Sababa 'yaaddoo nageenyaan' barattoonni Tigraayitti akka hin ramadamne murtaa'e

Madda suuraa, Ministry of Education Ethiopia
Barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo Naannoo Tigraay keessatti barachaa jiran ''komii dhiheeffataniin'' yunivarsiitiiwwan kaanitti ''yeroodhaaf'' akka ramadaman murtaa'e.
Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa ibsa baasen akka beeksisetti, Naannoo Tigraayitti ''haalli mijaa'aa hanga uumamutti'' yunivarsiitiiwwan kaanitti akka ramadaman ta'e.
Torban dura xalayaa Ministirri Barnootaa Birhaanuu Naggaa barreessaniin yunivarsiitiiwwan afur Naannoo Tigraay keessatti argaman dallaa isaanii ''sochii waraanaa kamirraayyuu bilisa'' akka godhan akeekkachiisanii turan.
Murteen tibbanaas eegasii booda dhagahame. Murtee ammaa irratti dhaabi Naannoo Tigraay harkaa qabu, TPLF, ammatti waan jedhe hin qabu.
Murteen kuni yeroo muddamni siyaasaafi waraanaa Tigraay keessa cimee jirutti dhagahame.
Ministeerri Barnootaa kaampaasiiwwan yunivarsiitii keessa ''madoon waraanaafi hidhattoonni'' hanga hin baanetti barattoota akka hin ramadne beeksisee ture.
Ministeerri Barnootaa akeekkachiisa kana kan kenne xalayaa ALI Qaam'ee 02, 2018 Yunivarsitii Maqalee, Aksum, Addigraatiifi Yunivarsitii Raayyaaf barreesseeni.
Ministeerri Barnootaa akeekkachiisa kana kan kenne yeroo waldhabdeen mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti hammaateettidha.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Haa ta'u malee, akeekkachiisa kanarratti deebiin yunivarsiitiiwwan kanaa maal akka ta'e hin beekamne.
BBC'n kana dura deebii argachuuf yaalee hin milkoofne.
Akka ibsa ministeerichaatti, barattoota yunivarsiitiiwwan Naannoo Tigraayitti barataa turaniifi ''haala naannicha keessa jiruun barnoota isaanii itti fufuu hin dandeenyeef komii isaaniif furmaata'' barbaacha dhufan waliin Pirof. Birhaanuun mari'ataniiru.
Marii kanarratti ture Pirof. Birhaanuun barattoonni kuni ''yunivarsiitiiwwan mootummaa biroo nageenya barattootaa eegamutti yeroof ramadamanii barnoota isaanii akka itti fufan murtaa'uu'' kan dubbatan.
Pirof. Birhaanuun ''barattoonnii mirga nagaan jiraachuufi barachuu qabaachuu'' eeruun osoo gara ministeerichaa hin deemin barattoonni karaa onlaayinii galmaa'uu akka danda'an dubbachuu ministeerichi ibseera.
Barattoota yunivarsiitii kaanitti ramaduun nageenya isaanii eeguun ala barnoonni isaanii akka adda hin cinneefillee gargaara jedhameera.
Dhaabni Naannoo Tigraay yeroo ammaa harkaa qabu, TPLF, mootummaan federaalaa haleellaa diroonii narratti raawwataa jira jechuun irra deddeebiin himataa jira.
Dhimma kana irratti aangawoonni mootummaa federaalaa waan jedhan hin qaban.
Mootummaan federaalaa fi qondaalonni TPLF tokko isa kaaniin lola narratti banuufi jechuun wal himataa turaniiru.
Muddamni mootummaa federaalaafi TPLF hammaate mariin furuuf Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Gamtaa Afrikaa Olisegun Obasaanjoo sochii eegalanii turan.
Biyyoonni Lixaas akka isaan deeggaran ibsaniiru. Haa ta'u malee, TPLF 'loogii qabu' jechuun himate.
