaldureewwan ja'an kuni Iraan ejjennooshee cimsachaa dhufuu akeeka jedha.

"Haaldureewwan kunneen qaama waliigaltee araaraa amma dura ture keessati dhimmoota ka'aa turani. Garuu toftaan isaan ittiin kaasanii fi yeroon isaan itti gaafatan kan duraarra adda" jedha.

Iraan sababa Ulaa Hormuuz amma cufamee jiru kanaatiin irreenshee akka jabaatu godheeraa.

Inistituutii Kunsii jedhmutti pirezedaantii itti aanaa kan ta'an Tiriitaa Parsii,BBC'tti akka dubbatanitti, haaldureen isaan amma dhiheessan kuni baayyee kan arbeeffame akka ta'e Iraanotni mataansaaniyyuu inuma beeku jedha.

"Wanti uummata duratti dubbatamu qabatamaadhaan waan waaltajjii marii irratti dubbatamerraa adda ta'uu mala" jedha.

Doonii bishaanirra yabalaa jiru

Madda suuraa, Elke Scholiers/Getty Images

Akka Parsiin jedhutti, haaldureen amma Iraan tarreesite kuni toftaa marii ta'ee ilaalama.

"Kuni kan agarsiisu adeemsa isaa dheeressuu irratti akka fuulleffatani" jedha.

Iraan marii araaraa Ji'a Waxabajjii darbee irraatti hataattamaan gara waliigalteetti dhufte. Garuu waliigalteen suni cabuuf guyyoota qofa ture. guyyoota muraasaan booda lolli itti fufe.

Namootni Iraan keesa jiran tokko tokko, Iraan waliigaltee kana dheeressaa wayita deemte gatiin boba'aa akka dabalu gochuudhaan dinagdee addunyaa irratti dhiibbaa isaanii akka dabalu godhu.

Pirezedaant Doonaald Tiraamp Iraan haleeluuf amma akka duraa aariifachuu dhiisuu malu. Iraanis taanaan dogogora akka kana duraa irra deebi'uu hin feetu.

Haala kana hunda keessatti garuu waliigalteen Ulaa Hormuuz banuu kuni mallattaa'uuf guyyootni qofti hafeera. Kanneen doonii keessa taa'anii banamuu ulaa kanaa eegaanii fi gatii boba'aa kanneen hordofaniif waliigaltichi akka eegametti yoo raawwatame oduu aagaa ta'a.