Waa'ee xiyyaara balalii gara Israa'el irratti gufachuun Sa'uudii qubatee maal beekna?

Madda suuraa, EPA
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu taatee xiyyaara Dubaay irraa gara Tel Aviiv balali'aa ture mudate duuba eenyu akka jiru dubbachuuf yeroonsaa ganaadha jedhe.
Xiyyaarri Flydubai Roobii, Fulbaana 30, 2026 dhibdee paayiletiifi gargaaraa paayiletii gidduutti dhalateen gufatee akka ture dhaabbati Flightradar24 jedhamu ibseera.
Taatee kana duuba fedhiin jiru ykn eenyu akka sababa ta'e aanga'oota irraa yaadi dhihaate hin jiru.
Fox News Iraan taatee kana keessaa harka yoo qabaatte jedhee Neetaaniyaahuu gaafannaan ''kana jechuuf yeroon ganaadha,'' jedhee deebise.
Taateen kun wayita mudatu xiyyaarichi Tel Aviiv osoo hin ga'in Sa'uudii Arabiyaa qubate.
Namni xiyyaara keessatti haleellaa raawwate bakka itti to'atamee jiru, Sa'uudiitti qoratamaa jira.
Dhibdee paayiletota gidduutti mudateen xiyyaarri wayita raafamu imaltoonni akkaan rifachuu dubbatan.
Kutaa paayileetotaatti seenuu fi paayiletiin gargaaraa waliin wayita wal'aansa walqabu arguu ibsan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Haala kanaan xiyyaarri gara lafaatti qajeele.
Neetaaniyaahuun namni haleellaa raawwate gara Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) deebi'a jedhee akka eegee ture dubbate.
''Ammas adeemsa jiru ni hordofna, qorannoo gaggeeffamu keessattis ni hirmaanna,'' jedhe.
Xiyyaara namoota 174 qabatee gara Israa'el balali'aa ture kana ilaalchisee biyyattiin akeekkachiisa ykn odeeffannoo yaaddoo nageenyaa ilaallatu dursitee waan kennite hin qabdu.
Xiyyaara Flydubai kan Dubaay irraa Tel Aviiv balali'aa ture kana keessatti paayiletiin tokko paayiletii isa kaan albeedhaan erga waraanee booda to'atameera.
''Yaadi isaa xiyyaaricha kuffisuu ture,'' yaada jedhu kenne Neetaaniyaahuun.
Taateen kun wayita mudatu imaltoonni fi gareen hojjettootaa xiyyaaricha keessa turan paayiletii haleellaa raawwate to'achuun, sana booda xiyyaarichi kaaba lixa Sa'uudii Arabiyaa, buufata xiyyaaraa Tabuk nagaan qubate.
Imaltoonni hundi isaanii lammiilee Israa'el jechuun ni danda'ama. Hundi isaanii Roobii, Fulbaana 30, 2026 xiyyaara biraan gara Tel Aviiv geeffamaniiru.
Paayiletiin xiyyaara keessatti waraaname lammii Indiyaa yoo ta'u maqaansaa Smit Machchhar jedhama.
Paayiletiin kun erga hospitaala seenee booda amma fayyummaansaa haala gaariirra jira.
Neetaaniyaahuu fi Ministirri Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodii paayiletii kana ''goota'' jechuun faarsan.
''Waraanamee akkaan miidhamee osoo jiruu cichee ofirraa lole. Xiyyaarichi akka hin kufne, didee hambise. Falmatee kutaa balaliistotaa humnaan bane. Booda imaltoonni fi hojjettoonni namicha balaa qaqqabsiise to'atan,'' jechuun X irratti barreesse Neetaaniyaahuun.
Imbasiin Indiyaa Sa'uudii Arabiyaa jiru Machchhar hospitaala keessatti wal'aanamaa akka jiruu fi fayyummaansaa haala gaariirra akka jiru ibse.
''Indiyaan paayiletii Machchhar jedhamuun ni boonti,'' jechuun kan jajan Naareendiraa Moodii, ''balaa hamaa isa mudate keessatti, osoo waraanamee jiruu, cichoomina agarsiiseen lubbuu namoota kaanii baraareera,'' jechuun X irratti barreessan.
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp taatee kana hordofee Neetaaniyaahuu waliin dubbachuu hime.
Paayiletiin haleellaa sana raawwate ''shororkeessaatti akka shakkamu'' ykn ammoo taatee kana duuba fedhii jiru irratti waahilasaa waliin dubbachuu hime Tiraamp.
Ministira Ittisaa Israa'el kan ta'e Israa'el Katz taatee kana ''yaalii haleellaa shororkeessummaa jihaadistii'' jechuun ibse.
Garuu dhimma kanarratti odeeffannoo bal'aa hin kennine.
Xiyyaarri kan Flydubai ta'e FZ1073 jedhamu Buufata Xiyyaaraa Idiladdunyaa Dubaay irraa gara buufata xiyyaaraa Israa'el Ben Guriyoon jedhamutti balalii kan eegale ta'us taatee isa mudateen Sa'uudii Arabiyaa buufatata xiyyaaraa Tabuuk jedhamu qubachuuf dirqameera.

Madda suuraa, Reuters


