Isaaniis deebii kennaniin himannaan TPLF 'dhugaa miti' jechuun muddamni Kaaba Itoophiyaatti itti fufe karaa nagaan furuu keessatti qooda isaanii bahachuu akka itti fufan dubbataniiru.
Dhaabni TPLF mootummaa waliin mariitti deebi'uuf haalduree kaa'u isaa ibsuunis ni yaadatama.
Ministeerri Barnootaa maal argadhe jedhe?
Yunivarsitiiwwan Naannoo Tigraayitti argaman ''buufata humna waraanaa, kuusaa, ijaarsa yookiin waan waraanaan walqabatu kamuu kan keessatti adeemsifamu'' akka hin taane Ministeeri Barnootaa kana dura akeekkachiise.
Ministeerichi tarkaanfiiwwan sadii dhaabbilee barnootaa kanneen fudhatamuu qaban jedhees tarreessee ture.
Kan jalqabarra kaa'e yunivarsitiiwwan dallaa isaanii keessatti ''madoon waraanaa argaman atattamaan akka baastan'' ajaja jedhudha.
''Dallaan hunduu sochii waraanaa kamirraayyuu bilisa akka ta'an akka mirkaneessitan'' jechuunis akeekkachiisa kenne.
Dabalataan kaampaasiiwwan, mana jireenyaa barattootaa, wiirtuu fayyaa, gamoo, kuusaafi qabeenya yunivarsitiiwwan kanneen akka konkolaataawwan'' sochii waraanaa kamiifuu akka hin oolle to'annoon cimaa akka taasifamu'' jechuunis ajaje.
Hoggansi yunivarsitiifi boordiin ajajoota kanaaf ''xiyyeeffanoo addaa kennanii raawwii isaa itti dhiheenyaan akka hordofan'' akeekkachiiseera.
Dabaluunis, ''dallaawwan yunivarsitii sochii waraanaa kamirraayyuu bilisa ta'u isaanii sirnaan yoo hin mirkanoofne gara yunivarsitiiwwanitti barattoota akka hin ramadne beeksisuu barbaanna'' jechuun tarkaanfii fudhatuu malu beeksisee ture.

Madda suuraa, Ministry of Education Ethiopia
Dallaa yunivarsiitiiwwanii keessa argamu kan jedhaman ''madoon waraanaafi hidhattoonni dallaa yunivarsiitii keessaa'' bahuu akka qabanis akeekkachiiseera.
"Murteen kun hanga nageenyi barattootaafi haalli barnootaa nagaa qabu mirkanaa'utti hojiirra akka oolu" ibsuun, Ministeerichi ''ergama yunivarsiitichaan ala" sochii gaggeeffamu gabaasuu dhiisuun "ittigaafatamummaa cimaa" akka hordofisiisu akeekkachiiseera.
Kana duras dhimma barnootaan walqabatee aangawoota federaalaafi Naannoo Tigraay kan harkaa qabu, TPLF, gidduutti dhibdeen dhalatee ture.
Adooleessa darbe keessa hoggantoonni naannoo Tigraay qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa ilaalchisee muddama keessa seenanii turan.
Biiroon barnootaa naannichaa murtoon biroon federaalaa qormaata biyyaalessaa ilaalchisee kenne ''kan wal faallessu, iftoomina kan hin qabneefi yeroo yeroon kan geeddaramu'' jechuun qeeqee ture.
Biiroon barnoota naannoo Tigiraay barattoota kutaa 12ffaa naannichaaf qormaata ofii qopheessee akka qoru ibsuun barattoota biratti burjaajii uumee ture.
Haa ta'u malee, barattoonni kunneen xumurarratti akkaataa Ministeerri Barnootaa karoorseen Yuunivarsiitii Maqalee fi Adigraat keessatti qormaata qoraman.
Akkasumas barattoonni Naannoo Tigraayirraa gara Finfinneetti imalan guyyuma sana Yunivarsiitii Finfinnee keessatti qoramuu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.



















