"Waliigaltee niwukilarii-maleessa ta'e mallatteessuu hin beekan. Dafanii abshaala ta'uu qabu!" jedhe Tiraamp ergaa Roobii dabarseen. Waliigalteen kun maal akka hammatu garuu hin eerre. Iraan yuraaniyemii nagaa fi dhimma siviilii biroof gabbisuu beekkamtii US ni feeti.
Iraan yuraaniyemii 60% gabbate 440 kg qabdi. Kun immoo sadarkaa caalutti gabbifame waraanaaf ooluu kan danda'udha.
Qondaalli kun itti dabaluudhaanis ibsi bal’aan akkuma qorannoon xumurameen kan ifoomu ta’uu eeran
Ameerikatti fudhatamummaan Tiraamp haala ta'ee hin beeknen gadi bu'e - gabaasa
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp erga aangoo qabatanii as jaalatamummaa fi fudhatamni inni lammilee Ameerikaa biratti qabu sadarkaa gadi aanaan gadi bu'eera.
Dhimmi kun qorannoo haaraa Rooyitars fi Ipsosiin gaggeeffameen kan ifoome yoo ta’u, gaazexaa Biriteen 'The Guardian' jedhamu irratti maxxanfame.
Akka gabaasni kun kun jedhutti sababni guddaan Ameerikaanoonni Tiraamp jibbaa dhufaniif qaala’iinsa jireenyaa dabalaa jiru to’achuu dadhabuu isaatti gammachuu hin qabani.
Akkasumas lammileen Ameerikaa waraana Ameerikaan Iraan waliin taasisifte kan hin deggerre yoo ta’u, kunis Ameerikaatti gatiin boba’aa akka ol ka’u sababa guddaa akka ta'etti yaadu.
Faransaay lammiileen ishee Maalii gadhiisanii akka bahan hubachiifte
Madda suuraa, AFP via Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, -
Faransaay lammiileen ishee saffisaan Maalii gadhiisanii akka bahan ajajje. Kun kan ta'e haleellaa riphee loltootaa fi gara finxaaleyyii Islaamaarraa sanbattan darbe raawwate booda.
Roobii Faransaay lammiileen ishee gara biyya Afrikaa Lixaa tanas akka hin imalle hubachiifte. Haalli jiru " baay'ee jeeqamaa dha" jette.
Sanbat-duraa darbe, dho'iinsi fi dhukaasi qawwee walirraa hin cinnee magaalaa guddoo biyyattii Baamaakoo dabalatee guutuu biyyattii keessatti itti fufee oole.