Namoonni Waancaa Addunyaarratti meeshaalee taphattoota Ingilaand doolaara 18,000 baasu saamuun shakkaman himataman

Madda suuraa, Getty Images
Saamicha taphattoota garee biyyaalessaa Ingilaand irratti raawwateen namoonni hidhata qabu jedhamuun shakkaman himatamuun ibsameera.
Waajjirri Abbaa alangaa bulchiinsa Jaaksan saamicha konkolaataa meeshaalee taphattootaa fe'e irratti raawwateen garechi maallaqa doolaara 18,000 ta'uu dhabuu ibse.
Konkolaataa meeshaalee taphattootaa fe'ee Filooriidaa, mooraa taphattoonni Ingilaand tapha dura keessa qubatanii turan irraa gara magaalaaa Kansaas imalaa turerratti saamicha raawwatame jedhameen kanneen shakkamanii himataman Musxafaa Saalik fi Erfaan Kamaal jedhmu.
Taateen kun dorgommiin Waancaa Addunyaa 2026 Kanaadaa, US fi Meeksikoon qopheessan eegalamuu guyyaa tokko dura kan raawwateedha.
Wanti mudate kun qophii taphattoonni Ingilaand taasisan irratti dhiibbaa guddaa akka hin uumne Waldaan Kubbaa miillaa ibseera.
Gareen Ingilaand taphasaanii jalqabaa Kirooshiyaa waliin Roobii dhufu taphataniif shaakala hojjetaa jiru.
Meeshaaleen taphattoota jalaa fudhataman, kan mana murtiin ibsamanii fi BBC Sport argate, kopheewwan ittiin taphatan, kubbaa miillaa tokko, gilaavii harkaa gooli eegaa fi huccuuwwan uffatanii shaakala hojjetan dabalatu.
Qomeewwan ykn huccuuwwan sadi kanneen irratti mallattaa'an fi gatiinsaanii doolaara 15,000 baasus kanneen hataman jedhaman keessaati.
Meeshaaleen hataman jedhaman garri caalaan akka deebi'an BBCn hubateera.
Namoonni hanna kanaan shakkamuun himataman kunneen yoo balleessaa kana raawwachuunsaanii mirkanaa'e waggaa tokkoo hanga torbaa adabamuu danda'u.
Abbaan Alangaa bulchiinsa Jaaksan Melesa Joonsan ''bulchiinsi Jaaksan gocha hirmaattota Waancaa Addunyaarratti fuulleffate kamiifuu araarama hin qabu. Gareen idiladdunyaa dorgommiirratti hirmaachuuf asitti imalan dabalatee,'' jedhan.
''Namoota kunneen seeratti dhiheessuun adabbiisaanii akka argatan gochuuf kutannoon hojjenna.''
Kantiibaan Magaalaa Kansas Kuwintan Luuqaas ''hojii Dameen Poolisii fi Waajjirri Abbaa Alangaa saffisaan hojjetanitti guddoo boonna. Bulchiinsota adda addaa keessatti qorannoo gaggeessuun meeshaaleen hataman akka deebifaman godhaniiru. Kanneen yakka kanaan shakkaman akka himatamanis taasisaniiru,'' jedhan.












